Phaaphaasiin duraanii Bataskaana Kaatolikii Benedikt 16ffaa boqotan

Pop Benedict XVI

Madda suuraa, Getty Images

Phaaphaasiin amantaa Kaatolikii duraanii Benedikt XVI(16ffaa) ganna 95'tti du'aan boqotan.

Bakka jireenyaa isaanii kan ta'e Vaatikaan keessatti kan boqotan Benediikt 16ffaan dhibeen waan itti hammaateef ture waggaa 10 dura Phaaphaasii isaan ammaa Firaansisiif aangoo gadhiisanii kan gara gadaamiitti galan.

Poop Benedikt bara 2005 hanga 2013'tti phaaphaasii ta'uun kan tajaajilan yeroo ta'u duree amantaa fedha isaaniin aangoo gadhiisuun phaaphaasii Giriigoorii 12'ffaa kan bara 1415 turaniin booda kan jalqabaati.

Phaaphaasiin kun jireenya isaanii gara dhumaa kan dabarsan mana sagadaa(gadaamii) mater Ecclesiae jedhamu kan Vaatikaan keessa argamutti.

Phaaphaasiin ammaa Fiaraansiis, Benediktiin irra deddeebiin dhaqanii gaafachuu himan.

Phaaphaasichi sababa umriin raaganiif fayyaan isaanii akka malee laafaa dhufus tibba kana itti hammaachuu himaniiru.

Poop Firaansii haasaa isaanii dhumaa Vaatikaanitti taasisaniin Phaaphaasii duraanii Emiratas Benediktiif akka addatti kadhatan amantootaaf waamicha godhaniiru.

Jaramanitti kan dhalatan Phaaphaasiin kun maqaan isaanii ganamaa Joseph Ratzinger jedhama.

Gara Vaatikaanitti dhufanii Phaaphaasii ta'uun yoo muudaman bara 2005'tti seenaa mana amantaa kanaan nama umrii guddaa muudama kana argatan turan.

Bara isaan bulchaa turan waldaa kaatolikii irratti himannaan seeraafi gabaasonni lubootni daa'imman irratti yakka raawwachuu bal'innaan dhagaahamaa ture.

Gara jalqabaa bara kanaatti Benedikt himannaawwan dhiyaachaa turan dhugaa ta'uu amananii qabinsa himannaawwanii yeroo Muuniik turanis dogoggora ittiin jedhaniiru.