Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Yuukireen bulchiinsa Viladmir Puutin laaffisaa jira- CIA
Waraanni Yuukireen bulchiinsa Raashiyaa Vilaadmir Puutin irratti dhiibbaa ‘laaffissuu (daandessuu)’ qabaachaa jira jechuun hogganaan Dhabbata basaasaa US, CIA ibse.
Sababa waraanichatti feedhii dhabuu Raashiyaarra ga’aa jiruun CIA odeeffannoo basaasaa haaraa akka argatuuf carraa uumeera jechuun hoggaanaan hoogganaan dhabbatichaa Wiiliyaam J Barnis dubbatan.
Dhabbati basaasaa guddaa Ameerikaa kun ibsa kana kan kenne barsiisa wagga waggaan Ditchley Foundation, UK jirutti kennaa ture irrattidha.
Haasaan kun kan dhufe hoogganaan Wagner Yivgeenii Pirigozhiin fincila taasisee torban tokko boodadha.
Aab Burnis akka jedhanitti, Sanbata darbe humnootni Waagner gara magaalaa gudditti Raashiyaa, Moskootti duuluun “mormii hidhannoo” Yevgeny Prigozhin taasiseen namni hundi ‘rifateera.’
Gochi Yevgeny Prigozhin “dhiibbaa laaffisuu waraannii Puutiin deebisee hawaasaa isaafi bulchiinsa isaa irratti qabaachaa jiru sirritti yaadachiisudha,” jedhani.
Fincila Yivgeenii qofa osoo hin taanee dhiibbaan haasaan Putin – weerara Raashiyaa ajajuu dabalatee- yeroo dheeraaf kan itti fufu ta’a jedha hoogganaan CIA.
“Jibbi waraanicharra jiru bulchiinsa Raashiyaa suuta suutaan balleessa deema,” jedhan Aab Burnis.
“Jibbi kun nuuf carraa dhaloota keessatti takka dhufu CIA’f uumeera,” jechuun ga’ee dhaabaticha baasaasa keennuuf qondaaltota qacaree yemmuu ibsan.
“Carraa kana hin balleessinu.”
Dhiyeenya kanaa namoota Raashiyaa keessa jiran qaqqabuuf CIA Tiwiitaraa fi Telegram irratti duula miidiyaa hawaasummaa eegaleera. Duulli kun qajeelfama akkamiin utuu hin to’atamiin miidiyaa hawaassummaa dhokaataa (dark web) irratti CIA’f odeeffannoo ergan of keessa qaba.
Viidiyoonn qajeelfama kanaa torban tokko keessatti si’a miiliyoona 2.5 daawwatameera.
Dabaluunis Aab Burnis, ergaa anga’ooti US kana dura US fincila Yivgeenii keessa harka hin qabdu jechuun dubbatan mirkaneessaniiru.
Bara 2005 hanga 2008’tti Raashiyaatti Ambaasaadaraa US ta’uun kan tajaajilan Aab Burnis, waggootii digdamman darbaniif Pireezdaantii Raashiyaa Putiiniin hubachuuf yaaliin isaan taasisan “ilaalcha oolantummaa Putin fi raashiyaa irra jiru haala fayya qabeessan” akka hubatan taasisu himaniiru.
Dabaluun garuu wanti inni bare tokko yoo jiraate, xiyyeeffannoo Putin Yukireeniin to’achuuf qabu gadi xiqqeessanii ilaaluun dogoggora akka ta’e baruu himeera.
“Xiyyeeffannoon hamaa fi gaddisiisaa ta’e kun Raashiyaarratti qaanii fidee dadhabbii isaas ifatti baaseera,” jedhu.