Tiraamp Iraan rukutuuf aangoo seeraa qaba turee?

Hayyama Kongireensii malee pirezidaantonni aangoo isaaniitti fayyadamuun tarkaanfii waraana labsuu fudhachuu danda'uu?

Erga pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhuma torbee darbee Iraan keessatti dhaabbilee nikulaaraa hedduurratti haleellaa akka raawwatamu ajajaniin booda, tarkaanfiin akkanaa murtee Kongiraansii malee raawwatamaa kan jedhu gaaffi ijoo kaaseera.

Dimookiraatonni akkasumas miseensonni mana maree aangoo seeraa kana gochuuf qaban irratti yaadota adda addaa kennaa jiru.

Miseensi Kongiresii Rippabilikaan Toomaas Maasii toora miidiyaa X irratti haleellaan kun ''Heera Mootummaa miti'' jechuun barreesse.

Miseensi Kongiresii Rippabilikaan kan biraa Waareen Deevidsan ammoo ''haalota akkasii keessatti sababa Heera Mootummaa waliin walsimu yaaduun rakkisaadha'' jechuun yaada kennaniiru.

Garuu Af-yaa'iin mana maree paartii Rippabilikaan Maayik Joonsan pirezidanticha deeggaruun, ''balaan dhiyoo jiru yeroo Kongireesiin tarkaanfii fudhachuuf fudhatu akka caalu hubatamuu qabaa'' jedhan

BBC'n gochi Tiraamp kun Heera Mootummaa waliin kan walsimu moo dursanii Kongireesii irraa eyyamni kennamuu qaba ture jechuun ogeeyyii seeraa gaafateera.

Tarkaanfii waraanaa ilaalchisee Heerri mootummaa maal jedha?

Heera mootummaa Ameerikaa keessatti kutaaleen lama dhimma kana waliin kallattiin ilaalamu Keewwata I fi Keewwata II.

Keewwanni jalqabaa aangoon "waraana labsuu" aangoo Kongireesii keessaa tokko akka ta'e ifatti kaa'a.

Gama biraatiin, aangoo pirezidaantichaa kan ibsu keewwatni II "pirezidaantichi Ajajaa Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'a," jedha.

Haleellaa Iraan irratti raawwatameef kana akka sababaatti akka ilaalan maddeen Waayit Haawus BBC'f beeksisaniiru.

Keewwatni II pirezidaantichi haala addaa keessatti murtee humna waraanaa akka kennu aangoo akka qabu ogeeyyiin heera kan dubbatan.

Haalli kun Heera Mootummaa keessatti addatti kaa'amuu baatuus, "haleellaa qabatamaa ykn eegamu" yookiin ammoo "dantaa biyyaalessaa barbaachisoodha jedhamurratti murtee kannuu" jedhamuun hiikoo seeraa qabaachuu akka danda'u himu ogeeyyiin Mana Maree Hariiroo Alaa.

Fedhiiwwan kunneenis ittisa meeshaalee niwukilaraa dabalatee ta'uu danda'u - kunis bulchiinsi Traamp haleellaa Iraan kanaaf sababa akka ta'etti ibsa.

Ogeeyyiin heera mootummaa afur BBC'tti akka himanitti, Tiraamp haalawwan kanneen keessatti haleellaa waraanaa ajajuuf aangoo hamma tokko qaba ture.

"Deebiin gabaabaan eeyyee, asitti aangoo qaba ture," jetti Yunivarsiitii Pensilvaaniyaa muummee Seeraatti piroofeesara kan taate Kilaar Finkelistiin.

"Pirezidantoonni hayyama kongireesii malee waldhabdee waraanaa adda baafame irratti qooda fudhachuun yeroo dheeraaf kan turedha," jette.

Ogeettiin seeraa heera mootummaa kan biraa Yunivarsiitii Loyola Marymount irraa Jeesikaa Leeviinsan, pirezidaantichi haleellaan qilleensaa hayyamuuf aangoo daangeffame qaba, hanga ''waraana fakkaachuu hin jalqabneetti, yoom akka ta'us hiikni ifa ta'e hin jiru,'' jette.

Haata'u malee, Kolleejjii Bowdowin keessatti piroofeesara kan ta'an Andireew Rudalevige BBC'tti akka himanitti, ''haleellaan tasaa ofirraa deebisuu'' hanaga hin jirretti, Tiraamp haleellaa yeroo dhiyoo kana ajajuuf aangoo qaba jedhee hin amanu jedhan.

Keewwatni I Kongireesiif aangoo waraana labsuu kan kennu ta'us, tumaan kun yeroo muraasaaf itti fayyadame.

Yeroo dhumaaf Kongireesiin aangoo kana itti fayyadame bara 1942 erga Jaappaan yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Pearl Harbor haleeltee booda ture. Sana dura bara 1812 irraa eegalee yeroo 10 qofa itti fayyadamaa ture.

Akka ogeeyyiin jedhanitti pirezidaantonni aangoo isaaniitti fayyadamuun osoo Kongireesii irraa hayyama hin argatin tarkaanfii waraanaa ajajuu baay'ee baramaa ta'uu ibsan.

Pirezidaantii Joorji W Buush jalatti Waayit Haawus keessatti gorsaa seeraa kan turan Joon Beelinger akka jedhanitti, "Waggoota kurnan darban keessa Kongireessiin pirezidaantonni hayyama kongireesii malee sababa adda addaatiin humna waraanaa akka fayyadaman hayyamuun isaa dabalaa dhufeera."

Pirezidaantonni biroo tarkaanfii akkamii fudhataniiru?

Prezidaant Baaraak Obaamaa hayyama Kongireesii irraa osoo hin gaafatin Liibiyaa keessatti haleellaa xiyyaaraa hayyamaniiru.

Kunis bulchiinsi isaani heera mootummaa Ameerikaa keewwata II jalatti tumame akka haguuggii godhachuun yoo ta'u, duula bara 2011 Paakistaan ​​keessatti Osaamaa Biin Laadan ajjeesee wajjin wal fakkaata.

Akkasumas Tiraamp yeroo bulchiinsaa isaa marsaa jalqabaaf aangoo irra turanitti, hayyama kongireesii malee qondaalli waraanaa Iraan Qasem Soleyimani akka ajjeefamu ajaje.

Pirezidantiin paartii Dimookiraatotaa Biil Kilinton bara 1990moota keessa dursee hayyama malee Baalkaan keessatti haleellaa jalqabe.

Dhiheenyas Joo Baayiden yeroo pirezidantummaa isaaniitti Yaman keessattis ta'e Siiriyaa keessatti tarkaanfiin waraanaa garee hidhattoota Huutii irratti akka raawwatamu ajaja dabarsuun kan yaadtamuudha.

''Aangoon kun seenaa US keessatti pirezidantonni irra deddeebiin itti fayyadamaa turuu mul'isaa,'' jedhan Turley. Haalaa kanaan murtee Kongireensii malee tarkaanfii akkasii fudhachuun Pireezdaantichaa waan addaa akka hin taane eeran.

Af-yaa'iin Joonsan tarkaanfii bulchiinsi darban gocha Tiraamp kanaaf sababa ta'uuf fudhatan eeruun, "Pireezidantiiwwan paartilee lameenii keewwata II jalatti ajajaa aangoo olaanaa tokkotti fayyadamaniiru," jedhan.

"Pireezidanti Obaamaan sirna hanga sirna Liibiyaa keessa jiru jijjirutti ji'oota saddeetiif Liibiyaa boombiin tumaa turan. Yaroo sana Dimookiraat kamiyyuu waa'ee kanaa komatu dhaga'ee hin beeku, amma, akka tasaa, hundi isaanii aaraniiru," jedhe.

Seeronni biroo hoo?

Qeeqxonni haleellaa Tiraamp Iraan irratti raawwatanis, murtoo humnoota waraanaa kan bara 1973 Ameerikaan waraana Veetnaam keessaa bahuu ishee hordofee aangoo pirezidaantichi dursee Kongireesii osoo hin mariisisin waraana geggeessuu daangessuuf ragga'e kan cabsu ta'uu akeekaniiru.

Seerri kun pirezidaantichi yeroo hatattamaa hayyama Kongireesii malee akka socho'an kan hayyamu yoo ta'u, "yeroo danda'ame hundatti Humnoota Waraanaa Ameerikaa gara diinummaatti galchuun dura Kongireesii waliin mari'achuu akka qaban," ibsa.

''Pireezidant Tiraamp ulaagaa kana kan eegan hin fakkaatu,'' jedhu Mr Bellinger.

"Hanga ammaatti gabaasa ba'e irratti hundaa'uun, Pirezidaanti Tiraamp qabatamaan Kongireesii waliin marii qabatamaa kan hin taasisne yoo ta'u, hoggantoota Rippabilikaanota muraasa qofa kan beeksisan fakkaata."

Miidiyaaleen Ameerikaa akka gabaasanitti, hogganaan paartii Dimookiraatota Seeneetii xiqqaa Chuck Schumer Haleellichi jalqabuu isaa gara sa'aatii tokkoo dura waamamee ture garuu odeeffannoo muraasa qofatu kennameef.

Barreessituun pireesii Waayit Haawus Kaaroolin Liiviit bulchiinsi kun ''hoggansa Kongireesiif waamicha kabajaa paartilee lamaaniif'' akka taasisee fi halleellaa sana dura Senetera Shuumer waliin akka dubbatte X irratti barreessaniiru.

Murteen kun tarkaanfiin waraanaa erga mudatee booda sa'aatii 48 keessatti Kongireesiin beeksisuu akka qabus tumameera.

Ministirri Ittisaa Piit Hegseet haleellaa Iraan irratti raawwatame hordofuun, Kongireesiin ''xiyyaaronni nagaan erga bahanii booda akka beeksifamanii fi ''ulaagaa beeksisa seera aangoo waraanaa eegu kan eegan'' ta'uu ibsaniiru.