Dursaa boordii filannoo Keeniyaa ajjeesuuf yaalamee ture - Wiliyaam Ruutoo

Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo bara darbe yeroo bu'aa filannoo pirezidantumaa beeksisuuf deemaa turanitti, dursaa komishinii filannoo ajjeesuudhaaf yaalamee ture jedhan.

Dubbiin Pirezedaant Ruutoo shira aanga'aan filannoo kana ajjeesuudhaaf xaxame dubbatan kun baayyees nama kan ajaa'ibedha.

Aab Ruutoon filannoo pirezidaantummaa Hagayya 2022 gaggeeffame sagalee %50.5 argachuun ture akka mo'atan dursaa komishinii filannoo kanan kan labsame.

Guyyaa mo'achuun Ruutoo labsame sanattis wiirtuu sagaleen itti lakkaa'amaa ture keessatti mormii sagalee lakkaa'uu irratti taateen diraamaa fakkaatu akka ture ni yaadatama.

Yeroo sanatti dursaan komishinii filannoo Wafuulaa Chebukaatii doorsisni irra gahus hojii iti kenname hojjechaa turuu dubbatee ture.

Akka miidiyaaleen Keeniyaa gabaasanitti, Kibxata darbe ture pirezidaant Ruutoon shirri Mr Chebukaatii butuun waajira "olaanaatiin" kan gaggeeffamedha jedhaniiru.

"Mr Chebukaatii butuufi isa ajjeesuuf yaalii kallattiin tureera. Kun kan godhamuuf ammoo komishiinicha laamshessuuf ykn komishinarri komiin irratti dhiyaate gadhiisee kaan akka itti darbuufi walabummaa ummataa gara dabarsuuf akka ture ni beekna.

Yeroo hamaa, rakkisaafi qofummaan turedha, doorsifni ture akka malee hammaataadha," jedhan Pirezidant Ruutoon.

Pirezidant Ruutoon waan yeroo sana keessa darbanis 'Waan Rabbi jiruuf as geenye'-Ruutoo jechuun ibsanii ture.

Pirezidaantichi yaada kana kan kennan wayita komishinootaafi waajiraalee walabaa waliin Isteet Hawus, Naayiroobiitti walgahanitti ture.

Filannoo pirezidaantummaa ture irratti paartiin morkataa isaa cimaa Raayilaa Odingaa, ODM, yaada Pirezidant Ruutoo kennan kana "diraamaa keeroogiraafiin isaa sirriitti dalagamedha" jechuun itti qooseera.

“Yeroo hundeeffametti himannaawwan kanneen komishinii Qorannoof dhiyeessuu qabu," jedhan.