Iddoon qulqulluu Jerusaalam sooma Ramadaanaa fi Faasikaa giduutti dhiphataa jirti

Madda suuraa, EPA-EFE
Iddoon qulqulluu Jerusaalam- kan giddugala amantii Islaamaa fi kan warra Jiwuuttiguyyaa guyyaan hookkaratu mul'ate.
Tibba ji'a Ramadaanaa kana keessa ammoo jequmsi hamaateera.
Gidduu kana viidiyoon bakka sanaa waraabamee miidiyaa hawaasummaarratti gadhiifame, wayita poolisoonni Israa'el meeshaa waraanaa fi uleedhaan lammiilee Paalastaayin salaata irra turan haleelan mul'isa.
Muslimoonni hedduun Masjiida al-Aqsaa keessa turan, poolisoonni achitti itti seenuun guddoo reeban akka viidiyoon kun mul'isutti.
Poolisoonni Israa'el ammoo wayita warri paalastaayin richiitii itti dhukaasuun naannawa sana balaqqeessaan jeeqan viidiyoo mul'isu gadhiisaniiru.
Haleellaa kana booda suuraan kaafame akka mul'isutti, afati irratti salaatanii fi meeshaaleen Masjiida keessa turan akkaan jeeqamanii faffaca'aniiru.
Dhiphinni iddoo warri Jiwu humnaan qabatan West Bank fi Jerusaalam Bahaa keessatti hammaataa jiru, waraana marsaa biraafi isa hamaa ta'e kaasa jedhamee sodaatama.
Qondaaltonni fi dippiloomaatonni yeroo murteessaa kanatti waraanni hammaataan ka'uuf deema jechuun yaaddoo qaban ibsan.
Masjiidi al-Aqsaa iddoowwan qulqulluu amantii Islaamaa keessatti bakka guddaa qaban keessaa isa sadaffaadha.
Warri Jiwuus iddoon kun bakka qulqulluu amantiisaanii ta'uu himatu.
Kanaaf bakka kanarraa waraanni dhabbatee hin beeku. Bara 2021 warri Israa'el iddoo kana weeraranii turan.
Kanarraa ka'uun waraanni guyyoota 11f walitti aansuun garee Israa'el fi Hamaas gidduutti gaggeeffame.
Bara darbe waggoota kurna sadi booda yeroo jalqabaaf soomi Ramadaanaa fi Faasikaa walirra bu'e.
Kunis walitti bu'iinsa hammeesse.
Ammas wayita sooma Ramadaanaa kanatti warri Jiwu ayyaana kana eegalaniiru.
Ayyaanonni warri Israa'el qaban hundi gara bakka kanaa kan isaan geessuudha.
Torbee kana tuuristoonni 60,000 caalan sirna kanaaf gara Israa'el ni imalu.
Gama Paalastaayiniin Ramadaana kana keessa Muslimoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman Masjiida al-Aqsaatti salaataa jiru.

Madda suuraa, RAFFI BERG
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hookkara Roobii kaleessaa dura gareen Hamaas Muslimoonni shira haleellaa garee finxaaleyyii Jiwu jalaa miliquuf Masjiida al-Aqsaa keessa akka riphanii taa'an ajajee ture.
Wayita warri jiwu gaara irra ba'anii re'ee qaluun aarsaa godhan warri Paalastaayin ammoo Masjiida al-Aqsaa keessa dhokatanii ilaalaa turan.
Boodarra warri Paalastaayin toora galanii ugguruuf wayita yaalan walitti bu'iinsi uumame.
Poolisiin bittimsuuf yaalee ture. Garuu ittisuu hin dandeenye.
Aanga'oonni Paalastaayin warri Israa'el Muslimoota salaatarra jiran irratti haleellaa banuun sarara diimaa darbuusaanii mul'isa jechuun akeekkachiisan.
Wayita warri Israa'el haleellaa eegalan, hidhattoonni Hamaas ammoo rookkeettii itti dhukaasuu eegalan.
Kunis xiyyaarri waraanaa Israa'el iddoowwan Hamaas jira jedhee shakku hundatti akka haleellaa boombii taasisuuf karaa saaqeera.
Tattaaffii dhibdee Israa'el fi Paalastaayin furuuf taasifamaa jiru kan Waashingtaniin hoogganamu keessatti hirmaannaa kan qaban Jordaan fi Masiriin, haleellaan Israa'el gaggeessaa jirtu akkaan akka isaan yaachisu ibsan.
Aanga'oonni Israa'el mirgi waaqeffannaa lammiilee Israa'el iddoo kanatti kabajamuu akka qabu cichanii gaafatu.
Garuu iddochi hordoftoota amantii Islaamaa biratti bakka guddaa qaba.
Muslimoonni Nabiyyuu Mohammad (SAW) bakka kanarraan gara Jannataa ba'an jedhanii amanu.
Warri Israa'el ammoo bakki kun iddoo argama mana qulqullummaa macaafa qulqulluu lamaa (tokko bara bulchiinsa Roomaa barbadaa'e) ta'uu eeruun akka hin gadhiisne ibsu.












