Suuqiiwwan nama malee maamiltoonni amanamummaan itti fayyadaman

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaa Kibbaatti nama halkan wallakkaas ta'u waan nyaatu barbaadeef suuqiiwwan karrisaanii banaadha.
Biyyattii keessatti suuqiiwwan sa'aatii 24f karriisaanii hin cufamu.
Fakkeenyaaf suuqii tokko keessatti ayiskireemii gosa garaagaraatu gurgurama. Kanaafuu firiijiiwwan ayiskireenii qabatan tarree galanii mul'atu. Haata'u malee namni suuqicha eeguus ta'e kan maallaqa fudhu hin jiru.
Namoonni suuqiicha keessa seenuun waan barbaada erga kaasanii booda amanamummaadhaan karaa teknolojiitiin kanfalanii bahu.
Suuqii ayiskiremiin alattis suuqiiwwan tajaajila barreeffamaa, nyaataa beeladoota manaa akkasumas nyaanni suushii jedhamu jaalatamaa kan dhiyeessanis jiru.
Hundisaanituu hojjataa tokkolleen hin qaban. Kan bitatu waan barbaadu fudhachuun maashinaan kanfale baha.
Kutaa magaalaa namoonni itti baayyatu keessattis manneen daldalaa hojjattoota hin qabne jiru.
''Mana dhugaatii akkasii kan hogganuudhaaf namoota 12 hanga 15tu na barbaachisa. Garuu hojjattoota lama qofaan qaba'' jedhu abbaan qabeenyaa mana dhugaatii Suul 24 jedhamu, Obbo Kiim Suung-Re.
Kiim mana dhugaatii sa'aatii 24f tajaajila kennu akkuma jiruutti ta'e maddiitti ammoo daldala biraa gaggeessa.
Kanaan dura jidduugala sana keessaa mana dhugaatii biraa qaba ture. Haata'u malee waan bu'aa argachuu dadhabeef nama dhugaatii 'hojjataa maleessa' saaqe.
Daa'imman muraasa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota kudhan darbaniif ammi baay'ina dhaloota Kooriyaa Kibbaa hir'achuu fi kafaltiin hojjattootaa daluusaatiif akka sababaati kaafama.
Kooriyaan Kibbaa biyyoota addunyaa kanaa hangi baay'ina daa'imman dhalatanii gadaanaa ta'e keessaa tokko. Bara 2023tti baayyinni dhaloota 0.73 ture. Bara darbeerraa kaasee ammoo gara 0.75tti ol guddateera.
Baayyinni ummataa madaalawaa ta'e akka itti fufuuf hangi dhalootaa 2.1tti ol guddachu qaabaata. Biyyatti yeroo dhumaatiif haala baayyina dhalootaa akkasii kan agarti bara 1982tti ture.
Kana jechuunis lakkoosfi namoota hojiidhaaf gara gabaa seenan baayyee gadi bu'aa dhufe. Bara 2000 irraa kaasee kanfaltiin gadaanaan biyyattii dabalaa dhufeera.
Abbootiin qabeenyaa dhaabbileen daldalaa akka Kiim jiranis hojjattootaaf sa'aatiitti doolaara 7 kanfalu.
''Ani kanan mana dhugaatii hojjattoota maleessa baneef sababii kanfalii gadaanaan dabaleefiidha. Kana hundeessuu kanan danda'u karaawwan lamaan. Roobootiidhaan ykn suuqii nama maleessaa banuudhaan'' jedhan Kiim.
Roobootii hojjachiisuuf maallaqa guddaa fi eddoo gaafata. Kanaafiidha Kiim kan mala nama maleessa Automation jedhamu kan filatan.
Tibba weerara kooviidiitti, suuqiiwwan hedduun nama maleessa ta'u eegalan. Kanaanis maallaqa hojjattootaaf kanfalamu qusachuu yoo danda'an, tuxuqaa tibba sana tures eeguu danda'anii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni tokko tokko akka jedhaniitti, dhaloonni haaraan hojii '3D' jedhamuun beekamu hojjachuu hin barbaadan. Hojiin akkasiis kan nama xureessu, balaafamaa, cimaa fi humna guddaa kan gaafatu akka ta'e amanu.
Hojiiwwan kunneenis warshaalee, qonnaa fi hojiiwwan daldlaa shaqaxaa kan ilaalataniidha. Hojiiwwan kunneenis barbaadamummaan saanii hir'ataa dhufeera.
''Dhaloonni dagaggoon magaala keessa jiraachu barbaada. Hojii mataasaa uummachuu malee mindeeffamaa ta'e jiraachu hin barbaadu. Ykn ammoo hojii teknolojii kanfaltii olaanaa qabu filatu'' jedhu Choo Jung-Hun.
Choon miseensa paartii biyya bulchuu Pipilis yoo ta'an, koree dhaabbataa barnootaa keessas jiru.
''Ani akka miseensoota paarlaamaa kaaniitti dhaloota haaraa komachuu hin babrbaadu. Kan barabaadan godhan. Lakkoofsi akka agarsiisuutti waggoota dhufan keessaa hir'inni numna namaa ni eeggata. Asuun achi humna namaa murtaa'aa of eeggannoon qooduu qabna'' jedhan.
Wiirtuun Qorannoo Diinagdee Kooriyaa Kibbaa akka jedheetti, waggoota dhufan 20 keessatti hojiiwwan parsantaa 43 maashinaan bakka bu'u.
Bulchaan suuqiiwwan nama maleeyyii Kuwiin Miin-Jaay Biraawunii jedhamu kan ta'an, dhaabbatasaanii kan hundeessan yeroo kooviidi dhaabbachuuf jedhu ture.
''Maashinna uffata miicuu nama maleessaa, Ayiskireemii, suuqii shaqaxaa, Kaafee fi suuqiiwwan sijaaraa elektironikii bulchaa jirra'' jechuun BBCtti himan.
Suuqiiwwan kunneen nama maleeyyii ta'an illeen, yoo meeshaaleen dhuman guutuu, qulleessuu fi hojiiwwan biraa raawwachuun ni barbaachisa.
''Hojjattoota hojii kana raawwatan qaba. Abbootiin suuqii dhimma kanaa yaaduu hin qaban. Ji'aan doolaara 10 ykn 200 yoo kanfalan ni filatama.''
Abbaan qabeenyaa kun jalqaba hojii kana yoo eegalu suuqiiwwan lama qofaa bulchaa ture. Amma garuu gara suqiiwwan 100 ol bulcha.
Hanna xixiqqoo
Kooriyaan Kibbaa biyya hanni baayyee gadaanaan itti raawwatamu keessaa tokko. Kanaafiidha suuqiiwwan nama maleeyyi kan milkaa'aniif.
''Namoonni tokko tokko osoo hin kanfallee dagatanii bahu. Haata'u malee booda bilbilanii naaf kanfalu. Waa'ee suuqii biraa yoon beeku baadhulleen, maamiltoonni dagaggoonni boorsaa maallaqaa fi bilbilsaanii mijaala irratti dhiisanii socha'u'' jedha Kiim.
Haata'u malee sababii hannaatiin kisaaraan dhufuu akka danda'u hin haalu. Ta'us, hanni kan barame waan hin taaneef kan yaaddeessu miti.
Hammayyaa'uun teknolojii hojiiwwan akka konkolaachisummaa fa'u hojiin ala akka taasisu amanama.
Kooriyaa Kibbaatti yeroo dheeraaf kan karoorsite guddina diingdee waggaa dhibba lamaa itti fufiisuuf bara 2023tti humna namaa dabalataa kuma 890 ishee barbaachisa.
Waldaalee hojjattootaafi seera tumtoonni kun isaan yaaddeessulleen abbootiin qabenyaa suuqii nama maleeyyii kan akka Kiim jira garuu kun carraa gaariidha jedhu.












