Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haadha Keeniyaa aannan harmashee litiiriin haadholii rakkataniif arjoomtu
Chelimoo Injorogee guyyaa firiijiin ishee baay'ee itti guutee cufamuu dadhabdee akka ture yaadatti. Ofii aannan harmaa namaaf kennamaa?
Eeyyeen kun Keeniyaatti ta'eera. Lammiin Keeniyaa Chelimoon haadholii dahanii sababii garaa garaatiin harmiisaanii aannan godhachuu dideef arjoomaa jirti.
''Guyyaa tokko firijiinkoo guutee kan obboleettii kiyyaan fayaydamuu eegale'' jetti kolfaa.
Dubartiin waggaa 36 fi haadha ijoollee lamaa kan taatee Chelimoon harmishee garmalee aannan akka yaasuu hubatte. Erga mucaashee hosifteen booda torbanitti aannan leetira baayyee akka maddiisiiftu himte.
Kana erga hubatteen boodas akkasumaan balleessurra arjoomuu eegalte.
Cheelimoon gara waggaa tokkoof callistee namoota biroo gargaaraa kan turte yoo ta'u, aannan harmashee baa'yinaan maddu haadholii hawaasashee keessa jiran saddeet, hiriyyoota yeroo dheeraafi kaaniif kennaa jirti.
Haadholiin kaan viidiyooshee erga toora interneetii irratti arganii booda harka isaanii diriirsaniifis kennaa turte.
"Yeroo aannan harmashee firiijii keessa olkeessuun TikTokii irrattin dinqiisiifadhe," jetti Mariyaaan Kibindaa, namoota aannan harma Chelimoo fudhatan keessaa tokko.
"Achii barreesseefiin 'nagaa jirtaa? jedheen. Annaniin barbaadan jedheen. Akkasiin eegale'' jetti.
Chelimoo ammas guyyaatti aannan harmaa liitirii hedduu arjoomti. Osoo mucaashee hoosiftuu battalumatti akka deebisee aannan harmashee guutu himti.
Haatii kuun amma haadhoolii kaaniif haa arjomtu malee, jalqabarratti Chelimoon harma hoosisuu haala gaariin hin jalqabne turte.
Garuu utuu hin turin, harmishee aannan baasuu itti fufe, saffisaanis kan isheen kuusuu dandeessu caalaa dhufe.
"Yeroo imala araasummaa kootti inni baayyeen, aannan harmaa dhalattoota 50 kutaa daa'imman keessatti argaman hoosiisuu gahaa ta'en qaba ture," jetti.
Achiinis muuxxanooshee kana TikTok irratti maxxansuu eegalte.
Waa'ee rakkoo miiraa fi qaamaa harma hoosisuu wal qabatee mudatu, akkasumas gorsa kuusaa fi qulqullina aannan harmaa kennuu eegalte.
Jalqaba irratti viidiyoon ishee namoota muraasa qofatu ilaalama ture. Amma namoota garuu hordoftoonni ishee 16,000 ol gahan.
Hordoftoonni ishee tokko tokko akkuma ishee kan aannan harmaa baayyee qaban yoo ta'an, kaan immoo warra abdii kutatanii deggersa barbaadaniidha.
"Haadholiin aannan harmasaanii arjoomuu barbaadan baay'eedha. Akkasumas namoonni annaicha argachuu barbaadanis baayyeedha," jetti.
Keeniyaan baankii aannan namaa beekamaa tokko qabdi. Innis, Hospitaala Da'umsaa Pumwaanii Naayiroobii keessatti argama. Haata'u malee, arjoomtoota kan simatu haadholii dhukkubsattoota mana yaalaa keessa jiran qofa yoo ta'u, aannan kun daa'imman hospitaala jiraniif qofa kan ooludha.
Kunis dubartoota akka Chelimoo jiran filannoo idilee ittiin arjoomanii muraasa qofaa akka qabaatan taasisa.
"Kuusaa aannan harmaa haadholii baayyee dhiyeessan irraa argamu keessa olkaa'amu hin qabnu," jetti.
Baankii aannan harmaa biyyaaleessaa
Daarektarri Nyaataa Kaawuntii Naayiroobii, Estar Kwambokaa Mogusuu, karoorri kunis dandeettii Hospitaala Da'umsaa Pumwaanii babal'isuun wiirtuu olaantummaa akka ta'uuf akka ta'e dubbatti.
"Hospitaalaan alatti magaalattii keessatti baankii aannan namaa lama dabalataan hundeessuun daa'imman hosipitaalaan alatti argaman deeggaruuf akka dandeenyuuf dhaabuuf jirra," jetti.
Ministeerri Fayyaa mootummaa Kaawuntii Naayiroobii fi PATH waliin ta'uudhaan, guutuu biyyattiitti arjomtoota aannan namaa nageenya qabu argachuu dandeessisuuf madaallii gaggeessee jirra jedhan.
"Baankii aannan namaa dabalatee, jalqabbii 'Mother Baby Friendly Initiative Plus (MBFI+)' jedhamu gara dhaabbataatti jijjiruuf tattaaffii godhamuun, Ministeerichi Imaammata Nyaata Biyyaalessaa haaraa qopheessuu jalqabeera," jetti Ministeera Fayyaa Keeniyaatti Daarektarri Tajaajilawwan Nutiriishiniifi Sirna Soorataa Saayinsaawaa Veeroonikaa Kiroogoo.
"Imaammatichi haala nyaata daa'immanii fooyyessuuf baankii aannan namaa akka waan murteessaa ta'etti beekamtii kan kennu yoo ta'u, sirna eegumsa fayyaa daa'immanii fi deessuu bal'aan keessatti akka makamuuf qajeelfama ni kenna."
Ogeettiin deessiftuu fi harma hoosisuu, Meerii Maateenge, dhiyeessii irratti qaawwi akka jiru waliigalti garuu of eeggannoo akka barbaachisu gaafatti.
Waggoota afurtamaa oliif haadholii harma hoosisan waliin kan hojjetaa turte yoo ta'u, Keeniyaan arjooma aannan harmaa nagaan bulchuuf sirna biyyoolessaa akka barbaaddu amanta.
"Daa'imni kamiyyuu aannan namaa nama kamirraayyuu argachuu danda'a," jetti.
"Haata'u malee, wanti dhiigaan darbuu danda'u kamiyyuu aannan harmaatiinis darbuu danda'a. Kanaafuu haati qoratamuu qabdi."
"Sirni aannan arjoomame ittiin sakatta'uu, hordofamuu fi kuufamuun jiraachuu qaba. Haala kanaan daa'imman hedduun fayyadamoo ta'uu danda'u karaa nagaatiin."
Chelimoo aannan harmashee hafe yeroo tokko tokko haala ogumaman guutameetti akka fayyadamte dubbatti, kunis sababii gogaa daa'imaa akka tolchu amanamuuf dhaqinaan dhiquu dubbatti.
Haata'u malee, irra caalaansaa maatii sababoota adda addaatiin daa'imman isaanii hoosisuuf rakkachaa jiraniif dhaqa.
Tattaaffiin ishee kunis toora interneetiirratti kan leelliifame yoo ta'u, maqaa masoo Ergamtuu Warqee Dhanagala'aa ("The Liquid Gold Angel") jedhun moggaafameera.
Haata'u malee Chelimoon kun waa'ee kanshee qofa akka hin taane namoota yaadachiisti saffiisaan.
"Kunis imala Chelimoo qofa miti," jetti. "Haadholiin akka koo baay'eedha."
Yeroo dhumaaf balbala firijiishee yeroo cuftuutti, marii dhimma arjooma aannan harmaa cimsee akka itti fufuu fi haadholiin hedduun sirna nageenya qabu, sirnaa aannan kennuu fi fudhachuuf akka argatan abdii qabdi.
"Ergaan koo haadholii harma hoosisan birootiif kennu immoo itti fufaa kan jedhuudha."