Sanadi yakkamaa saal-qunnamtii Eppistiin namoota siyaasaa UK fi Noorway raasaa jira

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Sanadoonni dabalataa hedduun waa'ee yakkamaa saal-qunamtii Jeefirii Eppistiin ifa ba'uu hordofee namoonni siyaasaafi bebbeekamoon Ameerikaan alatti biyyoota addunyaa biroorraas maqaan isaanii ka'aa jira.

Namoonni siyaasaa Yunaayitid Kingidam fi Noorway amma dhimma kanaan walqabatee raafama keessa jiru.

Bakka bu'aa ummataa kan ta'e Loord Piitar Maandalsan Leebar Paartii keessaa baheera.

Sanadoonni kunneen namni kun Eppistiin waliin hariiroo qabaachuu akeekuu hordofee, "qaanii dabalataa uumuurra" jechuun Paarticha keessaa of akka baases ibseera.

Gama kaaniin ammoo, intalli mootii Nooraway Meetee-Maariit maqaan ishee si'a dhibba tokkoo ol sanadii Eppistiin kana keessatti ka'uu hordofee gochishee "kan dorgorame ture" jettetti.

Ministirri muummee biyyattii Joons Gaar Istooram yaada intala mootii kana waliin akka walii galu ibseera.

Intalli mootii Noorway Meetee-Maariit baroota 2011 hanga 2014tti Eppistiin waliin walqabsiisee maqaan ishee si'a dhibbaa ol ka'uu sanadiin Waajirri Haqaa Ameerikaa ifa godhe ni mul'isu.

Ilmi inatala mootii umuriin isaa waggaa 38 ta'e Maariyees, Borg Hooyibii yeroo yakka dirqamaan gudeeduufi miidhaa geessisuun himatametti sanadoonni Eppisiin ifa ba'uun maatii mootota kana caalaatti saaxiluun isaa ibsameera.

Sanadoota ifa ba'an keessatti maqaan isaa kan eerame bakka bu'aan ummata UK Loord Piitar Maandalsan bara darbe ambaasaaddarummaa Ameerikaatti irra turanirraa ka'uun isaas hariiroo Eppistiin waliin qabanirraa kan ka'eenidha.

Eppistiin bara 2003 hanga 2004 si'a sadii yeroo garagaraatti Loord Maandersaniif dolaara 75,000 kennuun isaa ibsameera.

Loord Maandelsan xalayaa barreessaa Leebar Paartiif ergeen, "sanadoonni dabalataa eppistiin waliin walitti na fidan ifa ba'aniiru. Nan gadda, nan gaabba. Waggaa 20 dura maallaqa akka naaf kenne ibsameera. Kana hin yaadadhu, dhugaadha jedhees hin amanu," jedheera.

"Ta'us qaanii dabalataa umuuurra miseensummaa Labar Paartii keessaa gadhiiseera.

Carraa kanaan dubartoota sagaleen isaanii wagoota dura dhaga'amuun irra tureef gadda natti dhaga'amen ibsa," jedhe.

Sanadoonni Eppistiin sirrii ta'uu isaanii mirkaneeffachuu akka hin dndeenye kanaan dura kan dubbate Loord Maandelsan, Eppistiin waliin akka wal beekanis hin amanne ture.

Miseensi Labar Paartii Goordan Meekeet BBCtti akka dubbatetti, Loord Maandelsan Paartii keessaa ba'uun isaa "murtee sirriidha".

Gama kaaniinintalli mootii Noorway Meetee-Maariit iimeeliiwwan Eppistiin waliin waliif deddeebisan ifa ba'uu hordofee namoota siyaasaa Noorway biratti ijoo dubbii ta'eera.

"Gochi kiyya dogoggora ture. Eppistiin waliin hariiroo kamiyyu gochuu kootiif gaabbeera, waan nama qaanessudha," jetteetti.

Miidhamtoota Eppistiin miidhaa irraan gaheef, "gadda guddaan qabu nan ibsadha, isaan waliin nan dhaabadha," jechuun dubbatte.

Ministirri muummee biyyattiis intalli mootii kun dogoggoruushee ibseera. Ministirri muummee maatii moototaa irrati qeeqa dhiyeessuun kan baratame miti.

Ministirri muummee duraanii Noorway Torbojaan Jaagilaand odola dhuunfaa Eppistiin irratti daawwannaa maatii gochuuf karoorfatee akka ture sanadoonni bahan haaraan ni eeru.

Ministira muummee waliin walqabsiisee yaada kan kenne gaggeessaan ammaa Istooreen, ministirri muummee duraanii "dogoggoree ture" jedheera.