Maandhee taphattoota ciccimoo addunyaa kan ta'e Biraaziil maaltu mudate?

Tapha gulaallii waancaa addunyaan Arjantiinaan goolii 4 fi 1n Biraaziil injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tapha gulaallii waancaa addunyaan Arjantiinaan goolii 4 fi 1n Biraaziil injifatte

Dorgommii Waancaa Addunyaa kanaan dura turan kamirrattuu Biraaziil hin darbitu sodaan jedhu dhugumatti tureera. Garuu amma miti.

Tapha gulaallii biyyoonni Ameerikaa taphataa jiraniin garee ja'atu kallattiin darba. Biraaziil qabxii ja'aan biyya sadarkaa torbaffaarra jirtu Venezuweelaa caalti.

Tapha marsaa afurtu hafa, kana keessatti Biraaziil gulaallii kuftee dorgommii Waancaa Addunyaa keessaa hafti jechuun hin danda'amu. Garuu qabxii ijoon isa kana miti.

Dorgommii Waancaa Addunyaaf darbuun Biraaziiliif waan eegan keessaa waan tokko akka milkeessuuti.

Garee jabaa waancaa injifachuu danda'u ijaaraa deemuu agarsiisa.

Kana hanga dorgommichi bara 2026 eegalutti irratti hojjechuu danda'u.

Garuu waan dorgommii Waancaa Addunyaa darbe irratti garee biyyaalessaa Biraaziil mudate waan gaarii miti.

Taphattoota ciccimoo addunyaa qabatanii Kirooshiyaadhaan mo'amanii gulantaa nuusa xumuraatti osoo hin darbin hafan.

Bara 2022 Qataaritti Biraaziil garee jabaa qabatee dhihaate, gooli eegaan garee kanaa Alison Beekar ga'umsa ajaayibaa agarsiiseera.

Mo'amanii dorgommii keessaa ba'u jedhee kan yaade hin turre.

Maarree Biraaziil taphattoota ciccimoo ta'aniin guutamee maaliif kufaatii hin taaneef saaxilama?

Gareen kun tapha gulaallii Waancaa Addunyaaf darbuuf taasifamu kan Kibxata darbe taphataniin goolii 4 fi 1n Arjantiidhaan mo'ame.

Utubaan guutummaatti hin jiru jechuun danda'ama, ittisuus ta'e kubbaa gara gooliitti dhiituun garecharraa haala amansiisaa ta'een hin mul'anne.

Taphattoota ciccimoo osoo qabuu kufaatiin kun eessaa dhufe?

Erga Biraaziil goolii hedduu 4 fi 1n Arjantiinaadhaan injifatamee Dorival Juuniyer dhiibbaa jala jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga Biraaziil goolii hedduu 4 fi 1n Arjantiinaadhaan injifatamee Dorival Juuniyer dhiibbaa jala jira
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo dheeraaf milkii dhabuun ykn injifatamuun Biraaziil calliseema waan ta'e miti.

Gareen kun tapha tokkoo gara tapha biraatti akkuma darbuun gurmuusaa cimsaa hin deemu.

Taphattoonni ciccimoon itti heddummaatanis garee cimaa ta'ee ijaaramuu hin dandeenye.

Kun akka salphaatti hubaman taasiseera. Dirree irratti tapha bareedaa fi amansiisaa hin mul'isan.

Sarara gidduurratti baayyee caalamanii mul'atu. Taphataa jabaan dhibee miti, gareedhaan hin ijaaramne.

Tooftaa fi tarsimoo taphaa dhabuutu gatii isaan kaffalchiisaa jira.

Wayita taphatan rakkoosaanii isa dhugaa amananii irratti hojjechuurra fakkeessanii bira darbuu filatu.

Taphattoonni hunduu dhuunfaa dhuunfaan beekamuu fedhuurraa kan ka'e garee balleessu.

Fakkeenyaaf torbee darbe Bitootessa 21, 2025 tapha Kolombiyaa waliin taphatan irratti Viniishiyees Juuniyer daqiiqaa xumuraa irratti goolii galcheera.

Garuu tapha sanarraa qabxiin sadi isaaniif hin malu ture. Tapha sana 2 fi 1n Kolombiyaa injifatan.

Haala kanaan yeroo hunda mo'achuun ammoo hin danda'amu.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Biraaziil akkaan qeeqameera.

Biraaziil keessatti lammii biyya sanaa ta'anii leenjisummaan milkaa'uun salphaa miti.

Yeroon shaakalaa fi leenjii ga'aan akkasumas hojichumtuu hanga wabii hin qabaannetti leenjisummaan hin milkaa'u.

Kanaaf leenjistoonni Biraaziil keessatti hanga yoonaa milkaa'an jedhaman hedduunsaanii Arjantiinaa fi keessummaa ammoo kanneen Poorchugaal irraa dhaqan kan ta'aniif.

Leenjisaan Biraaziil Dorival Juuniyer gareema biyyasaa kana keessaa ba'e.

Kubbaa taphachuu fi leenjisummaan waliigalatti waggoota 40 caalaa tajaajileera.

Ga'een leenjisaa waa sadi: garee ijaarrachuu, tarsimoo fi tooftaa taphaa qopheeffachuu fi miira mo'ichaa cimaa uumuudha.

Dorival kan hunda gochuu hin dandeenye. Haala kanaa hojiisaa akkamiin akka itti fufu tilmaamuun rakkisaadha.

Yoo bakka buufama ta'e filannoon tokko warra alaa fiduudha- leenjisaan Poorchugaal Joorji Jeesus nama isaan ilaalcha keessa galchanidha.

Kaan taphataa duraan Chelsiif sarara ittisaa duubarraan karaa bitaa taphataa ture Filip Luwiis.

Neyimaar Biraaziiliif deebi'aa?

Neyimaar

Madda suuraa, Getty Images

Dorival yoo itti fufes leenjisaa haaraan yoo dhufes rakkoon Biraaziil sarara gidduu irratti qabu furamuu qaba.

Rakkoon erga bara 1990ootaa as garee kana biraa hin hafne. Yeroo sanarraa kaasee tooftaa fi tarsimoon taphaa Biraaziil kan duraaniirraa geeddarameera.

Hojii taphattoonni sarara gidduu (utubdoonni) hojjetan lamatti baasan. Utubdoonni lama duubatti deebi'uun hojii ittisaa hojjetu, lameen isaanii ammoo fuulduratti ba'uun jifattoota gargaaru.

Asirratti kan Biraaziil tapha dur ittiin beekamuu fi ittiin milkaa'a ture kan dhabe.

Rakkoo sarara gidduurratti Biraaziil mudataa jiruuf hanqinni Luuqaas Pakuweetaa isa ijoodha.

Utubaan West Haam kun amma gatiinsaa qaalii ta'eera. Maanchistar Siitiin maallaqa guddaan bituuf jedhamee irratti odeeffamaa ture.

Pakuweetaan garecha keessatti akkaan murteessaa ta'uuf ragaan hedduudha. Taphi Dorivaliif kan jalqabaa ta'ee fi bara darbe dirreen ala Ingilaand fi Ispeen waliin taphatan ga'umsa taphataa kanaaf ragaadha.

Sarara gidduu cufee taphachuuf dandeettii nama qabu, hamilee taphi gaafatu nama fidu fi taphattoota akka Viinishiyees Juuniyer faana tarkaanfachuu taphataa danda'uudha.

Taphataan murteessaa ta'e kun dhibuun Dorival sagantaa taphoota intarnaashinaalaa qaban yeroo Neyimaar deebi'uu danda'utti mijeessuuf akka yaadu taasiseera.

Kun hawwii ta'ee hafa malee ammatti waan yaadamu miti.

Yeroo dheeraaf miidhamarra kan ture Neyimaar, amma rakkoo maashaa isa mudateen wal'aanamaa jira.

Gara ga'umsa amansiisaatti deebi'uuf yeroo dheeraa isa gaafata.

Taphataan kun amma umriinsaa waggaa 33, yeroo kanatti nama dandeettii fi bu'aan inni buusu sirriitti hin baramnedha.