Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el ogeeyyii fayyaa 15 Gaazatti ajjeesuu amante
Israa'el gaafa Bitootessa 23, 2025 kibba Gaazatti haleellaa gaggeessiteen ogeeyyii fayyaa waldhaansa hatattamaa 15 ajjeesuu amanuun, loltoonnishee dogoggoraan haleellaa akka gaggeessan beeksifte.
Ogeeyyiin fayyaa ambulaansii Palestinian Red Crescent Society (PRCS), konkolaataa UN, akkasumas konkolaatan hojjattoota balaa abiddaa waliin osoo deemaa jiranii Kibba Gaazatti Israa'el haleellaa irratti gaggeessite.
Israa'el jalqabarra loltoonnishee dhukaasa kan banan konkolaattonni kun dukkana dahachuun ibsaa konkolaataa osoo hin ibsin loltootasheetti waan dhiyaataniif ta'uu beeksifte.
Akkasumas konkolaatonni sun bakkichatti sochii gaggeessuf dursanii waraana Israa'el hin beeksifne kan jedhus sababa dhiyeessitee turte.
Ogeeyyii fayyaa ajjeefaman keessaa bilbila isa tokkoorraa ragaan argame akka agarsiisutti konkolaattonii sun halkan sana ibsaa ibsanii deemaa turan.
Humni Waraana Israa'el gamasaan ogeeyyii fayyaa ajjeefaman keessaa jahaansaanii Hamaas wajjin hidhata qabu jechuun falma- ragaa dhiyeesse qabaachuu baatus. Garuummoo yeroo loltoonni dhukaasa itti banan sanan hidhannoo homaatuu akka harkaa hin qabne amaneera.
Boodarra yaada konknolaatonni ogeeyyin fayyaa ittiin deemaa turan ibsaa hin ibsine jettee turte soba ta'uufi loltonnishee doggoraan akka irratti dhukaasan amanteetti.
Viidiyoowwan akka agarsiisanitti, konkolaatonni ogeeyyin fayyaa Filisxeem ittiin deemaa turan barreeffamaafi mallattoo ogeeyyii yeroo hatattamaa ta'uusaanii irratti barraa'ee sirriitti mul'ata.
Reeffa ogeeyyii fayyaa 15 ajjeefamanii sana loltoonni Israa'el awwaalanii ture. Hojjattoonni gargaarsaa yeroo reeffa ogeeyyii fayyaa kana torbee tokko booda argan bilbila ogeessa fayyaa Reefat Raadwaan jedhamuu kan viidiyoowwan taatee mudatanii of keessatti qabate argan.
Waraanni Israa'el gamasaan ogeeyyin fayyaa kun osoo hin ajjeefamin dura harkisaanii akka hin hidhamneefi fageenya dhiyoorraa akka hin ajjeefamne beeksise.
Ogeessi fayyaa lubbuun oole tokko torbee tokko dura BBCtti akka himetti konkolaatonni ittiin deemaa turan ibsaa akka qabuufi ogeeyyii fayyaa keessaa namni hidhattoota waliin hidhata qabu kamuu akka hin turre dubbate.
Waraanni Israa'el ibsa baasen loltoonnisaa ogeeyyii fayyaa Gaazaa 15 ajjeesuu amanuun qorannoo walabaa akka gaggeessu waadaa seene.
Dhaabbileen gargaaraa idiladdunyaa garaa garaas ajjeechaa ogeeyyii fayyaa kana ilaalchisee qorannoon walabaa akka gaggeeffamu waamicha dhiyeessan.