Roobootii yeroo namoonni mana turanitti hojiirra ture

Roobootiin paawundii kuma 100 baasu kun sagantaa teeknooloojii ofirraa qabuun kan hojjetu akka ta'e himama.

''Sagantaa irratti fe'ameen waan hojjetuuf mana kiyya taa'ee ajajuun danda'a,'' jedha qorattoota keessaa tokko kan ta'e Beenjaamiin Bargar.

Akka saayintistoonni kunneen jedhanitti, roobootiin kun waan namni tokko hojjetu dachaa 1,000'n dalaguu danda'u.

Dhaabbanni Rooyaal Soosaayitii oof Keemistirii jedhamu roobootii fayyadamuun wanta koroonaan booda ta'uu malu qorachuu akka barbaadu beeksiseera.

Qorannoon kun koompiitaroota artefishaal intelijensi qaban fayyadamuun hojiin manaa akka hojjetamu gargaaruun alatti rakkoolee addunyaallee hiikuuf ni gargaara jedhanii yaadu.

Saayintistoonni roobootii kunneen qorannoo koroonaavaayiras dabalatee kanneen biroos geggeessaa jira.

Piroofeesar Aanduu Kuuppar roobootiiwwan gara laaboraatoorii isaaniitti galchuun qorannoowwan geggeessaa jiru.

''akkooleen idil-aadunyaa kan akka Covid-19, jijjiirama qilleensaa fi kanneen biroo jiru. Kaayyoon keenyas roobootiiwwan sammuu giddu-galaatiin walitti hidhaman fayyadamnee qorannoo taasisuudha. Amma yoonaatti kana gochuu baannus hin hafu.''

Yeroo saayintistoonni bakka hojiirraa fagaatanii qorannoo taasisuuf dirqaman kanatti, roobootiiwwan filannoo addaa ta'aniiru.

''Roobootiin hin dadhabu, hin nuffu, ganamaa hanga galgalaatti hojjeta, ayyaanaaf boqonnaa ba'uuf hin fedhu,'' jechuun qoosaa dubbatu Dr. Bargar.

Qoosaan yeroo hafu, jedhu qorataan kun, roobootiin kun hojii namni yeroo dheeraa itti fudhatu dafee fixuun ani qorannookoo irratti akkan xiyyeeffadhu nataasiseera jedhani.