Poop Firaansis monokseewwanis viidiyoo saal-quunnamtii daawwatu jechuun akeekkachiisan

Dureen Waldaa Amantii Kaatoolikii Poop Firaansis namoonni amantii keessa taa'anii viidiyoo saal-quunnamtii daawwataa jiraachuu adda baasuu erga ibsanii booda, akka irraa of qusatan akeekkachiisan

Dubartoonni waan hunda dhiisanii jiruusaanii amantiif wareeganii jiraatan(monokseewwan) fiilmii saal-quunnamtii daawwatu, kunimmoo balaa guddaa fida jedhan.

Dureen amantaa gameessi kun balaa saal-quunnamtii intarneetii irratti ilaaluun qabu ilaalchisuun lubootaa fi abbootii amantii akkasumas namoota jiruusaanii guutuu amantiif aarsaa godhan akeekkachiisan.

''Haalli kun onnee lubummaa laaffisa,'' jedhan.

Phaaphaasiin umrii ganna 86 kun miidiyaa dijiitaalaa fi hawaasummaa akkamiin waan gaariif oolchuun danda’ama dhimma jedhurratti walga’ii Vaatikaanitti qophaa’erratti dubbataa turan.

Viidiyoo saal-quunnamtii ilaaluun amala badaa namoonni hedduun aadeffataniidha kan jedhan dureen amantaa kun, luboonnii fi namoonni amantaatti cichanillee as keessatti argamu jedhan.

''Karaa kana sheexanni nutti seena,'' jedhan.

Miidiyaa hawaasaa fi addunyaa dijitaalaa akkamitti akka keessummeessuun nurra jiraatu ilaalchisee, itti fayyadamuun gaariii ta’ee garuu yeroo baay'ee irratti akka hin qisaaseessine gorsan.

"Lapheen qulqulluun, kan Yesuus guyyaa guyyaan argatu, odeeffannoo saal-quunnamtii kanaan qabamuu hin danda'u," jedhan.

Gareen kun "Waan kana bilbila keessan irraa haqaa, akkas goonaan waan isin qoru harka keessanirraa hin qabaattan" jechuun gorsaniiru.

Barumsi amantii waldaatti kennamu viidiyoowwan saal-quunnamtii akka yakka qulqullummaa xureessuutti kennama.