Waa'ee bidiruu 'Xaanaanash 2' kan Jibuutii kaatee Baahir Daar gahuuf baatii lamaaf imalatti jirtu kan beeknu

Madda suuraa, Ethiopian Shipping and Logistics
Bidiruun Xaanaanash 2 erga Jibuutiirraa kaatee lafarra imala eegaltee baatii lama kan lakkoofsiifte yoo ta'u, baatii tokkoon booda magaalaa Baahir Daar ni qaqqabdi jedhamee akka eegamu Geejibnii fi Loojistiikiin Galaan Itoophiyaa ibse.
Dhaabbatichatti Daareektara Komunikeeshinii kan ta'an Obbo Damissaw Bantii BBC'tti akka himanitti, bidiruun tun buufata Jibuutii irraa kan kaate ALI Bitootessa 30, 2017 yoo ta'u, Waxabajjii 13, 2017 magaalaa Finfinnee geesse.
Bidiruun Xaanaanash 2 kan akka geejjiba kennituuf hojjatamtee fi bidiruun meeshaa feetuu xiqqoon biraa Chaayinaarraa ka'uudhaan buufata Jibuutii Doraaleeh qaqqabunsaanii kan himame bara darbe baatii Bitooteessa 23 ture.
Baatiiwwan booda Finfinnee kan qaqabde bidiruun tun, fageenya kiilomeetira 500 imaluudhaan haroo Xaanaa kan naannoo Amaaraa Baahirdaaritti argamu qaqabuudhaaf ammas baatii tokko itti fufhata jedhamee eegama. Kunis haalawwan daandiirratti mudatuun kan murtaa'uudha jedhameera.
Bidiiruun Xaanaanash 2 ulfaatiina meetirik toonii 150 fi dheerina meetira 38 kan qabdu yoo ta'u, dandeettii namoota 188 baachuu qabdi jedhameera.
Bidiruun tunis erga haroo Xaanaa qaqabdeen booda haroo Itoophiyaatti bal'inaan guddaa ta'e kanarratti doowwattootaa fi jiraattootaa tajaajila geejjibaa ni kenniti jedhamee eegama.
''Itoophiyaadhaaf bidiruu guddoo fi hammayaa'' akka ta'e kan himame Xaanaanash 2, magaaloota qaqabdu hundatti simannaan yoo taasifamuuf kan agarsiisuu viidiyoowwan qoodamaa turan.
Haata'u malee, imalli bidiruu ta'aa akka qocaa harkiifatus rakkoorraa bilisa hin turre. Sababii sararawwan ibsaa daandii guddaa irra diriirfamaniin akkasumas maqawwan dhiphoo fi riqichawwan irratti rakkoon yoo mudatu mul'ateera.
Bidiruun tun imalarratti yeroo dheeraa dabarsuun ishee hedduu biratti gaaffii kaaseera. ''Bara kana keessa maaliif falli biraa hin jiraanne? Attamiin bakki bidiruun itti tolfamu hin jiraane?'' kanneen jedhan qeeqxootaan ka'aa jiru.
Sababiiwwan bidiruu tana dabarsuuf taasisamuunis bu'uuraalee misoomaa hedduurra miidhaan qaqabuusaatti jiraattoonni ibsaafi bishaan dabalatee, tajaajilawwan garaa garaa adda citee akka ture ibsaa turan.
Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne keessatti bidiruuwwan tajaajila geejiba bishanaiifi koonteenaroota keessatti fe'amuun geejibsiifamuu hin dandeenye gurguddaan konkolattoota guddaadhaan ykn baabuuraan geejibsiifamu.
Bara darbe biyya baha Afriikaa kan taatee Yugaandaan, bidiruu xiqqoo buufata Mombaasaa- Keenyaa qaqabe konkolaataa guddaadhaan kan geejibsiifte yoo ta'u, yeroon Yugaandaa qaqabuuf itti fudhate qeeqamaa tureerra.

Madda suuraa, SM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Damissaw, bidiruun tun guddoo ta'usheetiin wal qabatee imalicha of eeggannoodhaan gaggeessuun waan barbaachisuuf akkasumas eddoowwaniitti sababii riqichaatiin danqaa mudatu, daandii jijjirraa qopheessuuf, daandii qulleessuu fi sararawwan ibsaa kaasuudhaaf adeemsa taasifamuutiin imalli harkifachu ibsan.
Imalli naannoo Afaar keessa tura sababii teessummni lafaa dirree tureef gaarii ta'u kan eeran Daareektarichi, ta'us ''of eeggannoo waan barbaachisuuf guyyaatti fagenya murtaa'ee qofa imalaa turte'' jedhan.
Akka Daarektarich jedhaniitti, Xaanaanash 2 haalli geejiba filannoo biraatiin geejjabsiisuu ta'e, biyya keessatti suphuuf dandeessisu filmaanni hin jiru.
''Warshaa ykn wiirtuun bidiruu tana tolchu hin jiru. Oggeessoon hojii bidiruu irratti boba'aan gahaanis hin jiran'' kan jedhan Obbo Damisaw, erga yeroo dheeraaf qorannoo bal'aan taasifameen booda konkolaataa guddaan fe'amtee akka geejiibsiifamtuuf murtaa'u kaasan.
Kana malees bidiruun tun kan hammayyaa ta'unshee dhimmicha wal xaxaa akka taasisee ibsaniiru. ''Sababii sirni elekitirikaa fi hojjimaanni sarara bishaan ishee wal xaxaa waan ta'ef, qindoomina qamaoolee hedduu kan barbaadu waan ta'e filmaatawwan biraa fayyadamuun hin danda'amne'' jedhan.
Imalli Xaanaanash 2 koree aanga'oota biyyattii olaanoon hordoffiin taasifamuuf yoo ta'u, nageenyaashee eeguuf humnoota nagaatiin dabaalamtee imalti.
Miseensoota poolisii federaalaafi raayyaa ittisaa dabalatee humnootiin nageenyaa, poolisoonni tiraafikii fi oggeessoonni elekitirikaa rakkoolee dursa isheetti mudatan kaasuurratti hijjatu.
''Haala addaatti balaan adda ta'e ni mulata jennee hin yaadnu. Bidiuu ammayyaa biyyattiif kan jalqbaa taateedha. Akkuma lammiin kamuu imalu aanga'oonni hojii hondii ciminaan hojjataa jiru'' jedhan.
Obbo Damisaw Xaanaanash 2 meeqa akka itti bahe ifatti dubbachuurraa of qusatan illeen, bittaa dabalatee geejibsiisuufi baasiiwwan biraatiif maallaqa olaanaa akka itti bahe amanama.
Bidiruun tunis Jibuutii irraa kaatee hanga Baahir Daar geessuutti dhimmi ''wabii nageenya imalashee'' waliigaltee dhabbata geejibsiisuu waliin galame keessatti hammatamu kaasu Daarektarri kun.

Madda suuraa, SM
Xaanaanash 2n Haroo Xaanaarratti doowwattoota, jiraattoota odoola irra jiraataniif tajaajila geejibaa gaarii kennuun turizimiif gummaacha olaanaa ni taasiifti jedhamee amanama.
Haroon Xaanaa kan odolowwan 37 qabu yoo ta'u, namoonni gara kun 15 keessa jiraatu jedhamee amanama. Harawwan kannee keessas gadaamoonni akkasumas eddoowwan hawwata turistii fi umamniwwan garaagaraa ni argamu.
Hanaga ammaatti haroo karratti tajaajila geejjibaa namoota, beeledootaa fi meeshaalee kennaa kan jirtuu fi umurii dheeraa kan qabdu biduruu Xaanaanash 1 jedhamuun kan beekamtudha.
Bidiruun tunis yeroo Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarteetti kan galchaniifi boodarra gatanii kan bahan bidiruuwwan sadi keessaa tokko akka taate himama.
Obbo Damisaw akka jedhaniitti, bidiruu guddoon imalatti argamtu Xaanaanash 2 moggaasan maqaa kana kan argattee waan bidiruu amma haroo Xaanaarratti tajaajila kennaa jirtuutti aanuudhaan dhufteef irraa akka ta'e kaasan.
Itti aansuudhaan ammoo eddoowwan geejjibaaf bishaaniitiif mijatan kan akka Hidha Guddicha Haaroomsaa, Abbaayyaa fi Baaroo fakkaatan irrattis geejjiba bidiruu hammayyeessuu fi guddicsuudhaaf karoorri qabamu dubbatan daareektarri kun.












