Baankiin qarshii qusattan maal ittiin godha?

Madda suuraa, Getty Images
Qarshiin keessan eessa jira? Baankii akka jiru beektu garuu baankiin gudunfeedhuma kaa'a moo maal godha?
Maallaqa ykn miya gatii jabeessa tahe tokko iddoo eegamuu danda'u keewwachuu namoonni waggoota kuma tokkoo oliif waan raawwachaa turanidha.
Manni amantaa Ateemis Turkii keessatti argamu hambaalee durii torba addunyaa kanaa jedhamuun warreen tarreefaman keessaati.
Kana malees, qaroomina warra Lixaa keessatti baankii warra duraa keessaaati jedhama.
Mootolee, bulchitootaafi abbootiin lafaa qabeenya isaanii mana amantaa kana keessa keewwatu sababiinsaas waaqa mana amanticha eegu waliin namni qoosaa dhaqu hin jiru jedhanii waan yaadaniif.
Bara ammaa kana qarshiin koo baankii keessaa iddoo kam taa'a? Jettanii yoo yaaddan saanduuqa sibilaa(kaazinaa) kan ibiddi hin gubne keessa dhokfameefi fageeffamee waan kaa'amu isnitti fakkaachuu mala.
Jaarraa 17ffaa keessa Landan keessatti ogeessonni warqee tolchan miya gatii jabeessa maamiloota isaanii, kaazinaa isaanii hin cabneefi hin gubanne keessa kaa'uufi jalqaban.
Miyoota gatii jabeessa tahan qabachuunis qarshii maamiloota isaanif liqeessu ture.
Kana booda Biriitan keessatti hojimaatni kuni gara caasaa baankii jedhamutti guddachaa dhufe.
Dhuguma qarshiin baankii keenyu kaazinaa guddaa keessa taa'etu eegama moo akkami?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waan isin dhibu, deebiin gaaffii kanaa, lakkii dha.
Maal seetan, baankiin qarshii keessan qofaatti isinii hin kaa'u. Qarshii kaan wajjin dabalameetu namoota kaaniif liqeeffama.
Kana booda baankichi warra liqii fudhate dhala kaffalchisuun buufata.
Akka seeraatti baankoliin maallaqa hanga tahe tokko kaawwachuun irraa eegama. Tahus akka Baankiin Biyyaalessaa Ameerikaa jedhutti qarshii kaa'amu hangas mara guddaa miti.
Qarshiin baankii keessatti hafu harka 10 hin tahu. Kana jechuun qarshii baankiiti qusattan keessaa harki 90 iddoo biraa jiraa jechuu dha.
Namni wayii mana ykn konkolaataa ittiin bitachaa jira tahuu mala. Qarhsiin harki 10 baankii keessa taa'uu garuu tajaajila baankii idilee kanneen akka qarshii baafachuufi kaaniif gahaa dha.
Rakkoon yoom dhalata seetan? Yeroo namoonni baankiirraa amantaa dhabanii al-tokkotti qarshii baasuu yeroo jalqabanii dha.
Kunimmoo baankiin akka kufu taasisuu mala sababiinsaas saffisa namoonni qarshii baasuu barbaadaniin qarshii kennuuf gatii hin qabneef jechuu dha.
Bara 2000 har'aa yeroo Ateemis irraa qabee sirna baankii amantaa keenyarratti hirkatu qabnaa jechuu dha.
Amanteen baankiirraa qabnu badee yoo qarshii keenya takkaaytti bafachuu jalqabne sirni baankii saffisaan cabuufi kufuu jalqabaa jechuu dha.












