Taphattoonni Aston Viilaa galmee seenaa irratti of galmeessuuf taphatu- Unaay Emiree

Leenjisaan Astoon Viilaa Unaayi Emiree tapha deebii Viilaa Paarki irratti PSG waliin gaggeesinu irratti taphattoonni koo seenaa kilabichaa keessatti maqaa isaanii galmeessuuf taphachuu qabu jedhe.

Aston Viilaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara 1982 mo'ateera. Torban darbe ammoo Paaris irratti 3-1 mo'amee deebi'e.

Emireen tapha Viilaa Paarki irratti gaggeessan ''miiraa fi taaktika'' adaan akka dhiyaatan himan.

Taphattoonni koo garaagarummaa galchii lamaa sana garagalchanii walakkaa xumuraaf darbuuf amanuu qabu jedhan.

''Duubaa ka'ee mo'achuu irratti muuxannoo nan qaba. Gama isa qabxii gaariis tahe hamaa galmaa'een muuxannoo isaa nan qaba. Kan ammaa kun garuu addadha'' jedhan.

''Aston Viilaa waliin seenaa haaraa galmeessuu barbaanna. Bara darbe waancaa Konfirensi Liigiidhan [afur keessatti kan mo'aman] bara kana ammoo Shaampiyoonsi Liigiidhaan akkasumas dorgommii Awurooppaa kaan keessatti seenaa galmeessuu barbaanna'' jedhan.

Emireen leenjisaa Viilaa tahanii taphoota 13 dirree isaanii irratti taphatan keessaa tapha tokko qofa mo'aman; 11 mo'achuun tokko qixa bahaniiru.

Akkasumas tapha dirree isaanii irratti gaggeessan 17 osoo hin mo'amiin turaniiru.

Emireen Oolee Waatkiinsii fi Maarkas Raashfoordi waliin taphachiisuu barbaadu. Gauu tapha PSG kana irratti hin jaqabu jedhaniiru.

Lameen isaanii taphoota torba irratti waliin hiriiranii taphataniiru. Emireen tarii yoon yeroo qabaadhe lamaan isaanii wal fanaa taphachiisuu barbaada jedhan.

Raashfoordi akka taphataa fuulduraa cinaa bitaan taphatuutti fayyadamne beekna.

Amma garuu Olee Waatkiinsi fi Raashfoordi jifataa fuulduraa goonee fayyadamuu barbaanna. Kana gochuuf ammoo yeroo dheeraa fudhachuun shaakaluu nu barbaachisa. amma miti jedhan Unaayi Emiree.

Deeggartoonni Viilaa tapha PSG waliin taasisan irratti dhiibbaa guddaa uumu jedhamee eegama.

Garuu PSG dirree isa adunyaa irratti sodaatamu Aanfiildi irrattiyyuu taphachuun Liiverpuuliin mo'achuun darbaniiru.

Unaayi Emiree garuu waa'ee deeggartoota Viilaa Paarki kan dubbatan osoo Paarisii hin deebi'iin ture.

Moorgaan Roojersi deeggartoonni keenya miira injifannoo addaa uumuun akka mo'annee waggoota afurtama booda walakkaa xumuraaf darbinuuf nu gargaaru jedhe.

"Dirreekee irratti carraa jiru fayyadamuu qabda. Keessumaa tapha deebii dirree keenya irratti tahuun carraa guddaadha. Kun nuuf baay'ee murteessaadha,'' jedhe Roojersi.

Taphoota gurguddoo irratti miira deegarsaa adda ture fayyadamuun kanas ni mo'anna kan jedhe Roojersi bara kana taphattoota cicimoo Viilaa keessaa isa tokko.

Yoo deeggartoota keenya waliin walitti hidhanne humna jabaa taphattootaaf kennuu dandeenya. Gama teeknikaa fi gahumsa dhuunfaan waan hundaa yoo hojiitti hiikne deeggartoonni keenya nu cina jiru jedhan leenjisichi.

''Akka dahoo jabaatti Viilaa Paarkii barbaanna,'' kan jedhan Unaayi Emiree qabxii gargalchuuf ulfaatu kana irra aanuuf dhaadataniiru.

Garuu leenjisaan PSG Luwis Eneriikee akkuma Emiree leenjisaa teeknika addaan beekamuudha. Lameenuu lammii Ispeeniiti. Tooftaa walii haala gaariin beeku. Unaayi Emiree kana dura PSG leenjisaa ture.

Garuu gareen taphattoota PSG ammaa kun isa durii irraa baay'ee adda. PSG yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu barbaada.

Aston Viilaan seenaa waggoota 40 galmaa'e haaressuu barbaadu. PSG keessaa Osmaan Dembelee, Kivaaskeeliyaa, Nuunoo Mendeshii fi Diizaayer Doo'ee taphattoota gahumsa addaa agarsiisaa jiranidha.