Kilaboonni Pirimiyer Liigii maaliif fuula isaanii Eeshiyaatti deeffatan?

‘’Ani amantii hin qabu. Liivarpuul garuu amantii kooti. Anaaf sarara jireenyakooti.’’ 

Kan kana jedhu Vijaayi, dhaloonni isaa Singaapporidha. Bakki inni jiru dirree Liivarpuul irraa 11,000km fagaatee argama.

Kilabiin inni jaalatu magaalaa keessa dhalate akka daawwatu bara 2011 eegalee eegaa ture.

Seenaan kuni garuu kan isaa qofa miti. Guyyoota muraasa dura yeroo Liivarpuul Kiristaal Paalaas waliin tapha michummaa taphate deeggartoonni 50,000 ol dirree Singaappoor guutaniiru.

Erga weerarri koronaavaayirasii salphate as kilaboonni Ingiliiz qophii dorgommii duraaf biyyoota garagaraatti imaluun taphachuutti jiru.

Bu’aa gama maallaqaan imalli kuni isaaniif fidu baruun rakkisaadha. Maanchistar Yunaayitiid bara 2021 dolaara miiliyoona 56 dhabuu himeera.

Sababi ‘‘ijoo‘‘ jeequmsa koronaavaayirasiini. Fakkeenyaaf imalli Hindiitti taasifamuuf ture akka haqamu ta’e.

Amma uggurri ka’eera. Kilaboonnis bakka gabaa guddaa qabna jedhanitti imala taasisaa jiru.

Hojii gaggeessaan kilabii Liivarpuul Bilii Hogaan‚‘‘Eeshiyaan gama baay’ina deeggaraan filmaata keenya duraati‘‘ jechuun BBC’tti dubbatan.

‘’Deeggartoota addunyaarra qabnu keessaa 1/3ffaan asitti argama. Eeshiyaa keessa carraan bal’aa akka jiru nutti dhagahama.’’

Dhiibbaa idil-addunyaa

Ganna kana Maanchistar Yunaayitiid gara Awustiraaliyaafi Taayilaand fuula deeffate. Liivarpuliifi Kiristaal Paalaas waliin tapha michummaa taasiseera.

Totanhaam Hotispar immoo gara Kooriyaa Kibbaa imale. Taphataan isaa ijoo Son Heng Miin biyyi isaa Kooriyaa Kibbaadha.

Ija ispoortiin imalli kuni faayidaan qabu hammana miti.

Imalli isaanii biyyoota yeroo zoonii [time zone] gara garaa qabanitti balali’uu, yeroo dheeraa imaluu, ho’a olaanaafi qorra keessa shaakala taasisuu dabalata.

Kuni dorgommii liigii keessa qabaniif isaan hin fayyadu.

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp ''waanan filadhu miti,’’ jechuun gaaffii BBC irraa dhihaateef deebisan.

Dhimmi kuni yeroo dheeraaf dhimma falmisiisaa akkuma ta’etti jira. Garuu dhimmi faayinaansii mo'eera.

Ragaawwan haaraa waggaa kana keessa bahan akka mul’isanitti liigiin Ingilizii kanneen tapha sadarkaa idil-addunyaatti dabarsanirraa galii olaanaa argata.

Kuni yeroo jalqabaaf galii kuni galii gabaa Ingiliziirraa argamu kan caaludha.

Bara dorgommii dhufu hanga 2025 jiru keessatti gabaan Eeshiyaa dolaara biiliyoona 1.4 akka ta’u eegama.

Totanhaam yeroo Kooriyaa kibbaa deeme tapha michummaa garee taphattoota ciccimoo kilaboota biyyattiirraa bahan waliin taphate.

Tikkeeti taphichaa daqiiqaa 25 keessa gurguramee dhume. Seenaa biyyattii keessatti walmorkii ispoorti tamsaasa olaanaa argate ta’eera.

Qopheessitoonni dorgommichaa Baankok jiranimmoo tapha Maanchistar Yunaayitidiifi Liivarpuul gidduu taasifamu daawwachuuf gatiin tikkeetii dolaara 136 irraa akka eegalu taasisaniiru.

Singaapporitti tikkeeti rakasa jedhame dolaara 107'n gurgurame.

Gatiiwwan kunneen tapha liigii Ingiliziif kanfalamuun yeroo walbira qabamu olaanaadha.

Dubbii Himaan Liivarpuul ''gatii tikkeeta kanneenii nuti hin murteessine. Nuti kaffaltii nuuf murtaa’e fudhanna. Nuti galii tikkeetarraa gahee homaatu hin fudhannu,’’ jechuun BBC’tti himan.

Galii Eeshiyaa

Kilaboonni Ingilizii taphoota michummaa akkasiirraa galii hammamii akka argatan hin beekamu. Sababni isaas ragaan waan dhoksaan qabamuuf.

Miidiyaa SportBusiness‘tti editarri Eshiyaa-Paasifikii Keevan Maakulaah akka jedhutti kaayyoon imala kilaboota kanaa galii egereeti.

‘’Kunis maqaa gaari tolfachuuf, gabaa tamsaasa TV fi waliigaltee ispoonsaraa argamsiisu keessa hirmaachuufi. Maallaqni sirrii isa kanadha,’’ jechuun ibsa.

Liivarpul yeroo Singaappor turetti waliigaltee uffata taphattootaa dolaara miiliyoona 240 gahu mallatteesseera.

Kilaboonni kubbaa miilaa sadarkaa isaanii guddisuun alatti ragaa deeggartoota qaban kanneen maallaqaan isaan deeggaraniif dhiheessu.

''Ispoonsaroonni gurguddoo gaaffiin jalqabaa isaan gaafatan odeeffannoo waa’ee deeggartoota [kan kilabootaa] isaaniiti,’’ jechuun ibsu.

‘’Maallaqa isaanii baasuu dura kilaboonni deeggartoota meeqa akka qaban, umrii, dhiira, dhalaa, hamma galii qaban, akkasumas kan kana fakkaatan baruu barbaadu.’’ 

Liigiin Ingilizii maallaqa hedduu akka sassaabu kan isa dandeessise garuu gabaa televijiniiti.

Morkiin pirimiyeer liigichaa, amala/aadaa deeggartootaa, Afaan Ingilizii ta’u walitti dabaalamee, sadarkaa idil-addunyaatti hordoftoota biiliyoona 3.2 akka walitti qabu taasiseera.

Liigii baay’inaan daawwatame akka ta’us taasise.

Pirimiyeer Liigichi akka jedhutti walakkaan deeggaraa liigichaafi daawwataan TV 1/4ffaa Eeshiyaa Paasifiikitti argama.

Kuni kan ta’e taphi hedduu osoo isaan biratti barii taphatamuuti.