Ummanni Paakistaan shayii dhuguu akka xiqqeessan itti himame

Ummanni Paakistaan shayii guyyuu dhugan akka xiqqeessan gorfamaniiru.

Kunis diinagdee biyyattii akka hin hubneef yaadameeti.

Garuu akkamitti?

Akka ministeera olaanaa biyyattii Ahsan Iqbalititti, hanga shayii dhugan yoo xiqqeessan baasii biyyattiin shayii alaa galchituuf baastu xiqqeessaaf.

 Yeroo ammaa kuufamni sharafa alaa biyyattiin qabdu xiqqaateera - baatii lama qofaaf ishee gaha.

Waamichi hamma shayii dhugdan xiqqeessaa jedhu miidiyaa hawaasummaa gubbaa ijoo dubbii ta’eera.

Kana jechuun deeggarsatu barbaachisaaf.

Biyyoota alaatii baala shayee galchan keessaa isheen ijoo Paakistaanidha. Waggaadhuma darbe dolaara miiliyoona 600 itti baafte.

‘’Liqiidhaan waan alaa galchinuuf hamma shayii dhugdan kubbaayyaa tokko yookiin lama akka xiqqeessitan waamichaan isiniif dhiheessa,’’ jechuun Obbo Iqbal dubbachuu isaanii miidiyaan Paakistaan gabaaseera.

Baasii elektirikii xiqqeessuufis suuqiiwwan galgala sa’aatii 2:30’tti osoo cufanii jechuun yaada dhiheessaniiru.

Waamichi kuni yeroo kuufamni sharafa alaa Paakistaan xiqqaachuu itti fufetti dhagahame.

Kunis, mootummaan baasii bittaa alaa galuuf baasu akka xiqqeessuu dirqeera.

Namoonni hedduun waanuma shayii dhuguu dhaabneef rakkoon faayinaansii biyyattii ni furamaa jechuun shakkii ibsaa jiru.

Kuufamni sharafa alaa Paakistaan Guraandhala keessa $16bn ture, torban jalqabaa baatii Waxabajjii keessa $10bn'tti gadi bu'eera.

Qondaaltonni magaalaa Kaaraachii baasii hanqisuuf jecha meeshaalee hammana barbaachisoo hin taane alaa galchuu dhorkaniiru.

Rakkoon diinagdee kuni mootummaa Shehbaz Sharif kan Minitira Muummee Imraan Kahaan bakka bu’aniif qormaata guddaa ta’eera.