Biraazil Arjentinaatiin injifatamuu booda leenjisaashee ariite

Madda suuraa, Getty Images
Biraaziil Arjentiinaatiin 4-1n injifatamuu hordofee leenjisaa garee biyyaalessaa kan turan Doorivaal Juniyeeriin ari'atte.
Gulaallii waancaa addunyaarratti Arjentiinaatiin mo'amuu booda Biraaziil ramaddicha keessaa sadarkaa arfaffaarra argamti.
Leenjisaan ganna 62 kun kilaboota Biraazil hedduu kan leenjise yeroo ta'u, bara 2024tti garee biyyaalessaa Biraazil leenjisuu eegale.
Taphasaa jalqabaan tapha michoomaaf waggaa darbe gara Weembilee imalee Ingilaandiin 1-0n injifateera.
Erga garee kana qabatee taphoota 16 taphate keessaa torba injifatee, jaha qixxee bahee, sadii ammoo mo'atameera.
Koonfedereshiniin Kubbaa Miilaa Biraaziil (CBF) leenjisaa kana kan gaggeesse Arjentiinaan haala amaniisaan injifachuun hirmaannaa waancaa addunyaa mirkaneeffachuu booda.
Ibsi Koonfedereeshinichaa ''boordichi hojiisaa hegeree milkaahaa akka qabaatu hawwa. Ammaa eegalee CBF leenjisaa isa bakka bu'u barbaaduurratti hojjeta.'' jedhan.
Doorival takkaahuu garee biyyaalessaaf taphatee hin beeku. Milkiinsaa inni guddaan ammoo kilaba guddicha biyyattii, Filaamingoo leennjisuun waancaa Copa Libertadorees injifachuudha.
Miidiyaaleen biyyattii leenjisaan Al-Hilaal hawhey Jiisees leenjisaa haaraa garichaa akka ta'u akeekaa jiru.
Doorivaal dura leenjisaa Riyaal Maadriid Kaarloo Anchelootii qacaruuf yaaliin godhame hin milkoofneef.
The Atileetiik akka gabaasetti ammoo ammallee Anchelootiin garee kana qabatee waancaa addunyaa 2026 irratti akka hirmaatu tattaaffiin godhamaa jira.












