Maashiniin waa’ee gara fuulduraa ‘raaguu’ danda’aa laata?

Addunyaa kana irra qotee bultoota miliyeena 570 oltu jira jedhamee amanama. Jijjiiramni haala qilleensaa ammoo dhiibbaa guddaa irraan gahaa jira.

Haalli gabaa omishaa ammaa jijjiramuun isaa ammoo qormaata biraati. Qotee bultoonni odeeffannoo haala qilleensaa fi gabaa yoo argatan hojii isaanii salphisaaf. Omishnii fi bu’aan argatan akka dabalu isaan gargaara.

Lafa qonnaa filachuudhaa kaasee sanyii kamtu filatamaa akka ta’e, haala qilleensaa kamtu mijataa akka ta’e, waa’ee haala gabaa fi gabaa irratti gatii meeqa akka baasu fi kkf appilikeeshiniidhan tilmaamun danda’amaa jira.

Qonna qofaa osoo hin taane daldala, turizimii, fayyaa, baankii fi wantoota biroo irratti gara fuulduraatti maaltu akka eegamu maashiniin ykn appilikeeshiniin tilmaama ni kaa’a.

Kun ammmoo raaga odeeffannoo irratti hundaa’e (Predictive Modelling) jedhama.

Piridiiktiv modeeling jechuun maalidha? Maal fayyada? Kan jedhu ilaaluf dhaabbata tekonoolojii Kuwaantifitti dura bu’aa qorannoo idil-addunyaa fi ogeessa hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) kan ta’an Dr. Daanyaachoo Birruu dubbisneera.

Piridiiktiv Modeeling malidha?

Piridiiktiv modeeling jechuun hubannoo maashinii (machine learning) keessaa tokko akka ta’e ogeeyyin ni himu.

“… fakkeenyaf, haalli qilleensaa maal fakkaata kan jedhu ta’uu mala. Amala tilmaamun fakkeenya biraa ta’uu mala. Gabaa istookii kanneen tilmaaamanis jiru.”

Fakkeenyaf, sochii tiraafikaa guyyaa Wiixataa ganama sa’aatii 2:00 galmeessan guyyaa Wiixataa itti aanu maal ta’uu akka malu ni raaga.

Raagni odeeffannoo irratti hundaa’e ykn piridiiktiiv modeeling kan hojjatamu ‘Diip larningiidhan’ akka ta’e dubbatu Dr. Daanyaachon. Kana jechuun kompiitarri ykn maashinni biraa adeemsa taatewwan garaa garaa akka hojjatuuf baruumsa kennuudha.

Konkolaatan shofeera malee deemu bakka ibsaan diiman jiru gaafa gahe kan dhaabatu ykn magariisni yoo ifu kan deemu leenjii kennameef irratti hundaa’uni.

Dr. Daanyaachon akka jedhutti dur maashinoota leenjisuuf odeeffannoon/daatan xiqqaa ture, diippi laarningiin ammoo hin jalqabamne ture.

Maashiniin waan gara fuulduraa akkamitti akka raagu Dr Danyaachon akkanatti ibsu:

“… duri diippilarningin osoo hin eegalin dura daataan muraasni waan tureef waan tureef isuma xiqqaa fayyadamuun waan gara fuulduraa raagamaa [tilmaamamaa] ture. Amma piridiiktiiv modeelingiin mala diip laarniningiitin hojjata. Ammatti rakkoolen [kompitaraa] hedduun kan hiikaman mala dip laarningiitini. Modeelingiin algorizimii garaa garaa qaba,” jedhu.

Fayidaa maalii qaba?

PiridIktiiv modeelingiin odeeffannoo qabatamaa irratti hundaa’un waan gara fuulduraatti ta’u tilmaamudha.

Netfiliiksi fi Amazon fiilmii kam jaalachuu akka dandeenyu akkasumas itti aansun meeshaa akkamii bituu akka barbaannu tilmaamuf kan isaan itti fayyadaman mala kanaadha.

Namni tokko maal bituu danda’a? Waa’ee waan tokkoo ijjannoo maal qabaachuu danda’a? gaaffilee jedhan maashiniidhan tilmaamun ni danda’ama.

Yaadonni fi omishaalen miidiyaa hawaasaa irratti dhiyaatanis xinxaala kana irratti hundaa’uni.

Namni tokko liqii baankii irraa fudhachuun dura sochii qarshii akkaawuntii nama sanaarra jiru ilaalun gara fuulduraatti qarshii yoo fudhate karaa kamiin gara fuulduraatti hojiirra oolcha ykn liqichi deebisuuf humna qabaachuu fi dhiisuu nama sanaa ni murteessa.

Odeeffannoon maashiniif kennamu akkuma jijjiirama, tilmaama ykn raaga isaa irrattis jijjiiramni ni jiraata.

Piridiiktiv modeling nu yaaddessaa?

Dhimma kamirrattuu waan gara fuulduraatti ta’u raagni ykn tilmaamni godhamu yeroo fi qarshii kan namaa qusatu yoo ta’u dursanii hubannoo argachuufis nama gargaara.

Gama biraan ammoo hangi odeeffannoo tilmaama kanaaf gargaaruu falmisiisadha. Odeeffannoo hagamtu barbaachisa? Odeeffannichi hagam dhuga qabeessa? Odeeffannichi hagam raagaf hojiirra oola? Gaaffileen jedhan ni ka’u.

Icciitin odeeffannoo nama dhuunfaa balaadhaf saaxilamuu mala kan jedhus yaaddoo biraati.

Maashiniin odeeffannoo xinxaaluu kan danda’u hanga odeeffannoo kennaameefi kallattii kennameef qofa irratti hundaa’uni. Akkaataa itti barsiifameen alatti haala qabataamaa garaa garaatif mijataa ta’uu dhabuunis rakkoo ka’uudha.

Dhalli namaa haalota garaa garaa yaada keessa galchuun waan duraan murteesse tokko dhiisee yaada biraa murteessuu ni dand’a. Maashiniin garuu kana gochuu hin danda’u.

Kuni ammoo waa’ee gara fuulduraa murteessuf maashinii qofaa irratti hirkachuu akka hin barbaachifne nama taasisa.

Maashiniin odeeffannoo kennameef irratti hundaa’un waan gara fuulduraa raaguu danda’uun gaarii ta’ee hunda galeessa ta’uu dhabuun gaaffii kaasa.

Waa’ee sanyii, bifaa fi loogiwwan biroo akka itti fufan taasiseera jechuunis hojiin maashinii ni komatama.

Gaaffileen eenyutu yakka hojjachuu danda’a? Eenyutu liqii fudhatee deebisuu danda’a? kanneen jedhan maashinii qofatti yoo dhiifaman loogidhaaf kan saaxilamee fi haala qabatamaa yaada keessa akka hin galchine taasisa jedhu ogeeyyin.