"Kutaa 4ffaa yoon gahu maatiinkoo mindaa fidde meerre? jechuu jalqaban"- Dr Godaanaa Areeroo

Seenaan kun amma yeroo manni barnootaa ganda hundatti bal'ate kanatti waan hedduu nama dinqu fakkaachuu dhiisuu mala. Isaan garuu baadiyyaa bakka namni Sanadura barnootaan bakka wayii gaheera jedhamu hin turree irraa tokko jedhanii eegalan.

Dr. Godaanaa Areeroo jedhamu. Boorana Liibanitti dhalatanii guddatan. Isaan amma Koolleejjii meedikaalaa Hospitaala Adaamaatti gargaaraa Piroofeesaraati.

Duula doofummaa balleessuu Dargiin labsee fi 'Masarata Timirti jedhamuun beekamuun ulaa barnootaa argatanii sartifikeetiidhaa hanga Digirii sadaffaa (Phd)tti xurree barnootaarra karaa dheeraa dhufan.

Seenaa jireenya isaanii fi bu'aa bahii keessa dhufan, milkaa'ina amma irra gahanii fi dhaamsa dhalootaaf qaban irratti BBC waliin addatti turtii taasisaniiru.

Seenaa isaanii akka isaan dubbatanitti isinii qixeessineerra.

BBC: Mee wal haa barruu.

Dr. Godaanaa- Maqaankoo Dr. Godaanaa Areeroo jedhama. Kanin dhaladhe Boorana Liiban, bakka Gadaa jedhamutti. Maatiinkoos, hawaasni naannoo bakka ani itti dhaladhee cuftis horsiisee bulaadha.

Mucaa horsiisee bulaa gaafa taatu daa'imummaarraa hojiin ittiin maatii gargaartu loon tiksuudha. Jabbiirraa jalqabee, eegin guddadheemmoo loon tiksaan ture.

BBC- Carraa mana barumsa seenuu akkamiin argattan?

Dr. Godaanaa- Yeroo san wanni barnoota jedhan naannoo keenya sanatti hin beekamu, manni barumsaas hin jiru. Gaaf sana manni barumsaa kan jiru magaala Negellee Booranaa callaadha.

Yeroon sun Dargiin aangoo qabatee duula 'masarata Timirti' jedhan labsee ijoolleen hanga kutaa 10 baratte baadiyyaa cufatti bobba'anii barumsa barsiisuu jalqaban.

Animmoo yeroo sana guyyaa guyyaa loon waan tiksuuf barumsichi naaf mijachuu dide. Guyyaa guyyaa hordofuu dadhabe. Jarri galgala galgalas abidda qabsiisnii barsiisu ture. Eegi loon galchee barachuun jalqabe.

Barumsa san xiqqoo xiqqoo jalqabee jennaan jaalachuun jalqabe. Gaafcufa ani loon galchee hamman dhaqutti natti barfata giddumattin seena. Sanirraa barsiisonii 'Zagayyee' jedhanii nawaamu. Nama turu akka jechuuti. Barnoota osoo hin baranne tureera jechuus ta'a.

Barsiisonni gaaf sana 'fidalii' nubarsiisaa turan barachuu akkan qabu najajjabeessan. Inumaa magaalatti fudhanee siingalla barumsa barachuu qabda naan jedhanii ture. animmoo bara kana loon tikseen bara itti aanu jalqaba jedheenii biraa hafe.

Akkuman jedhe bara itti aanu jechuun ALI bara 1975 Negellee Booranaa deemee kutaa 1ffaa seene. Yeroo sana ani umriin kiyya 12 nitaha. Barumsatti cimaa waan tureef barnoota sadarkaa duraa irra hedduu 'Dabilii' darbaan ture.

BBC- Fulaa jiraattanii fi maatii keessan keessaa sindura kan barate jiraa?

Dr. Godaanaa- Maatii kiyya keessaa ani mucaa 7ffaa dhalate. Isaan keessaa namni carraa barnootaa argatee barumsa seene ana callaadha. Namni kaan duula dargii saniin maqaa ofii barreessuu fi mallatteessuu faa barataniiru.

Yeroo sana 'Harki hin barreessine haa muramu' kan jedhu dhaadhannoo waan tureef namni hedduun afaan amaaraatiin waa xiqqoo baratee mallatteessuu fi maqaa ofii barreessuu baree ture. saniin ala naannoo keenya sana namni baratee bakka akkasii gahe jedhani hin turre.

Ammoo hubannoon Barnootarratti tureyyuu laafaa ture. ani amma maatiin kiyya gaafan kutaa 4ffaa gahu 'Barumsuma jettu kun mindaankee meeti? Yoo mindaa hin qabne qe'eetti deebi'ii loon tiksi' naan jechaa turan.

Kutaa 4ffaatti mindaan argamu hin jiru. Wanni kuni barnootaaf hubannoon akka hin turre ibsa.

Ammoo duulli dargiin 'masarata Timirti' jedhee labse suni osoo hin dhufnee aniyyuu horsiisee bulaa ta'eetuman hafa malee barnootaan walinargu ture. waan suni carraa gaarii naaf uume.

Barnoota haala saniin uummata dukkana keessaa baase hin garre ani.

BBC- eegasii Imala Barnootaa keessan nutti himaamee?

Dr. Godaanaa- Akkuma dura siinjedhe barnoota 'dabilii' darbaa waan tureef sadarkaa duraa dafeen xumure. Eegasii bara 1984 Hawaasaa deemeen 'Xeenaa raddaat' waan jedhan baradhee sartifikeetiin eebbifame.

Akkuman eebbifameen ministeerri fayyaa naannoo Beenishaangul Gumuuzitti naramade. Achi ji'uma afur hojedheen Boorana Dirreetti hojii jalqabe. Fedhii barachuu guddaa waanin qabuuf achii jijjiramee Yirgaa Caffee galeen achitti qabxii gaariin kutaa 12 xumure.

Eegasii Diillaatti saayinsii Baayolojiitiin digiriidhaan eebbifame. San malee yunvarsiitii Biyya kaalifoorniyaa Peoples University irraas saayinsii fayyaan digirii baradheera.

Digirii lammeessoos Saayinsii Fayyaatiin eeggasii digirii sadaffaa ammoo Biyya Iraan, Teehiraanitti baradhee bara A.L.A.2016 eebbifame.

BBC- Hawaasa Horsiisee bulaa keessaa kaatanii sartifikeetiidhaa hanga digirii 3ffaa geessan. Ilaalchi barnootaaf qabdan akkamitti ibsitu?

Dr. Godaanaa- Ani qajeelfamni jireenyaa ani hordofu durumarraa hanga ammaa Barnootattin amana. Barnoonnimmoo akka nama qaru, akka nama jijjiiru waan agarreef ana qofa, ijoollee kiyya qofa miti nama cufa nan gorsa.

Namni yoo hin baratin wanti biraa nama fayyadaa hin jiru jedheen amana. Ijoollee kiyyas wanni irratti hojjedhu barnootan akka cimani. Ijoollee kankoo qofa miti ijoollee firaalleen gargaareen amma warri injinarafaa ta'e jira.

Ani dhuunfaatti ijoollee shan qaba. Amma warri duraa lamaan 'medicine' dhaan eebbifamii doktara ta'aniiru. Intallikoo qabxii gaariidhaan eebbifamtee maqaa Oromiyaa, maqaa horsiisee buyaa yaamsisteerti.

Haati warraa kiyya gaafa walfuunu isheen Kutaa saddeetii dhaabdee natti heerumte. Eegi walfuunee ijoollee godhannee barnoota itti fuftee amma Ogummaa narsiitiin hojjechaa jirti.

Kanaaf akka ilaalcha kiyyaatti namni barnoota keessa hin jirre nama dukkana keessa jiru.

BBC- Dhaloota amma Baadiyyaa jiran, ijoollee horsiisee bulaa keessaa baataniif maal dhaamtu?

Dr. Godaanaa- Ijoollee Horsiisee bulaatiif amma akka durii sanii miti haalli mijataa jira. manni barnootaa babal'atee jira. Lafti dur baadiyyaa ture amma magaala ta'aa jira. hawaasni keenyas amma mi'aa barnootaa argee jira jechuu dandeenya.

Amma carraan jira. carraa kanammoo fayyadamuu barbacahisa. Barnoonni nama qaroomsa. Namni cimee jennaan haalli amma keessa jirtu, bakki ati itti dhalatte gufuu ta'ee sidhaabuu hin danda'u.

Kanaaf haalli nutti hin mijoofne hin jedhinaa qorumsa keessa darbitanii bakka guddaa qaqqabuu dandeessu kanaaf jabaadhaa jechuun fedha.