Itoophiyaan liqaa deebisuu irra deebiin mijeessuurratti investeroota waliin marii jalqabde

Itoophiyaan akkaataa liqaa boondii idil-addunyaa doolaara biiliyoona tokko ta'u irra deebiin mijeessuun danda'amurratti garee invastaroota waliin marii idilee jalqabuu madda adeemsa kana keessa beeku eeruun Rooyitars gabaaseera.

Rooyitars gabaasa kanaan dura Biluumbarg baasee ture mirkaneessuun, abbootii qabeenyaa idili-addunyaa waliin akkaataa liqaa deebisuun irra deebiin sirreeffamuu danda'urratti Faransaay, Paarisitti mariin jalqabamuu gabaaseera.

Aanga'aan ministeera maallaqaa tokko odeeffannoo ballinaan osoo hin ibsiin, jilli mootummaa gara Paarisitti qajeeluu mirkaneessaniiru.

"Korawwan liqeessitoota boondii tokko tokkoo waliin beellamni qabamee ture," jechuun Rooyitarsitti kan dubbatan maddi kun, bu'aan kora kanaa dhumarratti kan ibsamu akka ta'e eeruun waliigalteerra garuu akka hin ga'amiin ibsaniiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa haaraa Iyyoob Takkaalling (PhD) yaada akka kennaniif gaafatamanii, battalatti deebii hin kennine.

Bakka bu'oonni koree liqeessitoota boondiis akkuma kana deebii hin kennine.

"Ijaarsa bu'uuraalee misoomaaf" akka oolu kan himame gurgurtaan boondii waggoota 10 keessatti deebiyee akka kaffalamuufi dhala dhibbeentaa 6.65 kan qabu ta'u yeroo sanatti dubbatamee ture.

Boondii Itoophiyaan baaste dhibbeentaa 50 abbootii qabeenyaa Ameerikaa, dhibbentaa 35 abbootii qabeenyaa Ingilizii, dhibbentaa 14 abbootii qabeenyaa biyyoota Awurooppaa fi kannene biroo bitataniiru.

Akkaataa waliigaltee jiruun Itoophiyaan A L I bara 2016 liqaa boondii kana kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta'u, karaa dhimma waloo biyyoota G-20 liqaan akka achi butamuuf filatteetti. Akkaataa adeemsa kanaatiin liqaan gam-lamee, Yuroo booondii fi liqaawwan daldalaa biroo akkaataa ittiin deebiyanin wal fakkaatu.

Mootummaan Itoophiyaa warra boondii bitatan waliin karaa liqiin darbuu danda'u adda baafachuurratti ji'ootaaf mariyachaa turaniiru.

Warra boondii bitataniifi mootummaa liqeeffate gidduu waliigaltee yeroo daangaa hin keenya mallatteessuun marii idilee jalqabuudhaaf akka dandeessisu kan eere gabaasni Rooyitars kun, garee lamaan wal mariyatan gidduutti waliigaltee qabatamaa qabaachuun marii kana qaama sadaffaatiif baasuurraa ni daangeffamu.

Mootummaan bara darbe ji'a Adoolessaa keessa waliigaltee liqaa dabarsuu idilee gochuu kan beeksise yoo ta'u, ministeerri maallaqaa dolaara biliyoona 3.5 akka kaffaluu beeksiseera.

Mariin kanaan dura warra boondii bitatan waliin taasifame, keessattuu dandeettii kaffauu mootummaa ilaalchisee waliigalteen dhabamee kan ture yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa warri liqeessan sirreeffama akka taasisan gaafachaa tureera.

Mootummaan kanaan dura xiinxala liqaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) eeruun, liqeessitoonni dhala dibbentaa 20 akka hir'isaniif yaada dhiyeesseera.

Haata'u malee, bakka bu'oonni garee liqeessitootaa odeeffannoo daldala alatti erguu biyyattii eeruun yaadicha kufaa kan taasisan yoo ta'u, Yeroo kaffalataa isaa sirreessuufi tarkaanfiiwwan biroo fudhachuun ni danda'ama jedheera.

Lakkoofsi daldala alaa cimaa ta'e dhiyeenya kana mootummaan ifoome yaada warra boondii bitatanii kan deeggaru ta'u, IMF deeggarsa xiqqaafi investimentiin alaa dhufu yeroo kaffaltaa yaadame yaaddoo keessa akka galchu akeekkachiisa baaseera.

Waggoota lamaan darban Itoophiyaan boondii dolaara biliyoona tokko A L I bara 2017 gurgurte dhala kaffaluun isheerra ture kaffaluu dhabuunshee ijoo dubbii ta'ee ture.

Mootummaan liqaa gurgurtaa boondiin argate kaffaluu kan dadhabe hanqina maallaqaatiin akka hin taane, garuu liqeessitoota hunda "walqixa keessummeessuuf" ta'uu yeroo sanatti beeksisee ture.