Bidiruun qarqara Yamanitti dhidhimtee lammileen Itoophiyaa 20'n du'an

Bidiruun Jibutiirraa godaantoota feetee gara Yamanitti imalaa turte tokko dhidhimuu hordofee lammileen Itoophiyaa 20 du'uu Dhaabbanni Godaansa Addunyaa (IOM) beeksise.

Bidiruun godaantoota feete kun Sambata darbe gargaluun lammilee Itoophiyaa- dubartoota 9 fi dhiiroota 11 du'an.

Dhaabbanni IOM akka ibsetti, bidiruu lammileen Itoophiyaa 35 feete kana kaapteenii lammii Yaman oofaa kan ture yoo ta'u, bakka Al- Hajjaa jedhamutti erga dhiyaatani booda bidiruun dhidhime.

Lammileen Itoophiyaa 15 fi lammileen Yaman bidiruu sana hoofaa turan lama lubbuun oolaniiru.

IOM akka jedhutti, sababa bubbee hamaatiin bidiruun Jibutii, kaate kun dhidhimuu hin oolle jedhe.

Dhaabbatichatti hogganaan damee Yaman Abdusattor Isoyiv, taatee gaddisiisan kun godaantonni jiruu fooyyee barbaacha ''haala hamaa keessa darban nu yaadachisa'' jedhan.

Isoyivitt dabaluun hawaasni addunyaa rakkoo bu'uurasaa furuurratti cimee akka hojjatu kaasuun, kabaja namoomaa godaantotaa eeguurratti akka xiyyeeffatan gaafatan.

Godaantoonni Jibutiirraa gara Yamanitti otoo ce'uuf yaalanii galaanatti dhidhimuun kun jalqabaa miti. Taatee irra deddeebiin mudatu ta'eera.

Ulaan kun addunyaarratti bakkeewwan godaantootaaf rakkisaa ta'an keessaa tokko akka ta'e ibse IOM.

IOM bara 2024 keessa godaantoonni 60,000 ta'an Yaman qaqqabuu ibse.

Jaarmiyaan kun bara 2014 namoonni 3,435 du'uu fi kaan isaanii dhabamuu eeruun, isaan keessaa godaantoonni 1,416 bishaanitti dhidhimanii du'uu eere.

IOM godaantoonni Itoophiyaa gara Yamanitti imalan biyyoota naannoo Arabaa naannoo Galfitti argaman dhaquuf otoo yaalanii qoccollaa, miidhaa qaamaafi taateen lubbuusaaanii dabarsuu karaatti akka isaan mudatu ibse.

Elba bara 2024 darbe kana godaatonni Itoophiyaa jireenyi godaansaa Saawudiifi Yamaniitti dabarsaniin nuffanii, gara Itoophiyaa maatiisaaniitti deebi'uuf otoo yaalanii namoonni 33 du'uu mootummaan Jibutii beeksise ture.

Bara 2021 bidiruun godaantota feetee osoo gara Yaman imaltuu Galaana Diimaa keessatti dhidhimuun eenfa namoota 25 namoonni qurxummii kiyyeessaa baasuu gabaasne ture.