Anga'aan Itoophiyaa hojii gaarii hojjetaniif UKtti badhaasa umrii guutuu argatan

Yeroo ammaa Daayireektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa bineensota Bosonaa Itoophiyaati Obbo Kumarraa Waaqjiraa

Madda suuraa, Abbaa taayitaa eegumsa bineensota Bosonaa itoophiyaa

Yeroo ammaa Daayireektara olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa ta'uun hojjechaa kan jiran Obbo Kumarraa Waaqjiraa, gumaacha damee kanaaf taasisaniin dhaabbata Badhaasa Eegumsaa Mootii Wiiliyaam irraa badhaasa argataniiru.

Badhaasa waggaa waggaan namoota hojii eegumsa bineensota bosonaa fi qabeenya uumamaa irratti hojii gaarii hojjetaniif kennamu kanaanis Obbo Kumarraan Afrikaa irraa badhaafamaa umrii guutuu jedhamuun magaala Londonitti argamuun badhaasa isaanii fudhatan.

Obbo Kumarraan badhaasa kana booda gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, hojii waggoota 30 darban jaalala guddaan hojjetanii fi umrii dargaggummaa isaanii guutuu irratti dabarsan kanaan badhaasa akkasiif gahuutti guddaa gammaduu himan.

"Badhaasni Faawundeeshinii Mootii Wiliyaamin waggaa waggaan UK keessatti kennamu kuni akka Afrikaatti qabeenya uumamaa faana hojiiwwan gurguddaa kanneen hojjetaniif beekamtii kennamudha.

"Anis carraa kana bara 2025 kanatti naaf kennamee badhaafameera. Innni guddaan badhaasa kanaan nagahe ijoollummaakoorraa jalqabee waanuma eegumsa qabeenya uumamaa kanan hojjechuukooti" jedhan.

Bakka hubannoon waa'ee eegumsa bineensota bosonaa fi qabeenya uumamaa laafa ta'etti hojii kana milkeessuuf hojjechuun dadhabbii guddaa kan qabu waan ta'eef badhaasni kunis bu'aa dadhabiikoo waggoota 30ti jechuunis ibsu.

"Hojiin kuni dadhabbii guddaa qaba. Qorumsa damee kana keessa jiru hunda dandamattee osoo abdii hin kunne, ogummaakees osoo hin jijjiirre of kennitee hojjechuun laayyoo miti. Kana keessatti bu'aan argames jira. Madaallii kanaanin badhaafame" jedhan.

Baadiyyaatti dhalatanii guddachuun qabeenya uumamaa faana hariiroo jabaa akka qabaataniif bu'uura ta'uufii kan himan angaa'aan kuni, ogummaa kanaaf jaalala addaa qabaachuus eeran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Qabeenya uumamaa keessumattin dhaladhee keessumattin guddadhe. Kanaaf, miirrisaa nakeessa jira ture. Ijoollummaakootti garuu ogummaan akkanaa jiraachuu hin beekun ture. Akkuma carraa ta'ee yeroon yunvarsiitii seenu waan ogummaa kanatti siqun baradhe" jedhan.

Kanaanis, jaalalli hojii eegumsa qabeenya uumamaa fi bineensota bosonaaf qaban kuni cimuun ogummaa umriisaanii guutuu hojjetan ta'uurra gahe.

"Ammarra dhaabadhee yoon ilaalu ogummaa kanaaf jiraachuunkoo baayyee na gammachiisa. Maalif yoo jette, waanuman lubbuu namaa eegu natti fakkaata. Gaafa qabeenya uumama eegdu nama eegda. Jireenyi namaa lafa kanarratti akka mijataa ta'ee itti fufu gochuudha" jedhan.

Badhaasni isaan miilana argatan kuni badhaasa isaan qofa osoo hin taane biyyas maqaa waamsise waan ta'eef dargaggoota boodarra dhufaniif kaka'umsa kan uumudha jedhan.

Dhaabbanni eegumsaa Mootii Wiliyaam kuni Afrikaa biyyoota 24 keessatti hojii eegumsa qabeenya uumamaatiif deeggarsa kan godhudha.

"Pirojektoota hojii kanarratti hojjetan baayyee deeggaru. Badhaasa namoota damee kanarratti hojii gaarii hojjetaniif kennamu kan baranaa kuni marsaa 13ffaadha. Waggaa waggaan badhaasu".

"Kaayyoon badhaasa kanaas ogeessota hojii eegumsa qabeenya uumamaa kanarratti wareegaman, warra dadhaban, warra gumaacha guddaa godhaniif beekamtii kennuudha. Kunimmoo dhumarratti bu'aansaa dhaluma namaa eeguufi" jedhan Obbo Kumarraan.

Badhaasa eegumsa naannoo Mootii Wiliyaam kan UKtti kennamu kana biyyoota Afrikaa adda addaa irraa hanga ammaatti ogeessonni damee kanarratti gumaachan 14 kan badhaafaman yoo ta'u, Itoophiyaa irraa Obbo Kumarraan nama jalqabaaf badhaafamani.

Waggoota 30 darbaniif damee eegumsa qabeenya uumamaa fi bineensota bosonaa irratti hojjetaa kan jiran Obbo Kumarraa Waaqjiraa, fuuladurattis dameedhuma kana keessatti hojiiwwan qorannoo adda addaa hojjechaa itti fufuuf karoora qabaachuu eeran.