Koronaavaayiras: Qorannoon Ispeenitti taasifame ittisa dhibee hawaasni horachuu danda'a jedhamerratti shakkii uume

Qorannoon namoota 60,000 ol hirmaachisee barruu 'Lacent' irratti ba'e, ummata Ispeen keessaa %5 qofatu ittisa qaamaa 'antibodies' horachuu danda'e jedha.

'Herd immunity' kan jedhamu yeroo ummanni hedduun vaayirasiidhaan qabamu tamsa'ina vaayirasichaa dhaabuuf gargaara.

Ummata waliigalaa keessaa %70-90 kan ta'an warreen hafan vaayirasicha irraa eeguuf dandeettii ittisuu horachuu danda'uu qabu.

Dandeettiin Covid-19 ofirraa ittisuu naannolee Ispeen vaayirasichaan hubamanitti ol ka'aa yoo ta'u, naannolee qarqara bishaaniirra jiran keessatti %3 qofa dha.

Covid-19 Ispeenitti miidhaa geessisus, dandeettiin akka hawaasaatti vaayirasicha ofirraa ittisuu xiqqaa ta'uu qorannoon kun gabaaseera.

ala kana keessattis, walirraa hiiquu, namoota haaraa qabaman qorachuun adda baasuu fi namoota isaan waliin tuttuqqaa qaban hordofuun fuuldurattis dhibee kana toa'chuuf kan raawwatamuu qabanidha'' jedheera.

Tibba koroonaavaayiras kana keessatti qorannoon guddaa akkasii Awurooppaa keessatti yoo geggeeffamu kun isa jalqabaati jedhameera.

Chaayinaafi US'tti qorannoowwan akkasii taasifamanii kan turan yoo ta'u, argannoowwan kan mul'isan, bakka vaayirasichi itti babal'ate keessattillee hawaasni bal'aan saaxilamoo akka hin turredha.

Ispeenitti wanti haaraan maaltu jira?

Biyyattiitti namoonni miiliyoona 250 ta'an vaayirasichaan qabamuun 28,385 kan ta'an ammoo lubbuu dhabaniiru. Torbanoota muraasa darbaniif garuu lakkoofsi du'aatii guyyaa diijitii tokko hin dabarre.

Naannoo kaaba-lixa Gaalishiyaa jedhamtutti weerra ka'een booda garuu, anga'oonni irra deebiin hawaasa 70,000 ta'urratti naannicha cufaniiru.

Akka anga'oonni jedhanitti weerara naannichatti mudatef manneen dhugaatiitu sababa. Manneen dhugaatii dandeettii lakkoofsa qabachuu danda'an keessaa %50 qofatu hayyamamaafi.

Yeroo kanatti, Gaalishiyaa keessatti namoonni 258 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 117 godina luugoo keessatti argamu.

Anga'oonni Kaataalooniyaas lakkoofsi namoota qabamanii xiqqoo dabaluu isaatiin, naannoo namoonni 210,000 keessa jiraatan akka cufamu taasisaniiru.

Namni kamiyyuu naannoo Lixa Baarseloonaa maagaalaa Leeyidaa of keessaa qabdu Seegriyaa keessaa ba'uus ta'e galuu akka hin dandeenye pirezidantiin Kaataalooniyaa Kuwiim Tooraa beeksisaniiru.