Waa raaguu barachuun ni danda'amaa?

Namoonni baayyee waa'ee waa raaguu yoo dhagahan gaaffii gaafatameef deebii sirrii ykn 'sana, kana' kennuu wajjin wal-qabsiisu. Haalli kunis yerootti falfala wajjin wal-qabatutu jira.

Haatahu malee, namoonni dandeettii 'waan tahuuf jiru' himuu danda'an nama isa kaanirraa dhimmoota gara fuulduraa tahuuf jiran haala addaan ilaalu.

''Yeroo waa raagnu fuuldura waliiinsaa hin beekamne keessatti carraa waan tokko tahuufi tahuu dhiisuuti yaadna. Duchaadhumaan wayii tilmaamuu mannaa, dhimma mirkana hin qabne garummoo madaalamuu ykn safaramuu danda'u argachuuf yaaluu qabna,'' jedha Raagaan Waareen Haach jedhamu.

Haala kanaan isa beeknuufi isa yaadnu caalaa tilmaama sirrii kaa'uu dandeenyaa jedha namni kuni.

Waaran adeemsa namni hunduu fayyadamee waa sirriitti tilmaamuufi murtoo fudhachuu danda'utu jira jedha.

Waa raaguu barachuun dandeenyaa?

Addunyaa akka malee mirkana dhabaa jiru keessatti waan tahuuf adeemu baruu eenyutu hin barbaadu?

Piroojektiin Good Judgement jedhamu gariin keenya uumamaan waa raaguu danda'uu keenya baruuf Fiiliip Teetlookiifi Baarbaaraa Meeleersiin Ameerikaatti hundaa'e.

Gareen kun namoota eeyyamamoo yaalii kanarratti hirmaachuu fedhan galmeessuu eegale.

Kanaan booda hirmaatonni kunneen wal-dorgommii Hawaasa Basaasaa Ameerikaan qophaa'erratti akka hirmaatan godhame.

Hawaasni tikaa/basaasaa kuni dhugumaan dandeettii gama kanaan jiru fooyyessuu barbaada ture jedha Waaran.

Kanas ogummaa uummatarraa argamuu danda'uun jalqabuu barbaadan, yaaliin kunis waggaa 10 dura jalqabe.

Haala kanaan gareen tokko warra kaan caalaa wayii tilmaamuu ykn raaguun bu'aa fooyya'aa walittifufinsaan agarsiisaa ture.

Kunis gaaffii qorannoo haaraa kaasee jedha Waaran. Gaaffiin ka'e namoota waa raaguun dandeettii adda agarsiisan kunneen garee miseensa xiqqoo qabuufi dandeettii xiinxalaa addaa qaban keessa yoo kaa'aman maaltu uumamuu danda'a kan jedhu dha.

Dandeettiin isaanii kuni fooyya'aa adeema moo gara haala namoota qaraatti deebi'u?

Hirmaattoonni kunneen yaalii adeemsifameen ogeessota odeeffannoo icciitii qabaniifi muuxannoo xiinxalaa qaban caalaniitu argaman.

Xiinxalaafi raaga

Hirmaattonni waa raaguun warra odeeffannoo qabaniin xiinxala kaa'an akkamiin caala?

Waaran qorannoo kanarratti kan hirmaate yoo tahu ''qormaata dandeettii sammuu keenya madaaluu sa'aatii dheeraaf akka hojjennu nuu kennuu,'' jedha.

Akkaataa taateen tokko mudachaa jiru hubachuu, waa yaaduuf sammuu banaa qabaachuufi dhimma tokko irra deebiin qalbeeffachuu fa'i gaafata qormaatichi jedha.

Fakkeenyaaf jedha Waaran,''yeroo rakkoo wayii akka furtu sitti kennamu deebii jalqaba sammuu keetti dhufe kennita moo, takka yaadeen waan deebii sirrii naa kennuu danda'u ilaala jetta?''

Haala kanaanis namooti waa raaguu danda'u jedhaman calalaman jedha.

''Waggaa tokkoffaa irratti ani bu'aa gaarii argamsiisaa hin turre. Waggaa lammaffaa irratti fooyyessee booda nama tilmaamu qofa osoo hin taane raaguu(superforecaster) isa jedhan tahuu dandee'ra'' jedha Waaran.

Raaga sirrii kennuuf dhimmi jalqabaa

Raaga sirrii kennuuf dhimmi jalqabaa gaaffii deebisuuf yaalaa jirtu tokko,tokkoon baaqqessitee ilaaluudha.

Filannoo bara dhufu eenyutu mo'ataa? Tapha kubbaa miilaan eenyutu shaampiyoonaa taha? fi Gaaffii kamiyyuu... Namoonni baayyee gaafficharratti akka malee xiyyeefachuun odeeffannoo harkaa qabaniifi gaafficha marsee jiru irratti yeroo dheeraa dabarsu jedha Waaran.

''Haatahu malee adeemsi kuni iddootti tilmaama xumuran malee jalqaban mitii,'' jedha.

Fakkeenyaaf eenyutu filannoo Ameerikaa mo'ata waan jedhu yeroo yaaddu kanaan dura pireezidantoonni yeroo lamaaf dorgomanii filatamuun hangam baramaa dha waan jedhu gaafachuu qabda.

''Haala kanaan ilaalcha dhimma tokkoof akka baamsitu/caalsiftu si godhu haquun, taateewwan irra deddeebii hangamiin uumamu waan jedhu adda baasta,'' jedha.

Raaga haala qilleensaa yeroo tilmaamnu lakkoofsa fayyadamna ''haalli kunis carraa waa tokko tahuufi tahuu dhiisuu raaguu dha. Ispoortii keessattis mala kana fayyadamna,'' jedha.

Tarkaanfiin inni ittaanuu odeeffannoo haaraa dhufu dabaluu dha jedha Waaran.

Odeeffannoon kuni kallattii garaagaraa irraa dhufuu isaa mirkaneessuufi irra deddeebii akka hin taane eeggachuu akka tahe hima.

Amalli ijoon namoota waa raaguu danda'anii, namoota kaan dhagahuufi ilaalcha geeddaruu danda'uu isaaniiti jedha.

Namoonni kunneen ''yeroo hunda waan itti amanan qormaataaf saaxilu, saanduuqa keessa itti cufanii hin kaa'an. 'Maaltu na darbe, maalaniin hin beeku?' jechuun of gaafatu jedha.

Namoonni waa raaguu hin dandeenye waa'ee addunyaa kanaa waan ''akkasi'' jedhanii amanan irraa achi siquu hin fedhan. Sababiinsaas kanatu 'sirrii dha'' jedhanii waan amananiif jechuun ibsa.

Yeeyyii fi xaddee

Sheekkoo yeeyyii fi xaddee keessatti yeeyyiin waan baayyee beeka, xaddeen immoo waan guddaa tokko beeka.

Yaadnisaa maali, xaddeen kuni isa qabatu qabee cirumaa gadhiisuu hin barbaadu. Gama kaaniin yeeyyiin ammoo odeeffannoo haaraa si'aayinaan barbaada.

Kanaaf garee kee keessatti nama qacaruu yoo barbaaddu yeeyyiifi xaddee tahuu isaanii adda baasuun sirra jiraata.

''Yoo odeeffannoon haaraa dhufe yaada kee geeddaruuf qophii dhaa jechuun of gaafachuu qabda.''

Nama waa sirriitti tilmaamu tahuu feeta taanaan ''yaada kee waan geeddaru dhufuu akka danda'u eeguu qabda,'' jedha Waaran.

Kunis qajeelfama akka namaatti waan hunda hin beeknu kan jedhurraa jalqaba jechuun ibsa.

Kanaaf, odeeffannoo haaraa fudhachuudhaaf qophii tahuun nurra jiraataa jechuudha.

Hubannoon nam-tolchee raaguun nu caaluu danda'a?

Waaran dhimma kana xiinxaluudhaaf seenaa dhala namaa ilaaluurra jalqabna jedha.

''Fakeenyaaf miya guddaa ol kaasuu, isa dur namni hojjetu maashiniin haala salphaan dalaguu danda'e, yeroo kanatti hojiin keenya waa raaguu taha.''

Nuti namni inni kaan maal gochuu danda'a kan jedhu murteessuu dandeenya. Maashiniin tokko garuu maashiniin inni kaan maal godha jedhee tilmaamuu hin danda'u jedha.

Dhalli namaa waa murteessuufi tilmaamuun maashinii caala. Kanaaf dhimmi kuni dhimma murteessuufi waa qulleessanii yaaduuti jedha.

Isa yaadamu caalaan waan salphaafi dalagamuu danda'udha jechuun xumura.