Lammileen Itoophiyaa biyya Arabaatti mana namaa keessa hojjetan Ramadaana akkamiin dabarsu?

Madda suuraa, Getty Images
Jireenyi lammilee Itoophiyaa biyya Arabaatti mana namaa keessa hojjetaniif rakkistuudha. Biyya ormaa, mana ormaa ta’uu qofa miti; dhiibbaa danuu qaba.
Murannoo ofiifi maatii ofii jijjiiruu jedhuun mudhii hidhatanii kan itti dhufe danda’anii, mataa gadi qabachuun mo’achuu gaafata.
Dhiibbaan jiru yeroo humna isaanii ol itti ta’us baayyeedha.
Kanneen reebaman, humna isaanii akka malee itti fayyadaman baayyeetu jiru. Kabaja namaaf malu dhorkamanii yeroo namoonni isaan hojjechiifatan sarbama mirga namoomaa irraan gahan arguufi dhaga’uun waan baramedha.
Keessumaa ji’a Ramadaanaa keessa kanneen mana namaa keessa hojjetan dubbiin itti hammaata.
Humna isaanii akka malee itti fayyadamuufi boqonnaa dhowwachuun ni baayyata.
Kanarraa ka’uun rakkoo fayyaaf kanneen saaxilamanillee hedduudha.
Waldaa lammilee Itoophiyaa Libaanositti mana namaa hojjetan ‘Inyaa Lenyaa Ba Siddat’ jedhu kan hundeessiteefi biyyoota Arabaa mana namaa hojjechaa kan turte Baanchii Yimar, yeroo Ramadaanaa yaadannoo hamaa ta’e qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Keessumaa [mana maatii bal’aa akkoofi akaakayyuun] qaban keessa hojjetta taanaan libsuu ijaafiyyu taa’uun, shillibi jechuun kan hin danda’amne abjuudha,” jetti.
Biyyoota Arabaa maatiin waliin jiraachuu aadaa ta’e keessatti, keessumaa ji’a Ramadaanaa, ijoollee, akkoofi akaakayyuu, akkasumas firoonni ifxaaraaf walitti qabamuun isaanii waan baratamedha.
Nyaataafi dhugaatiin ifxaaraaf qophaa’u gosti isaa hedduudha. Nyaatames, nyaatamuu baatus qophaa’uun isaa waan hin oolledha.
Kan hunda kan hojjetu ammoo hojjettuu manaa qofadha.
“Isaan rafuun dabarsu. Solaataaf qofa gidduutti ka’u,” kan jettu Baanchiin, hojjetoonni akkuma isaanii kan sooman ta’anillee kan dhimma isaanii qaban muraasa ta’uu dubbatti.
Mana itti ramadamaniin alarra darbanii manneen firoota isaanii akka qulqulleessaniifi nyaata qopheessaniif kan ergaman jiru.
Salaam Mohaammad Libaanos keessatti mana namaa keessatti qacaramtee hojjechuu erga jalqabdee waggaa shan geesseetti.
"Musliima waanan ta'eef ji'a Ramadaanaatiif kabajaafi jaalala guddaa yoon qabaadhellee, dhiibbaa hojii natti baayyatu irraa kan ka'een Ramadaanni yeroo dhufutti amala dhabuufi aaruun jalqaba," jetti.
Salaam kan soomtu ta'ullee gargaarsi addaa isheef taasifamu hin jiru.
Mana yeroo ammaa Salaam keessa hojjechaa jirtu keessa miseensota maatii ja'atu jiraata.
"Amalli maatii ana hojjechiifatan kanaa baayyee gadhee miti," kan jettu Salaam, yeroo Ramadaanni dhufu garuu firoonni waan walitti qabamaniifi nyaanni gosti hedduu waan qophaa'uuf hojiin baayyatee humna isheetiin ol akka itti ta'u dubbatti.
Kana waan ta'eef, "Waggaa waggaadhaan yeroo ji'i Ramadaanaa dhiibbaan hojiin baayyachuu na yaaddessa. Amala na dhowwata. Yeroo maatiin kiyya na dubbisanis sirriitti isaan waliin dubbachuu hin danda'u," jetti.
Makkiyaa Jamaal achuma Beeruti keessatti mana gara garaa keessatti qacramte ehojjetteetti.
Mana amma keessa jirtu keessa waggaa afur turteetti.
Warri ishee hojjechiifatan ijoollee sadii qabu. Maatiin biroo isaan waliin jiratanis jiru. Maatii kana hundaaf nyaata kan qopheessitu ishee qofaadha. Mana kan qulqulleessituufi qoda manaa kan miiccus ishee qofaadha.
Hojiin guyyaa ayyaanaa hin taaneyyu baayyee rakkisaa ta'ee osoo jiruu, tibba Ramadaanaa ammoo daran hamaafi boqonnaa kan isheef kennu miti.
Maakiiyaan Ramadaana ni soomti. Ta’us garuu waan soomtuuf jecha kunuunsa ykn boqonnaa ykn hojiin itti baayyachusaatti kaffaltiin dabalataa argattu hin jiru. Ta’us Ramadaanni yoo dhufu itti tola.
‘‘Yeroon dabarsu cimaa ta’ulleen, fayyaa ta’ee hojjachuukootti Waaqaan galateeffadha,’’ jetti.
Lammiile Afrikaa hedduun biyyoota Arabaatti qacaramuun hojjatu. Akka odeeffannoo UN wagga lamaan dura baase tokkootti, Libaanoosiitti hojjattoonni manaa gara kuma 250 ta’an kan argaman yoo ta’u, kanneen parsantaa 99 ta’anis kan hayyama hojii qabanidha.
Isaan keessayis baayyeen lammiilee Itoophiyaa, Filiippiin, Baanglaadishiifi Siriilaankaa ji’aan miindaa doolaara 150- 400 kaffalamuufiidha.
‘‘Hojjattoonni akka jalaa hin baaneef of eeggannoo cimaa taasisu’’
Salaam mana kana dura hojjataa turte keessa ishee dabalatee hojjattoonni lammii Itoophiyaa lamaafi kan Baangilaadish tokkoo waliin hajjataa akka turan yaadatti.
Mannisaa viillaa lafarra jiru waan ta’eef, ol bahuufi bu’uu nuuf hir’iseera. Kan mana keessa jiraatanis maatii jaha turan. Yoo ijoolleen akkaayyoo fi firoonni kaan yoo itti dabalaman ammo maatii 15 ol ta’u.
Keessattuu Sambaataafi Dilbata ijoolleen ijoollee saanii walitti qabamuun waan barameedha. Ramadaana keessatti ammo kun guyyuma guyyaan kan raawwatamudha. Guyyaan namoota hanga 20tu ifixaaraaf walitti qabama.
“Ifixaaraafi meeshaan ittiin soorataniifi qaruuraan nama tokkichaaf dhiyaatu baayyeedha’’ jetti. Sirni ifixaarii isaas kan yeroo fudhatuudha. Dafanii nyaatanii ka’un kan hin yaadamneedha. Salaam akka jettuutti nyaata qopheessuufi keessummeessuun alatti hanga nyaatanii ka’aniitti eeguutuu dadhabsiisaadha.
Yeroo Ramadaanaatti keessattuu biyyoota Arabaatti faxiraaf gosa nyaata hedduuttu qophaa’a. Kan har’a hojjate boruuf bulchuun hin danda’amu. Nyaata bule gadi naquun alatti carra gara biraa hin qabu. Guyyaa guyyaan nyaanni akka haaraatti hojjatama.
“ Qaruuraa erga waan tokko ittiin dhuganiin boda deebiisanii itti hin fayyadamaman. Haaraatti fayyadamu,’’ jetti Salaam.
Makiiyaa wayita Rammadaanni dhufu kan ishee nuffisiisu hojiidha. Keessattuu nyaata qopheessuu baayyee balaaleeffatti.
Somaa jirti jedhanii kunuunsa addaa kan taasisan jiraatan illeen, kan namaaf gadduu jiruu jetti Maakiiyaan. Manni isheen keessa hojjataa jirtu hamaa ta’u baatulleen, ‘‘Guyyaa garuu si hin raffiisan’’ jetti.
Hanga ammaatti sababii baayyina hojiitiin rakkoon fayyaa isee mudate jiraachu baatulleen, yeroo tokko tokkoo hanqina irribaatiin miirri lafti maruu akka itti dhagahamu dubbatti.
Biyya Arabaatti tibba Ramadaanaatti kanneen sababii baayyina hojiitiin lafa hojii gadhiisan jiru.
Salaam akka jettuutti hojjachiiftoonni ishee hojjattoonni tibba Ramadaanaatti hojii akka gadi hin dhiifne of eeggannoo olaanaa taasisuu. Baayyee sodaatus.
Sababii kanaatiin hojjachiiftoonni baayyeen ta’u baatulleen hojjattoota isaaniif durgoo kennu.

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa tokko keessatti waan hojjettoonni raawwatan
Salaam Akka jettutti ifxaara booda hanga halkan keessaa sa’aatii 6:00 meeshaa miiccu, isaan hojjettoota sadi ta’anis garuu meeshaan waan heddummaatuuf dafanii hin xumuran.
Sa’atii 7:00tti rafanii akkuma hirribi isaan fudhateen 8:00 irratti ammoo ka’anii nyaata sa’uurii (sooma qabaa) dhiheessu.
Erga sa’uuriin nyaatamees osoo meeshaa dhiqanii lafti bari’a.
‘’Guyyaatti yoo baayyate sa’atii tokko yookiin lama rafna,’’ jette Salaam.
Guyyaa guutuun hojiin walduraa duubaan haaluma walfakkaatuun itti fufa.
‘’Dhaabbataa waan turuuf miilli kiyya na dhiita’a. Mana yaalaa yoon deemu boqodhu naan jedhu. An garuu boqonnaa hin qabu,’’ jette Salaam.
Makkiyyaanis waqtii Ramadaanaa haaluma kana keessa dabarti.
Hojiishee ganama ijoollee warra hojjettuufii mana barumsaan ga’uun eegalti. Isa booda mana qulqulleessuu, itti aansuun nyaata qopheessiti.
“Yeroo garii osoon mana qulqulleessee hin xumurin yeroon barattoonni mana barumsaatii ba’an ga’a,’’ jetti.
Haala Kanaan osoo battala tokkoofillee hin boqotin aduun dhiiti. Ammoo nyaata bilcheessite dhiheessuu eegalti, akka nyaatamee ka’een gara meeshaa dhiquutti seenti.
Alkan sa’aatii 6:30tti mi’a itti nyaatame kaasuun dhiqxee qulleessiti. Isaan booda sa’aatii torbarratti rafti. Isaan booda ammo Si’uraaf sa’aatii 9:00tti kaatee nyaata qopheessiti.
‘‘Nyaachiiseen deebii’ee rafa. Ganama ammo ijoollee sa’aatii 1tti gara nama barnootaattiin gaggeessa. Boqonnaan hin jiru. Guyyaatti kanan rafu sa’aatii 3 ykn 4 qofaadha. Garuu ammo baqannaarra miti. Galata isaan jedhan’’ jetti.
Dahdbbii kana hunda booda kan kanfalamuuf ji’aan doolaara 200 yoo baayyate.
Imala godaansaa
Salaam kan dhalattee ummattoota kibbaa magaala Diillaatti. Barnoota ishee sadarkaa lammaffaa xumuuruun ogummaa qonnaatiin dippilomaan eebbiifamte jirti.
Gaa’ilarreen dhaabbattee turte. Kan gara biyya Arabaatti imalte kiraan manaa waan ishee rakkiseef hojjattee mana mataashee ijaarachuuf ture. Haata’u malee kan eegde fi yaaddee hin milkoofneef.
Waggoota lakkoofsiistulleen mana hin hijaarre. Garuu ammo abdii hin kuttanne. Amma jireenyashee jijjirrachuuf achummatti hojjattuu manaa ta’un mindeeffamuun hojataa jirti.
Yeroo turte keessatti bu’aa bahii hedduu darbasu kann dubbattu Salaam, akkuma Liibaanoos qaqabdeen kann simatamte dhukkuubbiin ta’u dubbatti. Sababii dhukkubbiitinis baatiiwwan sadiif hojii hin eegallee turte.
Baatii sadan sanas biiroo nama ishee mideessisuu (maktib) ciistee ture kann dabarsite. Wayita nama ishee mindeesseetti geeffamtettis itti hin tolle.
Dhaqxee baatiiwwan muraasa keessatti akka gara biyyaatti ishee deebiisaniif gaaffatte turte.
Deebiin kennameef garuu, “Osoo tikkeettii ittiin dhufteefi baasiiwwan kee hin deebiisin kan biyyatti si deebiisu hin jiru‘‘ jedhamte. Kanaanis gara mana nama biraa akka hojjattuuf geeffamte.
“Achittis haala sirriin mindaa koo naaf hin kanfalan ture,‘‘ jetti. Kann ishe barbaachisu kann bitatuus mindaadhu argattuu sanaan ture.
Kanaafu kaayyoo itti biyyaa baateef maalla walirra kaawwachu hin dandeenye. Kanaafu achi bahuun mana biraa seente.
Achittis kann ishee eeggatee reebichaafi miidhaa qaamaa akka ta’e dubbatti. Achiitiis osoo baayyee hin turiin gadhiifte baate.
Mana gegeddartulleen abdii malee jijjiramni jireenya ishee irratti argame akka hin jirree dubbatti.
Makiyaa Jamaal erga jireenya baqaa jiraachu eegalte waggaa jaha lakkaa’ameera. Bakki jireenyaa ishee Oromiyaa Magaala Sabbataa ture. Maakiyaan barnoota ishee kutaa 11tti adda kutuun gara biyya Arabaa kann deemte, maatii ishee gargaaruuf jecha.
Yoo deemtu kontoraata wagga lamaatiin yoo ta’u, kann yaaddee waan hin gunneef jecha kontaraata ishee dheerreeffatte. “Maatiin haala akkamii keessa taatee akka hojjattu siif hin hubannee jira."

Biyya kamuu jiraadhu, namoonni harkan nama biyya biraa jiru irraa eegan baayyeedha. Biyya alaatti maallaqni kann akka salphaatti argamu, kann hammaaramu fa’i itti fakkaata.
Sababii kanaan hedduun maallaqasaanii baasanii kaayyoo biyyaa itti bahaniif osoo hin milkoofneef harkasaanii duwwaa hafu.
“ Haala kam keessa, hojii akkamii akka hojjattu kann siif hubatu hin jiru,‘‘ kann jedhan dhagahuun baramaadha.
Salaam osoo gara Beeruuti hin imaliin dura gaa’ila dhaabbattee turte. Biyyatti mana ijaarachuufis ji’aan kann argattu irraa iqubii galtee maallaqa waliitti qabdee ergiti. Garuu waggaa lamaaf maallaqa ergitus manichi hin ijaaramne.
Qorqorroof, mismaaraaf fi muka ittiin bituuf maallaqni ergaa turte qisaasamuufi hojirra osoo hin oolfamiin akka hafe dubbatti.
“Suuraa kaasee kan naaf ergaa ture mana qorqorroo nama biraa ture‘‘ jetti. Maakiiyaan maallaqa argattu irraa maatiifis ergaa turte. Akkaawuntii baankii wayita biyyaa baatuu saaqxe keessattis maallaqa qusatti. Kann maatiif gootuus sagantaadhumaa raawwataa akka turte dubbatti.
Baayyeen isaanii maalla gara biyyaatti ergani jalaa qisaasamuun aariidhaaf akka isaan saaxilaman kann dubbattu Maakiiyaan, baqattoonni kunneen maallaqa yoo ergan sagantaafi karooraan ta’u akka qabuu fi ofii isaanitiinis maallaqa qusachu akka qaban gorsiti.
Makkiiyaan yoon gara biyyaa akka deebiitu hin beektu. Guyyaa tokkoo yoo deebiitu biyya isheetti hojjattee jijjiramuuf abjuu qabdi.












