'Mootiin kubbaa miilaa' Neeyimaar kilabasaa ijoollummaa Saantoositti deebi'e

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoota urjii Biraazil addunyaaf gumaachite keessaa tokko kan ta'e Neeyimaar kilabasaa ijoollummaa Saantoositti deebi'e.
Neeyimaar addunyaarratti taphataa gatii guddaan itti bahee bitameedha. Lammiin BIraazil kun amma ganna 32 yoo ta'u, kilabasaa Biraazilitti argamuufi tapha itti eegale Saantoosif kontiraata ji'a jahaa mallatteessee jira.
Neeyimaar gara qe'eesaatti deebi'uunsaa kilaba Saawudii Al-Hilaal kontiraata qabu addaan kutuusaa hordofeeti. Neeyimaar Baha Giddu Galeessatti gaafa qajeelu tapha kubbaa miilaa biyyoota Arabaarratti dhiibbaa guddaa uuma jedhamee ture.
Haata'u malee garuu, miidhamaan yeroo dheeraf osoo hin taphatin karoorrisaas, kan kilaba Al-Hilaalis galma hin gahin hafe.
"Saantoos dhufuudhaf baay'ee dheebotee ture," jedha xinxaalaan kubbaa miilaa BBC Ispaanish Guuyilem Baalaag.
Kilabni Saantoosis Neeyimaar deebisee fiduuf heddu eegaa ture. Inumaayyuu hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuun akka waan Peeleen Neeyimaar gara Saantoos dhufuuf waamicha godhuutti hojjachuun dhiibbaa gochaa ture.
'Guyyaa itti gahuumsa Neeyimaar agarsiisen Meesin faarfame'

Madda suuraa, Getty Images
Tiktok ykn Youtube gubbaa waa'ee Neeyimaar yoo gaafattan, osoo inni kubbaa akka ajaa'ibaatti taphatuu argitu.
Taphattoonni Biraaziil dandeettii kubbaa miilaa addaa akka qabantu himama.
Akkaatan inni itti rifeensa muratu, sansakkaan qaama isaa aartii kubbaa, dirree keessatti kubbaa qabatee taphattoota faallaa asiifi achi gaafa dhamaasu qalbii namaa golgoleessa.
Neeyimaar bara 2013 kilabasaa jalqabaa Saantoosii bahee gara Baarseloonatti gaafa qajeelu ganna 21tti taphoota 225 irratti hirmaatee galchii 136 lakkoofsiseera.
Yeroo Baarsaa seenu taphataa Meesiifi Ronaaldoo bakka bu'a jedhamee ija addunyaa keessa seene.

Madda suuraa, Getty Images
"Nama gaaridha- karaa baay'een amala daa'imaa qaba- garuummoo namoota gaarii ta'an hedduun marfamee Barseloonaa baay'ee jaalata ture," jedha Guuyilem Baalaag.
Baarseeloonaa akkuma seenen sadi ta'anii: Meesii, Neeyimaarifi Suwaarez wajjin dirree kubbaa miilaa inuma dhuunfatu turan.
Taphattoonni kun sadi ta'anii fuuldura hiriirun Baarseloonan waancaa Laa Liigaa lama, Cooppaa Delaaree sadii fi Shaampiyoons Liigii tokko akka injifatu godhaaniiru.
Keessumaa sarara duraa karaa bitaatin galchiin inni lakkoofsisu, kubbaan inni gara fuulduraatti oofun Meesifi Suwaareziif ergu akkaan jaalatamaafi qalbii namootaa hawwatu isa taasisa ture.

Madda suuraa, Getty Images
"Sababa Meesiifi Suwaareziin sarara duraa karaa bitaan akka taphatu godhame. Sarara bitaarra taphachuunsaa akka heddu beekamu akka isa taasise yeroo sana Neeyimaar hin hubanne ture," jedha Guuyilem Baalaag.
Saffisa, dandeettii kubbaa qabatanii taphattoota heddu bira darbuufi kubbaa osoo hin dogoggorin kennuufi galchii lakkoosisuun beekama.
Bara 2015-16tti galchiiwwan 131 yoo lakkoofsisu michoonnisaa galchii 65 akka galchaniif kubbaa mijeessee kenneera.
Haata'u malee garuu, dandeettin Neeyimaar Baarseloonaa keessatti agarsiise kan Meesitiin jalaa golgame. Meesii bira darbee mootii kubbaa miilaa jedhamuu hin dandeenye.
Neeyimaar dabalatee taphattoonni garichaa Meesin olbahee akka mul'atuufi galchiiwwan heddu lakkoofsisuuf shoora guddaa gumaachan.
"Guyyaan inni Baarseloonaa gadi lakkisuun qaba jedhee murteese, Guraandhala 2017 gaafa Barseloonan 6-1 Paaris St-Jarmeen mo'atee waancaa Shaampiyoons Liigii fudhateedha," jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Ispaanish Guuyilem Baalaag.
"[Taphicharratti] ofiisaa galchii lama galchee galchii jahaffaa ammoo mijeessee kenne. Taphicharratti gahuumsa cimaa agarsiisun caalee kan taphate Neeyimaar ture, garuummoo taphicha booda suurri [hundi] Meesii agarsiisa.
"[Osoo Meesin jiruu] Baarseloonaa keessatti taphataa adda duree ta'ee mul'achuu akka hin dandeenye hubate," jechuun akkaataa inni Baarsaa bahee Faransaayi deemun PSGtti makame yaadata Guuyilem.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kilabni Faransaayi maallaqa hanga ammaatti rikardii jijjiirraa ta'ee hafe yuuroo miliyeena 222 itti baasee Neeyimaar mallatteessise.
Erga PSG deemee kan Baarsatti sarara bitaa qofatti qabamee ture caalaa bilisummaan bakkaa bakkatti socho'uun, keessumaa jifataa sarara gidduu ta'uun taphachuu eegale.
PSGtti sarara gidduu taphachuun bilisummaa argachuunsaa ammoo balaa biraaf isa saaxile- yeroosaa beeksisaa hojjachuutti akka dabarsu isa taasise.
"Jaalli inni kubbaaf qabu Paarisitti jalaa fudhatame, industirii ta'uu eegale," jechuun kontiraata PSGdhaaf mallatteesserratti guyyoota shaakala hin qabne hojii beeksisa hojjachuurratti akka dabarsu walii galtee akka qabu hima.
Kuni ammoo qalbiinsaa kubbaarratti akka hin xiyyeeffanne godhe. Turtii PSGtti taasiseen waancaa kilabichi barbaadu argamsiisuu hin dandeenye.
Bara 2020 dhuma Waancaa Shaampiyoons Liigii irratti 1-0dhaan Baayir Muunikiin injifataman.
Taphicharratti Neeyimaar daqiiqaa 90 guutuu taphatus galchii lakkoofsisuu hin dandeenye.
Dirree irratti dandeettii kubbaa miilaa ajaa'ibsiisaa agarsiisus, miidhamniifi dirreen alatti waan garaa garaan qalbiinsaa tasgabbaa'uu dhabuun turtii Paarisitti taasise akka yaade hin taanef.
Taphataan colleen biraa Kiiliyaan Imbaappefi Baarsatti morkataasaa kan ture Meesin gara PSG dhufuunsaanii gahee Neeyimaar kilabicha keessatti qabu yaaddoo keessa galche.
Keessumaa bara taphaa 2022-23tti miidhamni Neeyimaar taphoota hedduun ala isa taasise.
Imala gara Saawudii
Neeyimaar Hagayya 2023, ganna 31tti mindaa waggaa yuuroo miliyeena 150 kilaba Saawudii Arabiyaa kan ta'e Al-Hilaalif mallatteesse.
Kaffaltiin kun kan inni PSGtti argatu dachaa jahaan kan caalu ture. Garuu achis dhaqee hin milkoofne.
Garee biyyaalessaa Biraaziliif wayita taphatu miidhama isarra gaheen Al-Hilaalif taphoota torba qofa taphate.
Neeyimaar amma Biraazil- kilabasaa durii Saantoositti deebi'eera. Neeyimaar miidhamarraa bayyanatee gahuumsa isaatti deebinaan, kilaba Saantoos qofaaf osoo hin taane, garee biyyaalessaa Biraaziliif bu'aa guddaadha.
Neeyimaar Peelee caaluun biyyasaa Biraaziilif taphoota 128 irratti hirmaatee galchii 79 lakkoofsisuun dorgomaa hin qabu.
Taphattoota isa booda ka'an kanneen akka Vinishiyees Juuniyaarifi Rodirigoo fa'aa waliin ta'uun Waancaa Addunyaa bara 2026 Biraazil akka nyaattu gochuu danda'u abdiin jedhu jira.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












