Dhaabbanni gargaarsaa USAID akka cufamu Tiraamp waliigaleera- Eloon Maask

Dureessi US fi bulchiinsa Tiraamp jalatti bu'a qabeessummaa dhaabbilee Federaalaa kan to'atu Eloon Maask ejensiin gargaarsaa guddicha biyyattii, USAIDn cufamuurratti Pireezidant Doonaald Tiraamp waliin waliigalteerra gahamuu beeksise.

Maask Wiixata har'aa ganama fuula X gubbaatti yaada maxxanseen ''suphaamu kan danda'uun ol babbadeera'' jechuun dhaabbanni US baroota dheeraaf biyyoota guddachaa jiraniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuufi hojii misoomaa deeggaruun beekamu cufamuuf akka deemu beeksise.

Abbaan qabeenyaa X, Teslaafi SpaceX, Eloon, koree Tiraamp baasii waajiraalee federaalaa xiqqeessuuf hundeessan walitti qabuutti jira.

Koree kana irratti duressi addunyaa kun dhaabbata gargaarsaa United States Agency for International Development (USAID) cufuuf hojjechaa akka jiran hime.

Maree X gubbaatti godhame tokkorratti dhimma hojjetoota USAID ilaalchisee pirezidanticha waliin bal'inaan mariyanneerra, cufuu akka qabu irratti waliigalleerra'' jedhe.

''USAID dhaabbata yakkamaadha. Amma yeroo itti du'udha'' jechuunis X gubbaatti maxxanse.

Maxxansa Maask kana booda waajirri muummee USAID Waashingitan DC jiru Wiixata kana cufamuufi hojjettootnis akka hojii hin seenne itti himamuu Rooyitarsi gabaaseera.

Ergaan iimeelii hojjettoota waajirichaaf Wiixata ganama ergamee fi Rooyitarsi arge ''qajeelfama hooggansa ejensichaarraa darbeen waajirri muummee USAID Waashingitan DC gamoo Roonaald Reegan irra jiru wiixata Bitootessa 3, 2025 hojjettoota ejensichaaf cufaa ta'a'' jedha.

Ergaan kun cufaa ta'ee kan itti fufu ta'uu hin eeru. Ergaan biraan akka isaaniif ergamu garuu akeekeera.

Dilbata darbe bulchiinsi Tiraamp aanga'oota nageenyaa USAID lama aangoorraa kaasuu Rooyitarsi maddeen sadii waabeffachuun gabaaseera.

Sababni isaa ammoo namoonni kunniin waajira Eloon hoogganu (DOGE) irraa ergaman kutaa waajira USAID dhorkamaa ta'e akka galan hayyamuu diduu isaaniiti.

USAID maallaqa gargaarsaaf oolchuun dhaabbata gargaarsaa guddichaa addunyaati. Bara bajataa 2023 keessa US doolaaa biliyoona 72 karaa dhaabbata kanaa baasii gochuun biyyoota addunyaa garaagaraa keessatti fayyaa dubartootaa irraa qabee hanga bishaan dhugaatii qulqulluutti, namoota waraanaan miidhaman gargaaruurra aqabee hanga HIV/AIDS qolachuutti hojjeteera.

Bara 2024 keessa konkolaattota deeggarsa namoomaa fe'an Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii dhiyeesse keessaa dhibbeentaan 42 gama USAID dhufe. Dhaabbatichi guutuu addunyaatti hojjettoota 10,000 ol qaba.

Atakaaroo hooggantoota bu'aqabeessummaa dhaabbilee federaalaa to'aturraa dhufan wajjin mudate hordofee Sambataafi Dilbatas marsariitiin usaid hin hojjetu.

Tiraamp irra deebiin pirezidantii US ta'uun kakuu raawwachuu booda qabeenyi dhabbilee gargaarsa alaa biyyattii hedduun akka hin sochoone dhorkaniiru. Sababni ammoo imaammata isaanii America First jedhuun baasii xiqqeessuudha.

Dhorkaa kaahame kanaan hospitaalli godaantotaa Thai, iddoo waraanni jirutti hojiin fanjii dhabamsiisuu fi waldhaansi dhibeewwan akka HIV sodaa dhaabbiidhaan cufamuu jala galaniiru.

Maask waayee hamma maallaqaa US baasaa turteefi amma hambisuuf karoorsitee yoo dubbatu hanga tiriiliyoona tokkoo akka siiqu beeksise.

Himannaa hojimaata badaa dhaabbaticha keessa jiruu wayita ibsu ''appilii raammoo ofirraa qabu qofa osoo hin taane USAID kan raammoodhaan guute'' jedhe.

Waraana gaaga'aa waggoota lamaaf Kaaba Itoopihyaatti gaggeeffamaa ture irraa uummata nagaa beelaafi rakkoolee kaanirraa bayyanachiisuuf dhaabbilee gargaarsaa adda dureen hirmaatan keessaa tokko USAID ture.

Sababa deeggarsi namoomaa miidhamtootaaf ergamu gara darbaa jira jedhuun deeggarsa dhiyeessuun akka adda citu murtaassitee ture.

Murtee US kanas dhaabbileen gargaarsaa idila addunyaa biroon hordofuun gaaga'amni namoomaa hamaan gahuuf osoo sodaatamuu, qarannoo dheeraafi watwaannaa hedudu booda akka itti fufu murtaa'ee ture.