Google hojjetaa isaa Hubannaa Nam-tolcheen 'miira qabdi' jedhe ari'e

Kaampaaniin Google hojjetaa isaa hubannoo namtolcheen kaampaanichaa 'miira qaba' jedhe hojiirraa ari'e.

Ji'a darbe hojjataan Bileek Leemoon yaad-rimee isaa haaraa teeknolojiin afaanii Google miira mataa isaa waan qabuuf ''fedhi'' isaa kabajamuuf qaba jechuun ifatti dubbate.

Ogeessotni hubannoo namtolchee kaampaanichaa hedduun yaada kana haalaniiru. Kaampaanichi Jimaata kaleessaa hojjetaa kana hojiirraa gaggeessuu mirkaneesse.

Leemoon gorsa seeraa argataa akka jiru BBCtti himee, yaada bal'aa kennuu irraa of qusateera.

Google ibsa isaa keessatti, yaada Leemoon waa'ee Modela Afaan Hubannaa Namtolchee [Lamda] dubbate ''guutummaatti waan hin jirre'' jedhe.

Kaampaanichi kana mirkaneessuuf ji'ootaaf waliin hojjechaa turuu ibse.

Haa tahu malee, bileek seera hojjetaa fi nageenya eegumsa odeeffanoo oomisha kaampaanichaa cabse jedhe.

Lamda teeknoloojiin jedhamu oomisha Google ajaa’ibsiisaa tahee kan Google waliin dubbii banaa taheef oola jedhedha.

Ooomisha kaampaanicha waliin dubbii guddisuuf ooludha. Bileek ammo ji’a darbe yeroo teeknolojiin Lamda jedhamu kun akka namaa miira agarsiisaa jira jedhu ijoo dubbii tahe.

Ogeessotni dhimma kana irratti marii jabaa gaggeessaniiru. Leemoon kan garee Hubannoo Namtolchee Google waliin hojjechaa ture ashington Post miidiyaa jedhamuuf akka himetti, hojiin isaa teeknoloojiin haasaa jibbinsaa ykn namatti hin tolle akka fayyadaman ilaaluuf ture jedhe.

Teeknoloojiin Lamda jedhamu kun akka of hubachuu danda’u, waa’ee amantaa, miraa fi soda dubbachuu akka dandau bira gaheera jedhe.

Dubbiin isaa kun sobadha kan jedhe kaampaaniin Google imaammata icciitii kaampaanichaa eeguu cabseera jechuun miindaa isaa kaffaluun eeyyama isa baase.

Itti aansuun Leemoon ammas dubbii innii fi namni biraa teeknolojii Lamda kana waliin taasifne jedhan maxxansuun yaada isaa mirkaneessuuf yaale.

Google ibsa baaseen, guddina hubannoo namtolchee ‘cimseen ilaala’ jedhe. Kanaaf teeknolojii Lamda yeroo 11 madaaluu ibsuun hojjetaa isaa Bileek Leemooniif eroo gaarii hawweera jechuun gaggeesse.