Carraan Chaampiyoonsi liigii Yunaayitid dhiphachuun taphattoota yaaddesse

Maanchistar Yunaayitid erga Guraandhala darbe waancaa karabaawoo nyaatee as tapha Piriimiyer Liigii sadi taphate keessaa tokko qofa mo'e

Dilbati kaleessaa Maanchistar Yunaayitidiif guyyaa gaarii hin turre. Erga Niwukasiliin 2 fi 0 dhaan mo'amee sadarkaa sadaffaarraa gara afuraffaatti gadi gussamee taphattoonni yaaddoodhaan liqimfaman.

Taphataa gameessi Maanchistar Yunaayitidiif sarara ittisaarra taphatu Luuk Shaw haala kanaan mo'amuun ''madaallii kamiinuu fudhatama hin qabu, waan gaariis miti,'' jechuun gaabbiidhaan dubbate.

Gareen Erik Ten Hag gara sadarkaa afuraffaatti gadi bu'uun dordommii waancaa Chaampiyoonsi Liigii bara dhufuurratti akkaan isa yaaddesseera.

Sheexanoonni diddiimoon taphoota piriimiyer liigii darban sadan irratti qabxii hin argatin jiru, yookiin ammoo gooliillee hin lakkoofsisne.

''Rakkoo keenya hubannee saffisaan irratti hojjechuu nu feesisa. Ammallee taphoota hedduu qabna. Garuu raawwii fi qabxii haala kanaan, eessayyuu hin geenyu,'' jedhe Shaw.

Kaleessa milkaa'uu dhabanis, Yunaayitid Ten Hag jalatti milkaa'ina ajaayibsiisaa galmeessisaa akka jiru hin haalamu.

Guraandhala keessa waancaa kaarabaawoo nyaatan, waancaa FA walakkaa xumuraaf darbanii jiru, Yurooppaa Liigii ammoo nuusa xumuraaf darbaniiru.

Kilaboota Piriimiyer Liigii keessaa carraa haga kana kan argate muraasa.

Luuk Shaw tapha Dilbataa booda hamii taphattoonni agarsiisanitti hin gamanne, wanti dhagahe akka dubbatuuf isa dirqamsiiseera.

''Taphattoonni kutaa uffata keessatti jijjiirratanitti bakka tuuti hundi walitti hin qabamnetti mufiidhaan dubbataa turan. Rakkoo keenyarratti hojjennee bira darbinee deemuu malle,'' jedhe.

''Dhimmichi kanuma keenya, hunda keenya ilaallata. Akkas ta'uun gaarummaa hin qabu. Baka hundi jirutti dubbachuu qabna.''

Maanchistar Yunaayitid Roobii dhufu dirreesaa Ooldi Tiraafoordi irratti Bireentifoordi keessummeessa.

Silaa osoo taphoota lamaan irratti qabxii ja'a argateera ta'ee sadarkaa shanaffaa qabachuu kan danda'u Bireentifoordi Yunaayitidiif qormaata cimaadha.

''Chaampiyoonsi Liigii seenuu qabna. Nuti addunyaarratti kilaba guddaa fi beekamaadha. Irra deebinee ilaallee gara mo'achuutti deebi'u qabna,'' jedhe Luuk Shaw.

Raashfoord

'Nu galaafatani'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphi kun Yunaayitidiif taphoota Piriimiyer Liigii baranaa isa 27ffaadha. Taphoota biroo 20 waancaa karabaaoo, FA fi Yurooppaa Liigii irrati taphateera.

Waancaa hedduu jala fiiguun raawwii Piriimiyer Liigii irratti dhiibbaa uumeera kan jedhu Ten Hag hin fudhatu.

''Taphi hunduu faayida-qabeessa. Liigii hunduu faayidaa qaba,'' jechuun Maach Oof Za Dayitti hime.

''Niwukasil waliin walitti dhufuun hagam ulfaataa akka ta'uu malu ni beekna turre. Akkasaan haaloo nu ba'an nan beekan ture.''

Yeroo akkasii kana akkuma morkattoota keenyaa fedhii, kutannoo fi dandeettii cimaadhaan dhihaachuutu nurra ture. Garuu kana waan hin gooneef nu galaafatani,'' jechuun rakkoon kan gareesaanii ta'uu amanan.

Maanchistar Yunaayitid kilaboota ciccimoo sadarkaa gaariirra jiran waliin taphoota dirree isaan ala taphate sagal keessaa hanga yoonaa ja'a mo'ameera.

Ammas shanaffaarra kan jiru Tootanhaam fi ja'affaarra kan jiru Biraayitan waliin tapha qaba.

''Kilaboota ciccimoo injifatanii hin beekan,'' jedhe taphataan sarara ittisaa duraanii Maanchistar Yunyaayitid Gary Nevile.

Ten Hag taphoota qabatanii fuulduratti deemanii fi kan ofirraa dhiisuu qaban murteessuu qabu jedhe.

Tapha Niwukasil waliin tapahatan irratti Yunaayitid ''akkaan caalaman, dandeettii taphaa hin agarsiisne, yaaddoo fi naasuu qofatu irraa mul'ata,'' jedhe.

Yunaayitid tapha cimaa akkanaarratti dandeettiisaa agarsiisee hin beeku kan jedhu Nevile, raawwiin Niwukasil akkaan olaanaa ture jedhe.