Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
ICCn qondaaltota waraanaa olaanoo Raashiyaarratti ajaja hidhaa baase
Manni Murtii Yakkaa Idiladdunyaa (ICC) qondaaltota olaanoo Raashiyaa akka hidhamaniif ajaja baase. Ministirri ittisaa duraanii Sergee Shoyiguu fi hoogganaan waliigalaa humna waraanaa Vaalerii Giraasmoov kanneen ajaji hidhaa irratti ba'e keessaati.
Abbootiin murtii ICC qondaaltonni lameen Yukireen keessatti yakka waraanaa fi yakkoota dhala namaa raawwataniiru jechuun himatan.
Aab Shoyiguu fi Aab Giraasimoov Onkoloolessa 2022 hanga Guraandhala 2023 gidduutti dhuunfaa dhunfaadhaan yakkoota waraanaa raawwataniif itti gaafatamuu qabu jedhan abbootiin murtii.
''Shakkamtoonni [qondaaltonni] lameen misooma elektirikii Yukireen misaa'elaan haleeluu isaanii ragaaleen mirkaneessan jiru,'' jedha himannaan ICC.
Sababa haleellaa jedhamee miidhaan lammiilee nagaarra ga;e ''akkaan suukanneessaadha'' jedhe manni murtii kun.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii tarkaanfiin ICC kun ''humnoonni Raashiyaa yakkoota waraanaa Yukireen keessatti raawwataniif gaafatamummaa jalaa akka hin baane nutti mul'ise,'' jedhan.
''Kanneen haleellaa kana karoorsuurraa irraa hanga raawwachuutti keessatti hirmaatan hunduu haqi akka ba'u beekuu qabu. Mana hidhaatti akka isaan arginu nan abdadha.''
Manni Maree Nageenyaa Raashiyaa ajaji hidhaa ICCn Aab Shoyiguu irratti baase ''gatii kan hin baasne'' fi qaama waraana gareedhaan Raashiyaarratti banameeti jedhe.
Michuu yeroo dheeraa Pirezidant Putiin kan ta'an Aab Shoyiguun, aangoo ministeera ittisaa bara 2012 qabatan irraa kan kaafaman ji'a darbe keessa ture.
Yeroo ammaa dursaa mana maree nageenyaa biyyaalessaa ta'uun tajaajilaa jiru.
Manni murtichaa Aab Putiin yakka waraanaa raawwateera jechuun himate, keessattuu seeraan ala humna fayyadamuun daa'imman Yukireen hedduu gara Raashiyaatti dabarseera himati jedhu isa ijoodha.
Ajaji hidhaa kun aangoo pirezidantummaa Putiin jalatti Komishinara Mirga Daa'immanii kan taate Maria Livoovaa-Beloovaa irrattis ba'eera.
Garuu ICCn ajaja hidhaa baasuun alatti humna ittiin aanga'oota kunneen qabee to'annoo seeraa jala oolchu waan hin qabneef tarkaanfiin kun hojiitti hiikamuu hin dandeenye.
Akkasumas ajaji ICC kan hojiirra ooluu danda'u biyyoota miseensa jaarmiyaa kanaa ta'an keessatti qofa, Raashiyaan ammoo miseensa miti.
Haata'u malee tarkaanfiin kun yoo xiqqaate imala Putiin danqeera. Erga ajaji hidhaa irratti ba'e Putiin gara biyyoota miseensa mana murtii kanaa ta'anii imaluu dhaabeera.
Yukireenis miseensa ICC miti. Garuu yakkoota waraanaa bara 2013 irraa kaasee Raashiyaadhaan daangaashee keessatti raawwataman irratti tarkaanfii ICCn baasu hunda ni fudhatti.