Obomboleettii Filoridaa rukuteen namootni 90 ol du'an

Obomboletti Iyaan Filoridaa rukuteen lakkoofsi namoota du’anii 90 darbee, hojiin namoota lubbuun oolanii barbaadu itti fufee jira.

Anga’ootii Filooridaa, bakkeewwan obomboleettii kanaan guddaa midhamanitti dursanii akeekkachisa baqachuu ga’aa hin kennine jedhamuun qeeqamaa jiru.

Namoota lubbuun isaanii darban keessaa yoo xiqaate wallakaan Kawuuntii Lee kan jiranidha, bakka kanatti obomboleetti Iyaan cimina sadarkaa 4ffaan rukute. 

Pirezident Joo Baayden Roobii irratti Filooridaa ni daawwata jedhamee eegama.

Wiixata irratti Pirezdant Baayden Poorto Riiko – bakka obomboleetti Iyaan uumamu guyyaa muraasa dura obomboleetti Fiyoonaan rukutame – daawwachuun hojii gargaarsaaf doolarra miiliyoona 60 waadaa seeneera.

“Doolara waada isiif seename hunda akka argattan ni mirkaneessina,” jedheera.

Akka gaabasa CBS’tti, Filooridaa keessatti obomboleettii kanaan lakkoofsi namoota du’anii Wiixata irra 94 ga’eera.

Namootni afur biraa Kaaloraayinaa Kaanaa keessatti du’uun isaanis gabaafameera.

Ta’us Komishiniin Qorattotta Meedikaalaa Filoorida, lakkoofsi namoota du’anii 58 jedheera. 

Akka hogganaan poolisii Karmaayin Marseeno Wiixata irratti ibsa miidiyaaleef kennaniin, namootni du’an keessa harki caalaan, kanneen bakkewwan obomboleetti kanaan guddaa miidhaman akka Foort Maayers, Sinabel fi Paayin Ayilaan kan Kawuuntii Lee jala jiran keessa jiraatanidha. 

Obbo Maarseenoo akka jedhanitti qarqarri galaanaa Foort Maayers akka anga’ootni naannichatti du’a uumame qorataniif cufamee jira.

Dabaluunis balaa kana booda yakkawwan saamicha uumamaniin wal qabatee namootni hedduun to’annoo jala oolfamuu isaanii himaniiru.

Lakkoofsi namoota du’anii angaa’ota Filooridaan himame baqqatoota Kuubaa 16 kan bidiruun isaanii daangaa biratti obombolettii kanaan rukutamee dhidhimee achi buteen isaani dhabame of keessatti hin qabatu.

Namoota 27 bidirucha irra turan keessaa, sagal Eegdota Daangaa Galaanaa US’n (Coast Guard) lubbuun isaanii kan oolchame yoo ta’u, namootni lama gara Istook Ayilaanditti daakanii ooluu danda’aniir. Reeffi namoota lamaa ammatti argameera.

Lubbu baraartonni namoota bidiruu kanarra turan kan achi buuteen isaanii dhabame barbaaduu dhiisaniiru.

Anga’oonni miidhaa qabeenyaa obomboletti kanaan uumame ammayyuu qorachaa kan jiran ta’us, oggeessotni doolara biiliyoona hedduu ta’uu mala jedhu.

Tilmaami qorannoo dhaabata odeeffannoo Enki Reearch jedhamuun Onkololeessa 1 irratti kenname, miidhaan qabeenya doolara biiliyeena 66 ta’uu danda;a garuu hanga doolaara biiliyoona 75’tti ol guddachuu danda’a jedha.