Gareen waraana saayibarii Israa'el raadiyoo qunnamtii Hezbollaa harkatti dhoosuun shakkame eenyudha?

Madda suuraa, Reuters
Guutummaa Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii miseensonni Hezbollaa qabatan al tokkotti dhodhohuun namoota heddu yoo ajjeesu miseensonni Hezbollaa kumaan lakkaa'aman irra miidhan gaheera.
Haleellaa meeshaa qunnamtii Hezbollaarratti raawwate kana ilaalchisee Israa'el homaa dubbachuu baattus, Hezbollaan Israa'elitti quba qabeera.
Haleellaa kana ammoo gareen waraana saayibarii Israa'el Yuunit 8200 jedhamutti qubni qabamee akka jiru Rooyitars gabaase.
Rooyitars maddeen humna nageenyaa Libaanosiifi maddeen biroo irraa odeeffadhe jechuun akka gabaasetti haleellaa raadiyoo qunnamtii Hezbollaa irratti gaggeeffame kan qindeesse ejansii tika Israa'e Mosaadidha.
Kunis raadiyoo qunnamtii 5,000 yeroo Hezbollaan qaama omishurraa bittaaf ajaju, tikni Israa'el dhukaatuwwan raadiyoo qunnamtii kanneen keessatti akka fe'amu godheera kan jedhuudha.
Barruun Jerusalem Post gaazexaan New York Times maddeen tikaa waabeffachuun ifa godhe jedhee akka gabaasetti raadiyoo qunnamtii Hezbollaa kan omishe dhaabbata Israa'el biyya Hangarii jiruudha.
Akka gabaasa kanaatti dhaabbanni BAC Consulting jedhamu abbummansaa kan Sheel Kaampaanii Israa'elifi biyya Hangariitti argamu yoo ta'u, raadiyoowwan qunnamtii maamiloota garaa garaaf kan omisha. Hezbollaaf garuu addatti baatirii raadiyoo qunnamtii keessatti dhootuu gochuun omishe.
Maddi tikaa biyyoota lixaa tokko ammoo Rooyitarsitti akka himetti gareen waraana saayibarii Israa'el Yuunit 8200 jedhamu mala qunnamtii Hezbollaa irratti oppireeshinii qindeessera.
Gareen waraana saayibarii Israa'el Yuunit 8200 jedhamu, qaama Humna Waraana Israa'eliti.
Rooyitars maddeen tikaa biyyoota lixaa irraa odeeffachuun akka ibsetti, Yuunit 8200 Hezbollaa irratti haleellaa saayibarii gaggeessuf waggaa tokkoo oliif itti karoorsaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen waraana saayibarii Israa'el kun adeemsa omisha qunnamtii raadiyoo Hezbollaan itti fayyadamaa turee keessatti akkamitti meeshaa dhootuu kaa'un akka danda'amu irratti gama teeknikaan hirmaachutu himame.
Yoosii Kupparwaaser miseensa duraanii tika Israa'el yoo ta'u, tikni waraana Israa'el haleellaa Hezbollaa kanaratti hirmaachuf waanti adda bahe akka hin jirreefi garuummoo gareen waraana saayibarii Israa'el haleellaa akkasii raawwachuuf ciminaafi muuxannoo gahaa akka qaban Rooyitarsitti hime.
Gareen Yuunit 8200 kun miseensota waraana Israa'el dandeettii addaa qaban addatti filamuun meeshaalee ittiin odeeffannoo tikaa sassaaban kan kalaqaniidha.
Hedduunsaanii ammoo dargaggoota dandeettii addaa qabaniidha. Gareen waraana saayibarii kun odeeffannoo tikaa sassaabuu, haleellaa saayibarii gaggeeffamu ittisuufi haleellaa saayibariifi teeknolojii gaggeessun kan beekamuudha.
Israa'el amanuu baattus, gareen Yuunit 8200 haleella saayibarii wiirtuu gabbisa nikularaa Iraan irratti kana dura gaggeeffameefi oppireeshiniiwwan gurguddaa Israa'elin alatti gaggeeffaman keessatti hirmaatera jedhama.
Gareen dargaggoota dandeettii kalaqaa addaa qaban of keessaa qabu kun hojiiwwan daataa maayiningii, odeeffannoo signaalii sassaabuu, haleellaa saayibarii gaggeessufi ittisuu irrattis kan bobba'eedha.
Dabalataanis teeknolojii hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuun gaggeessitoota Hamaas adda baasun haleellaa akka irratti gaggeessantu himama.
Gareen kun odeffannoo tikaa sassaabufi halellaa waraana saayibarii gaggeessufi ittisuun alatti lammiilee Filisxeem, keessumaa Weest Baank keessa jiran basaasunis ni beekamu.
Bara 2014 keessa miseensonni garee Yuunit 8200 soorama bahan 43 ta'an akkaataa itti garichi lammiilee Filisxeem basaasu irratti mormii dhageessisuun xalayaa barreessanii ture.












