Badhaadhinni waraana TPLF waliiniif falli karaa nagaa akka barbaadamuuf murteesse

Aanga'oota Paartii Badhaadhinaa

Madda suuraa, PROSPERITY/FB

Rakkoo Kaaba Itoophiyaa jiruuf karaa Gamtaa Afrikaatiin filannoowwan karaa nagaan hiikuu akka barbaaadamuuf paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni murtee dabarsuu isaa aanga'oonni Paartichaa himan.

Paartiin Badhaadhinaa dhuma torban darbeerra, kora hoji-raawwachiiftuufi Koree Giddu-galeessaa gaggeessuu hordofee ibsa baaseen waraana Kaaba Itoophiyaafi dhimmoota waqtaawoo ta'an biroo irratti mariyatee murtee dabarsuun isaa himameera.

Itaanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa kan ta’an Obbo Adam Faaraah ibsa kennaniin, Koreen Giddu-galeessaa walgahii taa’en dhimoota diinagdee, nageenyaa, siyaasaafi hawaasummaa irratti maarii taasiseera jedhan.

Akkasumas, korichi dhimma nageenyaan wal-qabatee dhiyeenya kana taatewwan Gambeellaafi Wallagga Lixaatti uumame balaaleffachuun haleellaa mootummaan qaamolee rakkoo nageenyaa geessisan jedhe irratti fudhateen hedduu isaanii akka dhabamsiise ibsaniiru.

Ministirri Haqaa Dr. Geediwoon Ximootiwoos ibsa kennaniin, rakkoo Kaaba Itoophiyaatti mudateef filannoon karaa nagaa akka ilaalamu Koreen Giddu-galeessaa Paartii Badhaaninaa murteessuu isaa ibsaniiru.

Korichi murtee kana irra kan gahe rakkoolee waraanni qaqqabsiisu hir’isuuf, humna guutun gara misoomatti fuulleffachuufi haalota siyaasaa fooyyessuufi maree biyyoolleessaaf haala mijeessuuf akka ta’e itti dabaluun ibsaniiru.

Mareen nagaa kun gaafa gaggeeffamu heera biyyattii bifa kabajeen, fayidaa bu’uura biyyattii bifa hin sharafneefi qajeeltoofi dursummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu qakka qabu korri kun murtee akka dabarse ibsanii jiru.

Dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (PhD) mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta'uu xalayaa banaa dhaabbilee idil-addunyaaf torban dura barreessaniin beeksisanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabratsiyoon xalayaa isaanii kana keessatti, Gamtaan Afrikaa waraana kana dhaabsisuu irratti gahee fi gaafatama irraa eegamu hin baane jechuunis komataniiru.

Jaarsummaan mootummaa Keeniyaa eegalame itti fufaa, hunda hammataa, walabaa fi haqa qabeessa kan jedhan Dabratsiyoon, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi Yunaayitiid Arab Eemireets qooda keessaa akka qaban himan.

Sochiiwwaniifi tuttuqqiin filannoo nageenyaa kana jeeqan kamiyyuu yoo jiraatan mootummaa tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu beekamuu akka qabuufi kanaaf ammoo qaamoleen nageenya fi odeeffannoo biyyaalessaa qophaa’oo akka ta’anis ibsaniiru aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa.

Obbo Adam Faaraah gama isaanitiin, “Uummata waliin ta’uun seenadhumaan diinota Itoophiyaa warra ta’an balleessun badhaadhina ni mirkaneessina,” jedhan.

Diinonni kun eenyu akka ta’an garuu hin ibsine.

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad dhiyeenya haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin mootummaan isaanii qaama nagaa barbaadu kamuu waliin nagaa akka buusu dubbatanii turan.

Mootummaan ibsa har’a baasen waraana ji'a 19 oliif kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture ilaalchisee hidhattoota Tigraay wajjin karaa nagaa xumurachuuf fedhii akka qabu agarsiisus, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)- kan ‘Shanee’ jedhuun waamu wajjin garuu nagaa buusuf waan jedhe hin qabu.

Kanaan dura Ajajaa Olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa BBC waliin turtii taasiseen, dhimma waraana dhaabuufi mootummaa wajjin mariyachuu ilaalchisee, bakka qaamni sadaffaan isaanifis mootummaafis ta’u jirutti mariyachuuf waamichi yoo godhameef qophii akka ta’an ibsuun isaa ni yaadatama.