Dhihoo mootummaan Rippablika Dimookiraatawaa Kongoofi Ruwaandaa waliigaltee nagaa mallatteessaniiru.
Waliigaltee kanarras akka gahamu Ameerikaan qooda jaarsummaa bahatteetti.
Haa ta'u malee, waliigalteen kuni miira walmakaa uumeera.
Pirezidantiin duraanii Kongoo, Joseef Kaabilaa, kuni ''waliigaltee daldalarraa hin jiru'' jechuun qeeqan.
Bakka bu'oonni hidhattoota M23 marii kanarra argamuun isaaniis ifa miti.
Waliigalteen gaafa Jimaataa mallattaa'e hidhattooti garagaraa baha Kongootti waraanan akka meeshaa hiikkatan hima.
Haa ta'u malee, waa'een waliigaltee kanaa bal'inaan ifa hin taane.
Lolli Kongoo keessaa barana hammaateen hidhattooti M23 jedhaman magaalaa naannoo Gomaa, Bukaavuu fi buufatawwan xiyyaaraa lama to'ataniiru.
Ruwaandaan hidhattoota M23 keessaa hin qabu jetti. Ameerikaafi qorannoowwan UN garuu akka harka keessaa qabdu akeeku.
Lola barana adeemaa tureen kumaatamni ajjeefamaniiru, lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman immoo qe'ee dhiisanii baqataniiru.
Biyya albuudaan badhaate Kongoo keessa waraanni waggoota dheeraaf taasifameera.
Waliigalteen tibbanaa nagaa fida kan jedhan akkuma jiran, kan shakkanis jiru.