'Itoophiyaatti namoota sababa amantaan baankiirraa fagaatanii turan tajaajiluun milkaa'aa jira'

Kaardii maashina keessatti

Itoophiyaa keessatti keessattuu hordoftoonni amantaa Islaamaa hedduu duudhaa yookiin seera Shari’aatiin walqabatee tajaajila baankiirraa fagaatanii turuu isaaniitu himama.

Seerri Shari’aa dhala kaffaluus ta’e fudhachuu kan dhorku ta’uu isaatiin hordoftonni amantichaa tajaajilawwan baankiitti fayyadamuuf rakkachaa turaniiru.

“Kutaan hawaasa lakkoofsa guddaa qabu sababa dhalaan yeroo dheeraaf tajaajila baankiirraa fagaatee ture” jedhan Pirezidaantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo.

Baankichi tajaajilasaa dhalarraa bilisa ta’e CBE NOOR kan itti jalqabe waggaa 10ffaa kabajaa kan jiru yemmuu ta’u, Pirezidaantichis tajaajilciha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa laatanii ru.

“Lammiileen sababa amantaa isaaniitiin baankiirraa fagaachuun isaanii xiqqaachuu walingahinsa (tajaajila) faayinaansii biyya keenya keessa tureef qooda guddaa qaba ture” jedhan Obbo Abbee Saanoo.

Haaluma kanaanis, kutaaleen hawaasaa tajaajila baankii seera Shari’aa bu’uura godhate fayyadamuu barbaadan yeroo dheeraaf gaafii dhiyeessaa akka turanis dubbatan.

“Keessattuu hawaasni Musliimaa dhala waliin tuttuqqii uumuu dhiisuuf jecha maallaqni guddaan baankiifii adeemsa diinagdeen ala ta’ee taa’aa ture” jechuunis himan.

Pirezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa, bakka bu’uun ergaa kan dabarsan, Pirezidaantii Itti Aanaan Mana Marichaa Sheek Abdulkariim Sheek Badraddin, “Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hawaasa musliimaas ta’e kan biraa kan dhala hin fayyadamnu jedhaniif tajaajila kennuun adda dureefi baankii oolmaa guddaa qabudha,” jechuun ragaa bahan.

Tajaajila fooddaan eegalamee babal’ate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa bara 2013 ture Baankii Biyyaalessaarraa heeyyama argatee dameeleesaa 23 keessatti tajaajila baankii dhalarraa bilisa ta’e fi CBE NOOR jedhamu maamiltootaaf kennuu eegale.

Tajaajilli kun tajaajila kuusaa maallaqaa, liqaa, tajaajila deeggarsa daldala idil-addunyaa, tajaajila maallaqa daddabarsuu ykn hawaalaa, sharafa maallaqa biyya alaa fi tajaajilawwan biroo ofkeessaa qaba.

Baankichi koree mariisisaa Shari’aa miseensota shan qabu hundeessuunis tajaajila gama tajaajila baankii dhalarraa bilisa ta’een kennu guddisuuf hojjechaa tureera.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa yeroo ammaatti dameeleesaa 1,780 ol keessatti tajaajila kana laachaa akka jiru kan himan Pirezidaantiin Baankichaa, “baankiin keenya yeroo ammaatti guutummaatti tajaajila baankii dhalarraa bilisa ta’e qofa kan kennan dameelee 153 banuun tajaajila kennaa jira” jedhan.

Waggoota 10 darban keessattis lakkoofsi maamiltoota tajaajilicha fayyadamanii dabalaa akka dhufe kan himan Obbo Abbeen, baankichi ammatti maamiltoota tajaajila baankii dhalarraa bilisa ta’e fayyadaman miliyoona 6.4 akka qabu himaniiru.

Kana malees, maallaqa kuufamaa Birrii biliyoona 98 ol walitti qabuu akka danda’es dubbatu. Baankichi tajaajilawwan haaraa biroo hojiirra oolchuufis karoora akka qabu himaniiru.