Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaafi Naajeeriyaan maallaqa guddaa daandiin qilleensaa Keeniyaa irraa qabu deebisaa jedhaman
Aangawoonni Keeniyaa qarshii Daandii Qilleensaa Keeniyaa ta’eefi Itoophiyaa akkasumas Naayijeeriyaatti hafe deebisuuf aangawoota biyyoota kanaa waliin mariitti jiru.
Akka daandiin qilleensaa kuni jedhutti sababa hanqina sharafa alaan qarshiin kuni biyyoota kanatti hafe.
Hoogganaan dhaabbatichaa Aalan Kilaavukaa BBC’tti akka himanitti, dhaabbatichi hanga yoonaa maallaqi Naayijeeriyaa, Itoophiyaafi Maalaawwii irraa hin deeffatiin hafe dolaara miiliyoona 28 dha.
Maallaqi kuni kan yeroo dheeraaf kuufamedha.
Dhimma kana irratti aangawoonni Itoophiyaa waan jedhan hin qabani.
Daandiin Qilleensa Keeniyaa baatiiwwan jaha darbanitti dolaara miiliyoona 82 dhabuu hime. Kasaaruu isaa yoo himus kuni kan duraa miti.
Sababoota kanaaf gumaachan keessaa tokko gatiin boba’aa yoo dabalu, kan biraa immoo hanqinni dolaaraa biyyoota maqaan dhahamanitti mudatedha jedhe.
Waldaan Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa [IATA] akka jedhetti dolaarri miiliyoona 464 ta’uufi kan dhaabbilee xiyyaaraa alaa garagaraa ta’e Naayijeeeriyaa keessa hafeera.
Jalqaba baatii kana buufata isaa Dubaayi kan taasifate Emireetis Giruup sababa dolaaraan balalii isaa gara Naayijeeriyaa taasisu akka haquuf deemu ibseera.
Dhaabbileen tajaajila qilleensaa biyya tajaajila itti kennanitti maallaqa biyyattiin tajaajilu.
Eegasii dolaaratti jijjiiramee biyya daandii qilleensichaatti ergama.
Hanqinni sharafa alaa yoo mudate galii isaanii harkatti galfachuuf rakkatu.