Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan akkamiin buufata niwukilaraa Iraan haleele jette?
Dhaqaa gala balalii sa'aatii 18 fudhate, si'a baay'ee qilleensarra boba'aa guuttachuu hanga waliin dhahuutti fudhateera.
Kuni akkaataa buufatawwan niwukilaraa Iraan boombiin haleeluuf Ameerikaan raawwateedha, akkaataa Janaraalli US Daan Keeyin jedhanitti.
Miidhaan haleellaan US duula 'Operation Midnight Hammer' jedhuun mogga'e kuni dhaqqabsiise ammatti ifa ta'udhaas baatus, akkaataa haleellaan raawwate Ministeerri Ittisaa US ibseera.
Kunis, erga haleellaan raawwate waan ta'edha. Boombiiwwan US ''osoo addunyaan hin beekiin'' sosso'anii haleellaa raawwatan jedhan Ministirri Ittisaa US Piit Hegisteeth.
Yeroo xiyyaaronni waraanaa US Iraan haleeluuf buufata baadiyyaa Mizuurii jiru keessaa ka'an Pirezidant Tiraamp, itti aanaa isaanii, aangawoonni waraanaafi kaan Waayit Haawus keessa ta'anii daawwataa turan.
Jeettiiwwan US boombii B-2 stealth dhukaasan dukkana dahatanii sosso'ani. Galmi isaanii ijoos buufatawwan niwukilaraa Iraanidha.
Jeettiiwwan US saffisa qilleensarraa gad xiqqaatanii balali'an kuni boombii dhagaa konkiritii 18m asiin gadi seenanii barbadeessuu danda'an baachuun balali'an.
Kuni boombii buufata niwukilaraa Iraan ijoo bakka Fordoo jedhamu argamuufi gaara jala jiru rukutuu danda'udha.
Ameerikaan biyya takkittii bombii qiyyaafannoo lafa jalaa akkanaa dhahuu danda'u qabdudha jedhamee amanama.
Karoorri US kuni akka hin baramneef balaliiwwan biroo kallattii biraan akka balali'an ta'eera. Kunis, waliin dhahuuf yaadameeti.
Kanas nama baay'ee muraasa qofatu beeka jedhan.
''Gartuu haleellaa raawwate jeettiiwwan B-2 dhoosan, tokkoon tokkoon isaanii hojjettoota lama waliin gara bahaa qajeelan,'' jedhan.
Xiyyaaronni waraanaa kuni websaayitii balalii faana dhahu keessa hin mul'atan. Kanaaf, BBC'n yaada Pentaagonirraa kenname addatti mirkaneessuu hin danda'u.
Suuraan saatalaayitii qoodame hamma miidhaa dhaqqabe hubachuuf gargaaruus, yoom akka dhahame hin agarsiisu.
Yeroo xiyyaaronni waraanaa imalan sana xiyyaarota kaan fuuldura isaanii deemaa xiyyaarri fi misaa'elli diinaa yoo jiraate hordofan turan jechuun janaraalli US himaniiru.
Akka aangawoonni US jedhanitti, jeettiiwwan waraanaa Iraan hin balaliine akkasumas ittisi humna qilleensaas hin dhukaafne.
''Israa'el daangaa qilleensaa Iraan irra to'annoo qabaachuun,'' xiyyaaronni waraanaa US akka garaa isaanii akka imalan gargaare jetti ekispartiin ittisa misaa'elaa, Paatrishiyaa Bazylczyk BBC Verify'tti akka dubbattetti.
Pirezidant Tiraamp Ameerikaan sagantaa niwukilaraa Iraan ''barbadeessiteetti'' jedhaniiru.
Iraan haleellaan raawwachuu mirkaneessituus, hamma miidhaa gahe xiqqeessiteetti, akkaataa haleellaan raawwatees hin dubbanne.
Akka aangawoonni US jedhanitti, misaa'eloonni Tomahawk jedhaman baay'ee ta'an Galaana Arabaa turanirraa gara buufata niwukilara Iraan bakkee Isfahaan jiranitti dhukaasaniiru.
Haleellaan misaa'elotaa kuni yeroo walfakkaataa xiyyaaronni waraanaa haleellaa geessisanitti raawwate jedhu dhaabbata Center for a New American Security jedhamu keessa ekispartii waraanaa kan ta'an Dr Stacie Pettyjohn.
Kuni, Ameerikaan 'bakkee garagaraatti haleellaa erga takkaa'' raawwachuu danda'u ishee agarsiisa jechuun BBC Verify'tti himan.
Xiyyaarrri waraanaa jalqabaa boombiiwwan buufata niwukilara Iraan gaara jala jiru mancaasuu danda'u, MOPs, jedhaman lama buuse.
Boombiin kuni lafa konkiritii 18m yookiin lafa 61m ta'u keessa seenee dho'uu danda'a, akka ekispartoonni jedhanitti.
Kana jechuun ammatti galma gahuun isaa mirkanaa'uu baatus, boombii tokkicha buufata niwukilaraa Iraan Fordoo kan gaara jala jiru mancaasuu danda'udha.
Buufati niwukilaraa Iraan Fordootti argamu gaara jala 80-90m gad siqee jira jedhamee amanama.
Yeroo jalqabaafi waraana keessa boombiin kuni hojiirra kan oole.
Boombiiwwan hafanis qiyyaafannoo isaanii haleelan.
Walumaagala boombiiwwan MOPs jedhaman 14'tu Fordoo akkasumas buufata niwukilaraa Nataanz irratti dhukaafame.
Buufata niwukilaraa Isfahaan, kan Fordoorraa 200km fagaatee argamuuttimmoo misaa'ela Tomahaawik jedhamutu haleele.
Erga xiyyaaronni waraanaa qilleensarratti sa'aatii 18'f turan booda daqiiqaa 25 keessatti qiyyaafannoowwan hunduu rukutamaniiru.
Eegasii gara Ameerikaa deebi'uu isaanii Pentaagoon beeksiseera.
Walumaagala, duula haleellaa US kana keessatti meeshaaleen waraanaa 75 fi xiyyaaronni waraanaa 125 hojiirra oolaniiru jedhan Ministirri Ittisaa US.
Xiinxaltoonni BBC'n dubbise akka jedhanitti duula waraanaa 'walxaxaa' akkanaa biyyi kaan raawwachuu hin dandeessu.
Ta'us, milkaa'inni haleellaa kanaa akkasumas gabbisa niwukilaraa Iraan dhaabsisuufi dhaabsisuu dhabuun isaa ammatti mirkaneessuun nama dhiba.