Tapha jalqabaan Arsenaal yoo milkaa'u, Liiverpuul qabxii gate

Dorgommii Piriimer Liigii darbeen qabxii tokkoon caalamee waancaa kan dhabe Liiverpuul tapha liigichaa kan bara 2022-23 jalqabaatiin qabxii gate.

Tapha kana irratti Fuulhaam galchii Aleeksaander Miitirovichiin dursa qabatus, Daarwiin Nuunez boqonnaa booda wal qixxeese.

Daarwiin Nuunez jijjiiramee dirree galuun galchii ajaa'ibaa lakkoofsisuun Liiverpuuliin wal qixxeesse.

Taphichi xumuramuuf daqiiqaan 20 yoo hafu balleessaa Virjil Vaan daayik taphataa Fuulhaam Miitirovich irratti hojjeteen, Fuulhaam rukuttaa peenaaliitii argatan.

Miitiroovich galchii lammaffaa isaa lakkoofsisuun 2 fi 1n dursaa turan.

Daqiiqaan 10 yoo hafu Mohaammad Saalaan kubba Daarwin Nuunez irraa dabarteef galchiitti jijjiiruun wal Liiverpuuliin wal qixxeesse.

Taphicha irratti gareen Fuulhaam bara kana gara Piriimer Liigiitti guddate gahumsa gaarii agarsiisuun 2 fi 2 qixa xumurame.

Hanga boqannaatti Liiverpuul yaaliin gara galchiitti godhan baay'ee xiqqaadha.

Gareen Maarkoo Siilvaa, Fuulhaam tapha bareedaa dirree isaanii irratti agarsiisaniiru.

Gama Liiverpuuliin Luwis Diyaaz yaaliin gara galchiitti taasise tokko dhaabbii karra Fuulhaam dhahuun deebe.

Boqonnaa booda Liiverpuul taphataa paawondii miliyoona 85niin mallatesise Daarwiin Nuunez galche.

Nuunez sochii gaarii agarsiisuun galchii baay'ee bareedaa tahe lakkoofsisuun Liiverpuul wal qixxeesse.

Dorgommii Priimer Liigii 2022/23 kaleessa jalqabeen Arsenaal fi 2 fi 0 Kiristaal Paalas mo'achuun milkiin jalqabe.

Galchii Piriimer Liigii jalqabaa bara kanaa kan lakkoofsise taphataa sarara duraa Arsenaal Gabri'el Maartineeliidha. Galchii lammaffa ammoo karra isaa irratti tahus taphataa sarara ittisaa Kiristaal Paalaas Guyii jedhamudha.

Maayil Arteetaan bara kana taphattoota haaraa shan mallatesisuun garee isaa cimseera. Tapha kaleessaa irrattis gahumsi Gabri'el Yesuusii fi Oleksaader Ziincheenkoo taphattoota Maan Siitii irraa mallateessanii guddaa ture.

Har'a taphootni eegaman:

  • Barnimawez v Astoon Viilaa
  • Liidsi V Woolvis
  • Niwkaastil v Nootiingihaam Foorest
  • Tootenahaam Saawuzhampitan
  • Everteen v Cheelsii- giduutti eegama.