Guyyoota 7nuu hojiimarra: Jiruu rakkisaa hojjetoota manaa warra moototaafi sooreyyoota Qataar

Yeroo Waancaan Addunyaa Qaataar Dohaa kessatti gaggeeffamaa jirutti, seenaan mirga namoomaa Qataar qeeqamuutti jira.

Dhimma mirga hojjetoota biyya biroo ijaarsa istaadiyeemotaafi hoteelootaa irratti hirmaataniin wal qabatee waan hedduun barreefameera, ta’us garuu mirgi hojjettoota manaa biyya biraa irraa deemuun dureeyyiifi maatii moototaaf hojjetanii akkamii?

BBC’n wa’ee hojii saatii dheeraa boqonnaa guyyaa tokkittiillee utuu hin argatiin hojjetamuu irratti hojjetoota manaa lama hasoofsiiseera.

Gilaadis (maqaa ishee isa sirrii miti) erga hojjechiistoonni ishee rafanii booda turtii karaa intarneetaan BBC waliin taasisteen, guyya guyyaan ganama sa’aatii 2:00 irraa eegaltee hanga halkan keessaa sa’aatii 5:00tti akka hojjettu himteetti.

Mana qulqulleessiti, nyaata qixeessuu irratti gargaarti, akkasumas ijjoollee isaanii kunuunsiti.

Nyaata maatii sana irraa hafe akka nyaattuufi ji’oota 18 dura maatii kanaaf hojjechuu erga eegaltee as guyyaa tokkittiillee boqonnaa akka hin arganne himti.

Dubartii ganna 40 keessaa lammii Filippiins kan taate Gilaadis, “aaddeen na hojjechiistu maraattuudha. Guyya guyyaan natti iyyiti,” jetti.

Qataar dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 qopheessuu mo’achuu ishee dura, hojjettoonni biyya biroo, eeyyama hojjechiistoota isaaniin ala hojii jijjiirachuu ykn biyyattii keessaa ba’uu hin danda’ani.

Biyyootii Galfii hedduu keessatti ammayyuu haala wal fakkaataatu jira.

Qeeqa irra ga’een booda, Qataar jijjiirraa seeraa gooteetti ta’us garuu seerri kun yeroo hunda hojiirra hin oolu.

Fakkeenyaaf, hojjechiiftonni Gilaadis paaspoortii ishee ammayyuu qabatanii jiru. Yoo biyyaa ba’uuf jecha, paaspootii ishee gaafatte deebisanii ni kennuufimoo hin kennan kan jedhu hin beektu. 

Ta’us garuu Gilaadis akka carraa qabeettii taatetti yaaddi. Sababiin isaas akka hojjetoota manaa lammii biyyoota biroo tokko tokko osoo hin taane, isheen bilbila ishee qabachuu dandeesseetti.

Dabalataanis, miidhaan qaamaa irra hin ga’u. Qataar keessatti, miidhaan qaamaa hojjetoota manaa hedduu irra ga’a jetti.

Sababni biraa isheen hojii ishee kanaan itti fufuuf barbaadduuf, waan umurii ishee kanatti hojii kanarra fooyya’a ta’e nan argadha jettee hin yaadneefidha.

Ji’atti miindaa Riyaalii 1,500 ykn gara doolara 400 argatti, hunda isaas maatii ishee biyyashee jiran gargaaruuf ni ergiti.

Mirga namoomaa hojjetoota manaa

  • Akka gabaasa Abbaa Taayitaa Istaatistikiifi Karooraa Qataar bara 2021’ti, Qataar keessa hojjetoota manaa gara 160,000tti tilmaamamantu jira
  • Bara 2017’tti Qataar Seera Hojjetoota Manaa kan hojjetoonni manaa guyyatti sa’aatii 10 qofa hojjechuu qabu, akkasumas boqonnaan guyyaa, torbaniifi yeroon boqonnaa mindaa walinii kennamuufii qaba jedhu baafte
  • Dabalataanis bara 2020’tti miindaa isa xiqqaa hojjettoonni kunneen argachuu danda’aniifi mirga eeyyama malee hojii geeddarachuu ykn biyyaa ba’uu kenniteetti
  • Ta’us garuu, Dhaabbati Amnesty International akka jedhutti seeroti ba’an kunneen yeroo hunda hojiirra akka hin oolleefi haallii garmalee hojjechuu, boqonnaa dhabuu akkasumas miidhaa irra geessisuun itti fufee jira

Dhabbata hojjettoota lammii Filippiinoo biyya biro jiran gargaaru Migraantee jedhamu irraa Johaanaa Konsepshin akka jettutti, hojjettoonni hedduun haala hamaa keessa jiran dubbachuu irraa of ni qusatu sababiin isaas maatii isaanii biyyatti hafan gargaaruun xiyyeeffannoo isaanii dursaa waan ta’eefidha.

Ta’us garuu hojjettoonni biyyootii Galfii keessa jiran yeroo ifatti dubbachuuf jabina argatan, yeroo hedduu miidhaa cimaa irra ga’u ni ibsu jetti.

Dubartiin tokko hojjachiisaan ishee yeroo aaruu maatii ishee boolla mana fincaanii keessatti akka gadi dhiibuu akkasumas nyaataa fi bishaan akka ishee dhowwatu himuu ishee Johaanaan himteetti.

Altiyaan (maqaa ishee isa sirrii miti) mana maatii moototaa Al Taanii keessa kan hojjetu yoo ta’u, maatiin kun bilbila, uffannaa, faayaa fi kophee isheen Filippiinsi keessatti bitachuu hin dandeenye akka kennaniif himti.

Haalli jireenyaa waan itti cimeef gara Qataar dhufu kan himtu Altiyaan, hojjettoonni manaa isheen TikTok fi Facebook irratti yeroo nyaataafi nama isaan gargaaru barbaacha kadhatan argitu, akka ishee akka hin carromne himti.

Ta’us garuu bakka “hojiif gaariidha” jettu kana keessa hojjachuun akka salphaa hin taanes Altiyaan ni himti.

Hojiin barii sa’aatoo 12:30 irratti akka eegalu himuun, “hojjetooti hedduu waan taaneef hojiin ni salphata,” jetti.

Cireen erga nyaatamee booda mana qulqulleessanii laaqanaaf qophaa’uun booda hanga sa’aatiin irbaaataa ga’utti sa’atii 9 irraa hanga 12’tti kutaa isaanii keessa akka boqotan himteetti. Erga irbaatii nyaatamee booda, hojii ishee fixnaan Altiyaan yoo feete mooraa keessaa ba’uu aka dandeessu himti.

Maatiin moototaa paaspoortii ishee qabatanii hin jiranii ta’us garuu seera Qataariin ka’ameeruu utuu hin hordofiin guyya guyyaan boqonnaa malee hojjetti. Kun maatii isheef gargaarsa maallaqaa ijoo taasisuuf aarsaa kaffaluu dandeessu akka ta’e himti.

Manilaa irraa hojjetoota Filippiinoo fi qacartoota dureeyyi Galfii keessa jiran waliin wal qunnamsiistu, Meerii Giraas Moraales akka jettutti, mana moototaa keessa hojjechuun hojii “barbaadamudha.”

 “Bu’aa baayyee qaba. Maatiileenis gaarummaa qabu,” jetti. Ta’us garuu maatileen moototaa qacarriif ulaagaalee addaa akka qaban ibsiteetti.

 “Dubartoonni maatii moototaa Qataariif hojjatan umurii ganna 24 fi 35 gidduu ta’uu qaba akkasumas bareedduu ta’u qabdi,“ jetti Moraales.

 Johaanaan akka jettutti haalli hojii Altiyaan ibsitu dhugaa akka ta’u nan hawwa jechuun, ta’us garuu

“utuu Qataar keessaa jiraattuufi maatii akkanaaf utuu hojjettuu waan isheen jette dhugaamoo miti kan jedhu adda baasuu hin dandeenyu,” jetti.

Sababiin isaas namootni maatii moototaaf hojjechaa turan erga Qataar gadhiisanii booda komii isaanii ibsataniiru.

 BBC’n maatii moototaa Qatarii fi imbaasii Qataar Landan jedhu irraaa yaada argachuuf gaaffii dhiyeessus, ammatti deebii hin arganne.