Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godaantonni 60 ol qarqara Liibiyaatti 'dhidhimanii du'an'
Godaantonni lakkoofsaan 60 ol ta’an qarqara Libiyaatti dooniin ittiin imalaa turan dhidhimuun du’an jedhamee akka amanamu Dhaabbati Godaantota Idil-addunyaa (IOM) hime.
Kanneen lubbuun hafanirraa akka odeeffatetti, doonittiin magaalaa Liibiyaa Zuwaaraati yeroo kaatu namoota 86 feetee turte.
Haa ta’u malee, danbaliin doonii raasee godaantonni 61, daa’imman dabalatee, akka achi buuteen dhibeefi du’aniiru jedhamanii akka amanamu gaafa Sambataa ibseera.
Liibiyaan godaantota Galaana Mediteraaniyaaniin qaxxaamuruun Awurooppaa seenuu yaadanif bakka ka’umsaa ijoo jedhaman keessaati.
Waggaa bara 2023 qofa namoonni 2,200 galaana kana qaxxaamuruuf osoo yaalanii akka dhidhiman timaameera.
Kunis Galaana Mediteraaniyaan ulaa godaantotaa isa hamaa keessa tokko isa taasisa.
Kanneen lubbuun isaanii tibbana darbe keessaa garri caalu Naayijeeriyaa, Gaambiyaa, akkasumas biyyoota Afrikaa kaanii kan dhufan ta’u AFP’n gabaaseera.
Akka dhaabbatichi ibsetti, kanneen balaa kanarraa lubbuun hafan 25 bakkee turtii Liibiyaa argamutti dabarfamuun wal’aansa fayyaa argataa jiru.
Qondaalli IOM barana namoonni hedduu lubbuun isaanii darbu ibsanii kuni ‘galaanarraa lubbuu akka hin dabarre baraaruuf hojiin gahaa akka hin hojjetamne’ agarsiisa jedhan.
Baatii Waxabajjii keessa qarqara kibba Giriikitti erga dooniin dhidhimte booda namoonni 78 du’anii 100 immoo baraaramaniiru.
Godaantonni jireenya fooyyee barbaacha, kaanimmoo walitti bu’iinsaafi haleellaa baqachuun doonii xiqqoon baay’atanii Galaana Mediteraaniyaanii qaxxaamuru.
Osoo gara biyyoota Awurooppaa kaanitti hin ce’in dura qubannaan isaanii jalqabaa Xaaliyaaniidha.
Akka Dhaabbata Baqattoota UN’tti waggaa bara 2023 qofa godaantonni 153,000 Tuniziyaafi Liibiyaarraa ka’un Xaaliyaanii qubataniiru.