Bu'aa filooraayidii bishaan dhugnu keessaa hangam beekna?

Bishaan ujummoo keessaa bu'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

US keessatti kutaan bulchiinsa Utaah albuuda filooraayidii irra uggura kaa'uun ogeessota yaala ilkaanii biratti yaaddoo uumeera.

US keessatti bulchiinsi Utaah bishaan dhugaatii keessatti albuudni filooraayidii akka hin dabalamne dhorkuun kan jalqabaa taateerti.

Ogeessonni yaala ilkaanii garuu uggurri kuni fayyaa ilkaanii daa'immanii fi ga'eessotaa irratti dhiibbaa fida jechuun yaaddoo ibsaa jiru.

Ogeessonni fayyaa hawaasaa uggurri kuni qaama hojii warra Rippaaablikaanii keessatti hammatamee waan walfakkaataa itti fufsiisuu danda'u sodaa jedhu himaa jiru.

Kutaalee tokko tokkotti Bishaan ofumasaatii albuuda Filooraaayidii kana biyyoo fi cirracha keessaa ofitti fudhachuun niqabaata.

Biyyoota 20 caalan keessatti garuu Filooraayidiin tajaajila bishaan dhugaatii uummataa keessatti dabalamuu erga eegalee waggootni lakkaa'ameera.

Iddoowwan hawaasni sukkaara baay'inaan fayyadamuu fi ogeessota yaala fayyaa argachuun hin danda'amnetti, bishaan dhugaatiitti filooraayidii dabaluun akka imaammata fayyaa milkaa'aatti ilaalama. Sababni isaas caccabuu fi dulloomuu ilkaanii wan ittisuufi.

Hanga ammaatti filooraayidiin bishaan dhugaatiitti hammeentaa qoratameen yoo dabalamee tajaajilaaf oole dhiibbaan inni fayyaa irratti fidu qorannoon ifa baase hin jiru.

Haa ta'u malee ittifayyadama isaa irratti ugurri jalqabamaa dhufeera. Namoota siyaasaa akka Robert F kenedii kan dhiheenya pirezedaant Doonaald Tiraampiin muudamanfaatu uggura kana jajjabeessaa jira.

Tajaajiloota fayyaa akka talaallii fa'a irratti ejjennoo adda ta'e kan tarkaanfachiisan Kenediin, filooraayidiin bishaan dhugaatii keessatti dabalamuu hin qabu yaada jedhu kanas erga leellisuu jalqabanii bubbulaniiru.

Mucaa ujummoo irraa bishaan dhugaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Kenediin dubbii gaafa Eebla 7 dubbataniin dhaabbanni ittisa dhukkubootaa CDCn akkuma biyyaalessaatti filooraayidii fayyadamuu gorsuu akka dhiisu itti himuu kaasan.

Gaggeesitoota Kutaa bulchiinsa Utaah, kan karoora kana hojiirra oolchuun warra jalqabaa ta'anis "gaggeesitoota Ameerikaa fayyaa qabeettii deebisanii ijaaran" jechuun jejan.

Ogeessonni fayyaa idil addunyaa garuu filooraayidii fudhatama dhabsiisuun kuni yoo babal'ate guutummaa addunyaarratti dhiibbaa fiduu mala sodaa jedhu kaasu.

Mucaa ilkaan wallaanatu

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessonni fayyaa Ilkaanii maaliif filooraayidii fayyadamuu gorsu?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Brent Larson, pirezedaantiin duraanii waldaa hakiimota ilkaanii Utaah, bara 2003 bulchiinsi Kutaa Utaah bishaan dhugaatiitti Filooraayidii dabaluu jalqabuudhaan dura qoranoo taasisanii ture.

"Ijoolleen duraan yeroo dhufan ilkaan afur, ja'a, saddeet kan gidduu gidduutti bosose qabu ture" erga Filooraayidii fayyadamuu eegalanii wanti akkasii hafeera" jedhan.

Ilkaanota bososan kana buqqisuu fi bakka duwwaa ta'e guutuuf Utaah keessatti maatiin tokko Doolaara 100 hanga 1000 baasuu gaafata. Kana maatiin hedduun danda'anii kan kanfalan miti jedha.

Bara 2015 bulchitoonni Newyoork kutaa Bufaaloo osuma uummatalleen hin beeksisin Filooraayidii bishaan dhugaatii keessaa dhabamsiisan. Sanbooda dhibeen ilkaanii magaalichatti hammaatee maatiiin bulchitoota magaalaa himatanii bara 2014 deebi'ee akka jalqabamu ta'e

Ragaan bara 2017 hanga 2020 giduutti UK keessatti walitti qabame akka mul'isutti, hawasa jiruu gadi aanaa jiraatu dhibbeentaa 20 keessaa bishaan dhugaatii keessatti Filooraayidii fayyadamuu eegallaan bososuun ilkaanii harka 25 gadi bu'e.

Hakiimoota

Madda suuraa, Getty Images

Seenaa walxaxaa filooraayidii maqaa balleessu

Filooraayidii jalqabumarraa odeeffannoo dogoggoraa irratti odeeffamuun yeruma hojiirra ooluu eegalerraa waliin eegale.

Kutaa Bulchiinsa Michigaanitti magaalli Giraand Rapids bara 1945 bishaan dhugaatiitti Filooraayidii dabaluudhaan magaala jalqabaati.

Akka qorannaan tajaajila Fayyaa US mul'isutti, magaalichatti Waggaa 11 keessatti bososuun ilkaanii daa'immanirratti mul'atu harka 60 gadi bu'e.

Ollaa magaalattii kan taate Wiskonsin erga qorannoon kuni bu'aa kana mul'isee booda bishaan Filooraayidii qabu kana gara isaaniittis akka dhufu ta'e.

Garuu bara 1949tti magaala Isteeven Poo'int keessatti duulli bishaan filooraayidii qabu kanarratti taasifame hojiin kuni gara booddeetti akka deebi'u godhe.

Warri Filooraayidii kana balaaleffatan Filooraayidiin summaa'aa akka ta'ee fi naannoo irratti faalama kan geessisu, fedhii uummataa malee mootummaan saayintistoota mataasaa qorachiisuun dirqamaan akka fayyadaman godhe jechuun qeeqan.

Gurbaa bishaaniin tapahu

Madda suuraa, Getty Images

Bara sana filooraayidii ugguruu duuba maaltu ture?

Kenediin yaadota falmisiisoo dhimmoota fayyaa irratti kennuun hedduu beekama. Keessumaa talaalliin, daa'imman hanqina guddina sammuutiif akka saaxiluufi Eedsiin summii fi qorichoota adda addaa fayyadamuu irraa dhufa malee HIV waliin waan qalqabatu hin qabu jechuun yaada falmisiisaa kennaa ture.

Ji'a Sadaasaa darbe Kenediin hordoftoota miidiyaa hawaasummaasaa X miliyooon shanii fi walakkaa ta'aniif ergaa akkas jedhu maxxanse,

"Filooraayidiin haftee omisha indastiriiwwaniiti. Dhukkuboota akka lafee caccabsuu, kaansarii lafee kan fidu, IQ namaa kan gadi buusu fi dhukkuboota fayyaa hedduu kan fidudha" jedhe.

Yaada isaa kanaafis Qorannoowwan waa'ee kanaarratti qorataman hedduu fayyadame.

Yunvarsiitii Kardiifitti gorsaa fayyaa ilkaanii kan ta'an Piroofeesar Ivor Chestnuut garuu, Qorannoowwan Keeneediin fayyadame jedhee fi 'Meta -analysis' jedhaman qulqullina gadi aanaa kan qaban, bakka itti qoratamanis bakkawwan filooraayidii olaanaa qabanii fi hammeentaa bishaan uummanni fayyadamutti dabalamu kanarraa dachaa hedduu warra fayyadaman irratti jedhu.

Qorannoowwan biroo biyyoota Siwiidinii fi Deenmaarkitti taasifamanii fi hammeentaa Filooraayidii US keessatti fayyadamamuun walqita ta'an garuu IQ namaa gadi buusa isa jedhu kana waliin waan walqabatu hin arganne.

Qorannoon dhaabbilee akka Ameerikaan kaanser Soosaayitii fa'as ragaa fayyadama Filooraayidii fi Kaansarii walitti fidu hin arganne.

Gama kaaniin dhaabbanni ittisaa fi too'annoo dhukkubaa Ameerikaa CDCn ogeessonni isaa bu'aa qorannoo saayinsawaa kan bishaan uummataa Filooraayidii qabu fayyadamuun miidhaa akkasii qaba jedhu hanga ammaa hin arganne jedhe.

Roobarti F eeneediifi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Filannoo fayyaa namoota dhuunfaatimoo fayyaa hawaasaatiif?

Seera Baastonni kutaa bulchiinsa Utaah murtiiwwan fayyaa waliin walqabatan filannoo nama dhuunfaatiin akka ta'uuf yaalaa jiraachuu himu. Kanaaf jechas kallattiidhaan Filooraayidii bishaan uummanni hundi fayyadamutti dabaluurra Filooraayidii namootni Faarmasii fi suuqotaa bitachuu akka danda'an gorsu.

Piroofeesar Chestnuut garuu yaada kana niqeequ. Daa'imman filooraayidiin isaan barbaachisu argachuu dhiisuu malu jedhu. Bakka maatiin rakkoo dinagdee qabutti "Eenyutu Filooraayidii kana suuqiidhaa bitaaf? Jechuun gaafatu.

Waldaa hakiimota Ilkaanii Utaah irraa Dr Laarson yaada isanii kanatti waliigalu. Qorichi Filooraayidii kana suuqidhaa bituun waggaatti doolaara 300 hanga 400 gaafata. Kuni maatii humna hin qabne carraa dhoowwachuudha jedhu.

Yeroo duula nafiladhaa tiraamp dhimmi akkaataa fayyadama filoorayidii kuni ajandaa ijoo ta'ee ture.

Kenediin ammaan duras yeroo Kutaa bulchiinsa Teeksaas keessatti weerarri dhibee gifiraa ka'ee fi erga bara 2015 US keessatti yeroo jalqabaatiif daa'ima ajjeese "Talaalliin dhibee Gifiraa kennamu filannoo nama dhuunfaarratti kan hundaa'e ta'uu qaba" jedhanii ture.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa Piroofeesar Lawrence Gostin, "Fayyaan hawaasaa hawaasa hunda fayya qabeessa gochuudha" jedhan.

"Imaammata fayyaa hawaasa hundaa tiksuuf bocametu fayyaa hawaasa hundaa eega malee filannoo namni dhuunfaa taasisu miti" jedhan.

Odeeffannoon dogogoraa Filooraayidii irratti taasifamu kunis ardiiwwan akka Eeshiyaa, Afrikaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti gama X hoo'aa jira.

Yunvarsiitii Riyoodejenerootti Proofeesara yaala Ilkaanii kan ta'an Branka Oliveraa, bakka faayidaan Filooraayidii homaa shakkisiisaa hin taanetti hakiimonni ilkaanii Biyya Biraazil, kanneen miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu qaban yaada faallaa Keneediin kennan kana qooduun deeggarsa mul'isaa jiru jedhan.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa Piroofeesar Gostiin, uggurri bulchiinsi Utaah kaa'e kuni "ergaa dogogoraa hawaasaaf dabarsaa jira. kutaa addunyaa hedduu keessatti rakkoo dhaluu mala" jedhan.

"Waan baayyee hamaadha. Fayyaa Hawaasaa keessatti amanamummaan bakka guddaa qaba" jedhan