Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC)n aangoo attamii qaba?

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) kan Heeg keessatti argamu, mana murtii addunyaa dhaabbataa kan ta'eefi kan namoota dhuunfaafi dureewwan yakka duguuggaa sanyii, yakka dhala namaa irratti raawwatamuu fi yakka waraanaatiin himachuuf aangoo qabuudha.

Manni murtii kunis tattaaffii qaama hooggantoota gocha sarbama mirgaa raawwatan itti gaafatamoo taasisuu danda'u ijaaruudhaan waggoota kurnan oliif taasifamee booda, bara 2002 kan hundeeffame.

Hoggantoonni addunyaas waraana Yugozilaaviyaa fi Duguuggaa Sanyii Ruwaandaan booda akka hundeeffama isaatiif dhiibbaa guddaa gochaa turan.

Seerri Room, kan mana murtii kun ittiin hundeeffame kunis, biyyoota 124n kan raggaasifamee yoo ta'u, US garuu keessatti hin argamtu.

Manni murtii maal gochuuf qophaa’e?

Hanga manni murtii kun hundeeffamutti, manneen murtii yeroof ta’an namoota yakkoota akka kan dhala namaa irratti raawwataniin himataman seeratti dhiyeessuuf yaalaa turan. ICCn ammoo qaama ture guutuuf hundeeffame.

Manni murtii kunis furmaata dhumaa yoo ta’u, yeroo abbootiin taayitaa biyyaalessaa himachuu hin dandeenye ykn hin dhiheessine qofa gidduu seena.

Manneen murtii idil-addunyaa hedduun amma dura hin jiranii?

Eeyyee, garuu ammoo hojii adda addaa hojjetu yookaan ammoo aangoo daangeffame qabu.

Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (International Court of Justice)n kan (yeroo tokko tokko Mana Murtii Addunyaa jedhamu) falmii mootummoota gidduu jiru irratti murtii kenna malee namoota dhuunfaa himachuu hin danda’u.

Manneen murtii yakkaa idil-addunyaa Yugozilaaviyaa duraanii fi Ruwaandaatti namoota dhuunfaa yakka dhala namaarratti raawwatan irratti murtii kan kenne yoo ta’u, garuu ammoo kan yeroo murtaa’etti naannoolee sana keessatti yoo raawwataman ta'e qofadha.

Manneen murtii idil-addunyaa irraa haala adda ta’een, Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa qaama dhaabbataadha.

Waan inni uwwisu irratti yeroon daangeffamee jiraa?

Manni murtichaa aangoo duubatti deebi'ee ilaaluu hin qabu. Kana jechuunis, yakkoota Hagayya 1, 2002n booda, erga Seerri Room hojiirra oole booda raawwataman qofa ilaaluu danda'a jechuudha.

Dabalataanis, manni murtichaa yakkoota daangaa mootummaa waliigaltee kana mallatteessan keessatti raawwataman; yookiin lammii naannoo sanaatiin; yookan yeroo Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma tokko itti erge qofarratti aangoo mirkanaa'e qaba.

Manni murtii dhimmoota akkamii hordofa?

Murteen mana murtichaa jalqabaa, Guraandhala 2012 keessa kan hogganaa milishaa Rippabiliika Dimookiraatawa Koongoo, Toomaas Lubaangaa irratti darbe ture. Innis waraana biyyattii keessatti daa'imman fayyadamuu wajjin walqabatee yakka waraanaatiin yakkamaa ta'uun ji'a Adooleessa keessa waggaa 14 itti murtaa'e.

Namni beekamaan gara ICCtti dhiyeeffame, Pirezidaantii duraanii Ayivoorii Koosti, Laawureent Gbaagboo yoo ta'an, innis bara 2011keessa ajjeechaa, gudeeddiifi miidhaa saalaa gosa biroo, ari'annaa fi "gochoota namummaa hin qabne birootiin" himataman.

Dhimmoonni beekamoo gara biraa ammoo, himannaa Pirezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa irratti jeequmsa sabaa fi sablammootaa bara 2007-08tti filannoon booda uumamuun, namoonni 1,200 ittiin du’aniin walqabatee bara 2011tti irratti dhiyaate yakka farra namummaa ni hammatta. Haata'u malee, ICCn himannaa Aab Kenyaattaa irratti banamee ture sana Muddee 2014 ni dhiise.

Kanneen ICCn barbaadaman keessaa tokko dureewwan sochii riphee loltoota Yugaandaa Waraana Fincila Waaqayyoo (LRA), kan kaabaa Yugaandaa, kaaba-baha DR Koongoo fi Sudaan Kibbaa keessa socha'aniiti.

Dureen garichaa Jooseef Koonii ijoollee kumaatama ukkaamsee fudhachuu dabalatee, yakka namoomaa fi yakka waraanaatiin himatame.

Manni murtichaa pirezidantii duraanii Sudaan Omaar al-Bashir, dursaa biyyaa jalqabaa irratti himannaa bane qaba. Al-Bashir yakka duguuggaa sanyii, yakka waraanaa lamaafi yakka dhala namaa shanii irratti dhiyaate, Waxabajjii 2015 keessa garuu walgahii Gamtaa Afrikaa Afrikaa Kibbaatti geggeeffame irratti osoo hirmaatan, manni murtii Afrikaa Kibbaa biyyaa keessaa akka hin baaneef akka dhorkamu ajaje.

Haata'u malee mootummaan Afrikaa Kibbaa Bashir akka bahu kan hayyameef yoo ta’u, kufaatii kana keessatti abbaan murtii tokko aariidhaan mootummaan heera mootummaa biyyattii tuffate jechuun himate. Mootummaan ammoo dabaree isaatiin ICC keessaa akka bahu doorsise.

Bara 2023 keessa ammoo ICCn Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutinii fi Komishinara Mirgoota Daa'immanii isaanii Maariyaa Lvovaa-Belovaaf irratti ajaja hidhaa baase.

Lamaan isaaniituu yeroo Aab Puutin Yukireen weeraranitti daa’imman Yukireen seeraan ala gara Raashiyaatti fudhachusaaniitiin himataman.

Ajajni kunis imala addunyaa dursaa Raashiyaa irratti rakkoo ume. Fakkeenyaaf erga mootummaa pirezidantii Siiriil Roomaafoozaa irratti Puutin wayita biyyattii gahaniitti akka to'ataniif dhiibbaan cimeen booda, Puutiin yaa'i BRICS bara 2023 keessa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffame dhiisuuf dirqame.

ICCn bara 2021 keessa ammoo himannaa yakka waraanaa daangaawwan Filisxeem keessaa haala idileen qorachuu eegale. Aanga'oonni Filisxeemis ragaa waraanni Israa'el yakka waraanaa raawwachu agarsiisa jedhan mana murtichaatiif dhiyeessan.

Gabaasni UN ammoo gareen Filisxeem Hamaasiifi waraanni Israa'el lamaanuu yakka waraanaa raawwachuusaanii ilaalchisee ragaa argate.

Loogii Afrikaa jedhamuu

Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n keessatti xiyyeeffannaa inni Afrikaarratti qabuun qeeqamaa tureera. Seenaa manni murtichaa waggoota 22 keessatti, namoota dhuunfaa Afrikaa irraa ta'an qofarratti himannaa bane.

Haata'u malee ICCn loogii homaatuu qabaachuu ni haala. Kanaafis himannaa LRA Yugaandaa biyya miidhameen dhiyaachu fi kaan UNn dhiyaachuu akka eere.

Haatii alangaa olaanoo ICC duraanii lammii Gaambiyaa, Faatowu Beensuudaa, manni murtiichaa yakkamtoota himachuu isaatiin Afrikaa gargaaraa jira jechuun falman.

''ICCN Afriikaadhaafi miidhamtoota Afriikaatiif hojjataa jira. kanaaf Gamtaan Afriikaa faallaa isaa ta'u qaba jedhee hin yaadu'' jedhan.

ICCn attamiin shakkamtoonni hidhamuufi murteen hojiirra ooluu mirkaneessuu danda’a?

ICCn humna poolisii mataasaa kan ittiin shakkamtoota hordofuun to'atuu hin qabu. Inumaayyuu, to'achuufi gara Heegitti isaanii dabarsuuf tajaajila poolisii biyyaalessaa irratti hirkatee.

Dhimmi Obbo Bashir's rakkoo mana murtiif dhiyeessuu danda'u kana kan agarsiisudha. Chaadii fi Keeniyaa dabalatee, biyyoonni waliigaltee ICC mallatteessan hedduun hidhamuu himatamtootaatiif tumsa gochuu didaniiru.

Manni murtii Afrikaa Kibbaa tokko Bashiir biyyaa akka hin baane akka dhorkamu ajajee ture, garuu mootummaan ajajichi ni cabse.

Gamtaan Afrikaa miseensonni qorannoo mataasaa osoo gaggeessuu, ajaja hidhaa ICC akka hin raawwachiifneef qajeelfama kenneera

Sirnichi attamiin hojjataa?

Abbaan alangaa qorannoo kan jalqabu dhimmi tokko Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ykn biyya raggaasisuun yoo dhiyaatedha.

Tarkaanfii walabaa fudhachuus ni danda’a, garuu himannichi garee abbootii murtiitiin mirkanaa’uu qaba.

Abbaan alangaas ta’e abbootiin murtii biyyoota mana murtii keessatti hirmaataniin kan filatamanidha. Luwiis Moreenoo Okaampoon lammii Arjentiinaa, abbaa alangaa olaanaa mana murtii kanaa isa jalqabaa ture.

Tokkoon tokkoon biyyaa abbaa murtii filachuun kaadhimamaa tokko dhiyeessuuf mirga qaba.

Eenyuutu mana murtii waliin tumsuuf walii gale?

Hanga ammaatti Seerri Room biyyoota 124n raggaasifameera. 34 kan biraa ammoo kan mallatteessan yoo ta'u, gara fuulduraatti ni raggaasisu ta'a.

Hanga ammaattiis biyyoota Arabaa sadii: Joordaan, Jibuutifi Komoroos qofatu seera kana ragaasiise.

US maalif keessatti hin hirmaanne?

Tibba mariin gaggeeffameettu Ameerikaan ilaalcha siyaasaatiin kaka'uun ykn himannaa salphaa ta’een loltoota isheerratti banamuu akka danda’an falmitee turte.

Eegumsi adda addaa kan jalqabame yoo ta’u, Biil Kilintan dhuma pirezidaantummaa isaanii irra ta'un hojjatan tokko keessatti waliigaltee kana mallatteessanii ture, garuu Kongireesiin biyyattii gonkumaa hin raggaasifamne.

Bulchiinsi Buush ammoo mana murtii fi birmadummaa Ameerikaa haqaa yakkaa keessatti akka laaffisu kamiyyuu cimsee kan mormu yoo ta’u, US yoo ICCn himannaa irraa bilisa yoo isaan taasiseen alatti loltoota ishee humna UN Bosiniyaa keessa jiru akka baaftu doorsiftee turte.

Murtee baayyee qeeqame kanaan, Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Adooleessa 12, 2002 loltoonni Ameerikaa ji'oota 12f himannaa irraa bilisa akka ta'aniif sagalee kennuun, itti aansuunis waggaa waggaan haaromfama.

Garuu Manni Maree Nageenyaa, Waxabajjii 2004 keessa bilisa ta'usaanii haromsuu diduudhaan, Barreessaa Olaanaa Dhaabbatichaa yeroo sanii, Kofi Annaniin kaafame. Kunis erga suuraan loltoonni Ameerikaa hidhamtoota Iraaq irratti miidhaa geessisaniif addunyaa naasiisee mul'ateen ji'a lama booda ture.

Hojiin mana murtii hirmaannaa Ameerikaan malee akka laafaa ta'etti ilaalama. Haata’u malee, Waashingitan dhimmoota adda addaarratti mana murtii waliin tumsa qabaachuun hin hafne.

Prezdaant Joo Baayideen dhaabbileen basaasaa Ameerikaa ragaa yakka waraanaa Raashiyaan Yukireen keessatti raawwatte mana murtiif akka qoodan ajajan.

Mormitoonni gara biraa jiruu?

Eeyyee, biyyoonni barbaachisoo ta’an hedduun aangoo ICC jalatti akka hin bitamne kan murteessan fakkaatu.

Gariin, biyyoonni kanneen akka Chaayinaa, Hindii, Paakistaan, Indooneezhiyaa fi Turkii waliigaltee kana illee hin mallatteessine.

Masrii, Iraan, Israa’elii fi Raashiyaa dabalatee, kanneen biroo mallatteessanis shakkii qabaachuu hin raggaasifne.

Kanaafuu biyyoota kanneen keessatti yakka dhala namaa irratti raawwatame jedhame seeratti dhiyaachuun waan raawwatamu hin fakkaatu. Manni murtichaa Guraandhaka 2024 ajaja hidhaa ajajoota Raashiyaa lama irratti erga kennee booda barreessaan pireesii Kireemliin Dimitiri Peeskov, Moskoon ajaja kanaaf beekamtii hin kennine jedhan.

ICCn sirna haqaa biyyota hundaa wajjin akkamitti wal sima?

Biyyoonni waliigaltichatti makaman ofiisaanii yakka seerichii gaguu hundaan himachuu akka danda’an mirkaneessuu danda’u qabu - yoo kana hin taane manni murtii gidduu seenuu danda’a.

Mootummoonni tokko tokkoos sirna haqaa mataasaanii irratti jijjiirama fiduuf seera baasaniiru.

Eenyuutuu kanfala?

Mootummoonni qooda fudhataniitu kanfala. Kunis akkaataadhuma seera gumaacha isaan UN'f taasisan bulchaniin ta'a - tilmaamaan qabeenya biyyaalessaa isaanii irratti hundaa'uun.

Keessattuu US dhabamuun ishee maallaqni mana murtii kanaaf kennamu biyyoota biroof qaala'aa taasiseera.

Jaappaan, Jarmanii, faransaay fi Biriteen biyyoota irra caala gumaachan keessaayi.