Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bidiruuwwan godaantonni Itoophiyaa keessa turan garagaluun namoonni 180 achi buutensaanii dhabame
Bidiruuwwan baqattoota fe'anii Jibuutirraa ka'an qarqara Yamanitti garagaluun godaantonni Itoophiyaa heddu keessatti kan argaman namoonni 180 ta'an du'uu akka hin oolle dhaabbanni IOM beeksise.
Bidiruuwwan garagalan kunneen baqattoota jiruu gaarii barbaacha biyyoota Baha Afrikaatii karaa balaafamaa qaxxaamuraa turan akka ta'e dhaabbati baqattootaa UN kun beeksise.
Baqattoonni achi buutensaanii dhabame kunneen lammiilee biyya kamii akka ta'an dhaabbanni baqattootaa IOM beeksisuu baatus Asoosheetid Pirees (AP) garuu hedduunsaanii lammiilee Itophiyaa ta'uu gabaase.
Bidiruuwwan qarqara Yaman osoo hin gahin garagalan keessaa tokko lammiilee Itoophiyaa 31 fi kanneen bidiricha oofan lammiilee Yaman sadi baattee akka turtes APn beeksise.
Jibuutirraa ka'uun galaana qaxxaamuranii Yamanirraa gara biyyoota Baha Giddu Galeessafi Awurooppatti cehuuf kanneen manaa bahan irra deddeebin balaan wal-fakkaatan isaan mudataa ture.
Godaantota Jibuutifi Yaman gidduutti bidiruun ittiin dhidhimee yeroo garaa garatti du'an keessaa irra hedduun lammiilee Itoophiyaa akka ta'an gabaafamaa ture.
Dubbi himaan dhabbata IOM kan ta'an Tamiim Elaayin APtti akka dubbatanitti gaafa Kamisaa, Bitootessa 6, bidiruuwwan qarqara bishaan Yaman osoo hin gahin garagalan keessaa kan hafan namoota lamaan alatti godaantonni 181fi lammiilen Yaman bidiruurra hojataa turan achi buutensaanii hin baramne.
Akka gabaasa APtti yeroodhuma wal-fakkaatatti bidiruuwwan lama qarqara bishaan Jibuutiitti dhiyootti garagaluun namoonni lama yoo du'an, kaanneen hojjattoota lubbuu baraaraniin oolaniiru.
Bidiruuwwan qarara Yamanitti garagalan keessa dhiironni 124fi dubartoonni 57 akka ta'an dubbi himaan IOM ibsan.
Bidiruuwwan kanneen keessaa lammiilee Yaman lama qofti lubbuun oolufi kaan du'uu akka hin oolle yaaddoo qaban ibsu.
Dhaabbanni IOM ibsa baasen, kanneen namoota seeran ala daddabarsan waktiin yeroo bubbeen cimaan itti bubbisu waan ta'eef bidiruudhaan galaanarra deemun balaa akka qaba qondaalonni mootummaa Yamaan akeekkachiisa baasan diduun balaa kanaaf sababa akka ta'uu hin oolle beeksise.
Kanneen daandii bishaanii balaafamaa kana qaxxaamuruun buufata godaantotaa IOM Yaman jiru gahan akka jedhanitti, namoonni karaa seeran alaa godaantota seeran alaa daddabarsan humnoota nageenyaa jalaa miliquuf of eeggannoo maleefi deemsa balaafamaa akka hordofu.
"Akeekkachiisi haala qilleensaa ifa ta'e kennamus, kanneen seeran ala namoota daddabarsan lubbuu namaarratti qumaara taphataa jiru. Lubbuu godaantotaa oolchuf tarkaanfin hatattamaa hin fudhatamu taanan, lubbuun namaa baduun ittuma fufa," jedhan Yamanitti itti gaafatamaa IOM kan ta'an Abdursaatar Isooyev.
Naannichatti yeroo garaa garaatti balaa qaqqabuun godaantonni dhuman harki caalan lammiilee Itoophiyaafi Somaaliyaati. Kamisa darbe kanneen achi buutensaanii dhabames lammiilee Itophiyaa ykn Somaaliyaa ta'uu akka malantu himama.
Godaantonni hedduun karaa seeran alaa biyyaa bahuuf deemsa lafaafi galaanarraan balaa garaa garaaf saaxilamu.
Dhaabbanni IOM akka beeksisetti bara darbe qofaa godaantonni 60,000 Yaman gahaniiru.
Dubartoota 580 fi ijoollee 100 dabalatee godaantonni 3,400 ol bara darbe keessa du'uu ykn achi buutensaanii dhabamuu ibsa dhaabbatichi.