Baankii Misooma Afrikaa humni nageenyaa Itoophiyaa hojjettoota koo ‘’seeraan ala’’ hidhan jedhe

Baankii Misooma Afrikaa humni nageenya Itoophiyaa hojjettootakoo ‘’seeraan ala’’ hidhan jechuun himate

Baankiin Misooma Afrikaa (AfDB)humnootni nageenyaa Itoophiyaa hojjettoota koo lama ‘’seeraan ala hidhuun miidhaa qaamaas irraan gahan’’ jedhe.

Akka ibsa baankichi Kamisa har’aa baasetti taateen kun magaala Finfinneetti torban lama dura raawwate.

Baankichi maqaa hojjettota isaa hidhaman jedheen hin ibsine.

‘’ Ibsa tokko malee sa’aatii dheeraaf hidhaman. Kun hanga ministirri muummee Abiy Ahimed hidhamuu isaanii dhagahanii hatattamaan akka gadhiifaman gidduu seenattidha,’’ jedha ibsi baankichaa.

Baankichi taateen kun ‘’taatee dippiloomaasii hamaa mudate’’ jedhe. Qondaalota mootummaatti himata dhiyeessuus hime.

Baankiin Misooma Afrikaa Itoophiyaaf michuu misoomaa murteessaa yoo tahu, hojii gaggeessaan isaa Akinwuumii michuu MM Abiy Ahimedha.

Fulbaana darbe, dhiyeessii aanisaa baha biyyattiif kan oolu doolaara miliyoona 100 raggaasiseera.

Qaamni nageenyaa biyyichaa dhimma kana irratti deebii hin laatne. BBC’n deebii argachuuf yaalus hin milkoofne.

Itoophiyaan erga waraana Kaaba biyyattii waggoota lamaa oliif tureen booda dhaabbilee fi biyyoota alaa waliin hariiroo boora’ee ture deebisuuf hojjechaa jirti.

Garuu gochaan akkasii hojjettoota dhaabbilee gurgudoo akkasii irratti dhagahamuu baatus humni nageenyaa biyyattii sarbama mirga namoomaa akkasii lammiilee irratti darbee darbee raawwachuun ni hamatama.