Riifensa wiigiidhaan dhahachuun miidhaa akka qabaatu beektuu?

Yeroo baayyee ijoolleen shamarranii umurii xiqquummaarraa kaasuun rifeensa isaanii shurrubbaa dhahatu. Darbee darbees dhiiroonnis daabee yoo dhahatan mul'ata.
Rifeensi dhahachuun kunis keessattu Itoophiyaa dabalatee dubartoota gurraachoota baay'ee biratti baramaafi jaalatamaadha. Haata'u malee, dhiibbaa inni fayyaa keenya irratti qabu irratti gaaffiin ka'aa jira.
Aadaadhaan dubartoonniifi shamarreen riifensa umamaasaanii kan dhawatan yoo ta'u, kaan ammoo wiigii dheeraa itti dabaluun dhawatu.
Adeemsi rifeensa wiigiidhaan dhawachuu kun yeroo tokko tokko hanga sa'aatii shanii fudhachu akka danda'u himama.
Hanga fe'e sa'aatii dheeraa kan fudhatu ta'us, yeroo hundumaa shurrubbaan dhawachuun mijataa ta'uu wajjin hidhata guddaa qaba jedhu.
Shamarran yeroo guddachaa adeeman ammoo, qophiilee akka shinooyyee fa'i ykn tibba qormaataatti rifeensa dhawatu.

Madda suuraa, Chelsea Coates
Haata'u malee qorannoo haaraan tokko rifeensi wiigii dubartoonni gurraachi hedduun fayyadaman fayyaa isaaniif miidhaa hamaa qabaachu agarsiisa.
Dhaabbanni miti mootummaa Ameerikaa 'Consumer Reports' jedhamu saamuda rifeensa sinteetikii biraandii baay'ee beekamaa ta'e kudhan irraa fudhee qorateen, hundi isaanii kaansarii kan fidan, yeroo tokko tokko ammoo liidiin akka of keessaa qaban argateera.
Qorannoon kunis waa'ee balaa rifeensa keenya keessatti dhokateera jedhame akeekkachiiseera.
Shamarreen maqaanshee Roocheel jedhamtuufi kan ji'a ji'aan ofiisheetiin rifeensa shee dhooftuus dhimma akkanaaratti yaada kenniteetti.
''Shurrubbaan yeroo baayyee tooftaa ittisaa jedhamuun beekama'' jetti.
Kunis jecha yeroo baayyee rifeensa Afroo hedduu ibsuuf itti fayyadamnudha, kanneen akka shurruubbaa fi wiigii dabalatee, kan rifeensi kee wantoota biraatiif hamma saaxilamu hir'isuu fi kan dhaabbataan gara duubaatti muramuudha.
"Akkaataan kun hanguma nu gargaaruun dhugumatti nu miidhaa jira, dhugumatti anaaf baay'ee waan haaraadha."

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hubannoo dhabuun dubartoota gurraachotaa baay'ee kan yaaddessu ta'uus dabaltee dubbatti.
"Namoonni nyaata fayyaaleessa hin taanee nyaachaa jiran ykn tamboo xuuxan, wanti isaan hojjetan qaamasaanii miidhuu akka danda'u ni beeku. Garuu, yoo rifeensa keessan keessa 'wiigii sentetikii' kaa'aa jirtan garuu akka isin miidhu hin yaaddan."
Hogganaan qorannoo nageenya oomishaa dhaabbata 'Consumer Reports', Jeems Roojars, dubartoonni rifeensi isaanii yeroo tokko tokkoo ji'aaf oliif kan wiigii sentetikii godhatan ta'e, keemikaalota miidhaa geessisan waliin ''yeroo hunda tuttuqaa'' kanneen qabaataniif bu'aan qorannoo kanaa yaaddoo ta'uu dubbata.
"Yeroo keemikaalota miidhaa geessisan hundaaf saaxilamtaniitti, kuufamudhaan miidhaa kan qaqabsiisu akka ta'e amanna, hundi isaa walitti dabalama."
Haata'u malee qorannoon dabalataa akka barbaachisu cimsanii ibsuun, "Kun sadarkaa dambii qofa osoo hin taane, hawaasa keenya gidduuttis waa'ee odeeffannoo sirrii qooduu irratti mata duree marii jalqabaa akka ta'u abdii qabna."

Namni ogummaa riifeensa dubartootaa Josee kaaba Landanitti argamu, qorannoon kun maamiltoota akka hin dhorkine beekamaadha.
Josee fi obbolaan durbaa ishee Abigaa'elii fi Naa'oomiin, kanneen saaloonii keessatti ishee waliin hojjetan, maamiltoota haaraa irraa fedhii argataniiru. Keessumaa erga isaan wiigii 'Elphaba' fiilmii 'Wicked' jedhamu irratti godhatan hojjatanii booda, fiilmiiwwan bara 2024 galii guddaa argatan keessaa tokko kan ta'e, beekkamtii argataniiru.
"Namoonni hammam akka nuti 'shurrubbaa hojjachuu' keenyaan ogummaa haaraa akka wal simsiisuu dandeenyu irratti ajaa'ibsiifataa jiru," jechuun Abigaa'el BBCtti himti. Haatishee maamiltoota irraa ergaawwan hedduu akka isaan boonsan itti himan akka argatte dubbatti.
Josee akka jetutti, argannoon qorannoo kun ''yaaddoo ta'us, saaloonii saanii keessatti garuu hojiin haaluma barameen adeemaa jira.

Maamiltoonni ishee tokko tokko garuu qorannoo kanaan raafamaniiru.
Keeliin-Ann yeroo jalqabaatiif saaloon Josee keessatti kan riifeensa ishee hojjechiifte, garuu ijoollummaa ishee irraa kaasee akkaataa kana hojjatatti turte.
Qorannicha erga dubbisteen booda gantummaan akka itti dhaga'ame natti himti: "Dhaabbiileen waggootaaf dubartoota gurraacha irratti kana gochuun isaanii waan suukaneessaa natti fakkaata, waan kanarra fooyya'utuu nuuf mala jedheen yaada."
Amma maqaawwan keemikaalota miidhaa geessisanii fi wiigiiwwan pilaastikii irraa bilisa ta'an barbaadaa jirti. Hiriyyoonni ishee hedduunis akkasuma ishee hojjechaa akka jiran dubbatti.
"Dubartoonni ani waa'ee kanaa dubbise hedduun baayoogiraabiliin akka wayyu waliigalaniiru - pilaaneetiifis gaariidha."

Ifeanyi ijoollummaa ishee irraa kaasee wiigii kan hojjataa ture yoo ta'u, yeroo barnoota yunivarsiitii barachaa turteetti wiigii godhachuun akkaataa salphaa fi mijataa ta'e akka ta'e dubbatti.
Isheenis qorannoon kun sodaachisaa akka hin taane kan falmitu yoo ta'u, namoonni guyyaa guyyaan, nyaata qophaa'aa, alkoolii fi tamboo keessatti, wantoota kaansarii uumuu danda'an waliin wal qunnamuu akka danda'an akeekti.
"Of eeggannoo gochuu qabaachuun barbaachiisaa ta'unsaa ifaadha. Garuu, akkaataa ykn rifeensa guutummaatti dhiisuun dirqama miti jedheen yaada."
Maxxansi miidiyaa hawaasaa irrattisheen argite "namoota kan sodaachisuudha" jechuun yaaddoo qabdi, kunis abbootii qabeenyaa indaastirii rifeensa gurraacha irratti hojjetaniif madda galii murteessaa waan ta'e kan miidhudha jetti.
Bara 2021tti 'Treasure Tress', dhaabbanni UK keessatti rifeensa gurraachi irraa bitamu, dubartoonni gurraachonni lammii Biriteen waggaatti oomishaalee rifeensaatiif Puwndii miiliyoona 168 akka baasan argateera.
Qorannoon kanaan dura L'Oreal gaggeesse akka agarsiisutti ammoo, dubartoonni gurraachonni UK keessatti dubartoota adii caalaa dachaa jahaan rifeensa isaanii irratti baasii baasu.
"Ani akka dubartoota gurraachaatti gochoonni seenaa, aadaa keenya dogoggoraa darban nutti himuu caalaa, wantoota nuuf nageenya qabaatan mirkaneessuuf kutannoo caalu arguun barbaada," jetti Ifeanyi.

Madda suuraa, Tendai Moyo
Gariin isaaniif ilaalchi rifeensa sinteetikii irratti qaban jijjiiramuun carraa daldalaa banaa jira.
Tendaayi Mooyoon bara 2021'tti mana 'Ruka Hair' kan rifeensa uumamaa Kibba Baha Eeshiyaa irraa argamurra hojjetame, akkasumas rifeensa sinteetikii biyyoodhaan manca'uu danda'u, kolaajiinii faayibaritiin hojjetame irratti ispeeshaaliiz godhe hundeessite.
Keessattuu US bakka qhaalaan orannoon kun itti maxxanfame keessatti "fedhiin dabaluu" akka argan himti.
Garuu ammoo kanas yaaddoo qorannoo haaraa kanaan ka'e bira darbuun akka qaama adeemsa bal'aa diriireetti tokkootti ilaalti.
"Weerara vaayirasii keessa jalqabne, namoonnis gammachuun jaalatan. Garuu saalooniiwwan cufamanii jiru' jedhanii turan, ta'us namoonni sababii rifeensa isaanii hojjechiifataniif gurguraatuma turre."
Dubartoonni gurraachonni yeroo dhokraa kooviidiitti rifeensa isaanii irratti caalaatti "yaalii gochuu akka waan turanii" fi oomisha haaraa yaaluuf fedhii guddaa akka qaban himti.

Maqaawwan rifeensa sinteetikii aadaa kanneen hawwatan keessaa tokko garuu gatiinsaa xiqqaa ta'usaa yoo ta'u, kunis waggootaaf akkaataa fi halluu adda addaa yaaluun gatii madaalawaa taasiseera.
Garuu biraandiiwwan haaraan gatiisaanii olaanaa ta'u kan dubbattu Teendaayi, gosti rifeensa sinteetikii 'Ruka' baay'ee beekamaa ta'e kanneen eessattuu argaman caalaa gatii dachaa 2.5 akka caalu natti dubbatti.
Ifeanyi akka barattuutti, biraandiiwwan akka Rukaa isheedhaaf baayyee kan hin yaalame ta'u dubbatti: "Rifeensa kana bitachuuf maallaqa hanga akkaataa rifeensa itti dhawwattuu sababii si gaafatuuf gatiinsaa dachaa lamaan dabalaa jira."
Tendaayi kana kan falmtiu "nyaata saffisaa fi nyaata fayya qabeessa" gidduudhaa tokko filachuu wajjin wal bira qabuudhaan.
Itti dabaluudhaanis: "Dhugumatti yoo barbaaddan oomisha keenya irra deebi'anii fayyadamuu dandeessu, kanaaf haala sanaan maallaqa qusachaa jirtu jedhuudha," jetti.

Yoo gara Saaloonii Jooseetti yoo deebiinu, Naa'omiin shurrubbaa dhawuun madda galii barbaachisaa ta'usaa qofa osoo hin taane, shaakala aadaa kabajamaa maatii ishee walitti fidu akka ta'e natti himti.
"Umuriikoo waggaa 6 irraa kaasee daa'ima shurruubbaa ('braid baby') jedheen of waama," jetti. Maatiin ishee ogummaa kanaaf ilaalcha gaarii akka qaban dubbatti.
Itti dabaluudhaanis, "Tajaajila nama aangeessuudha," jechuun, itti dabaltee, hojii dubartoonni biroo akka bareedanii mul'atan isaaniitti akka dhaga'amu godhu hojjechuun akka nama gammachiisu dubbatti.
Dhiibbaa shurruubbaa dhawachuun kun fayyaa keenya irratti fiduu danda'u ilaalchisee yaaddoo guddachaa dhufus, maatii kanaafi dubartoota gurraachota biroo hedduudhaadhaaf, waan dhaloota irraa dhalootatti darbaa jiruufi hojii qaaliidha.
Akkuma Ifeanyi jettuutti: "haalli dheerina jijjiiramuu danda'a, haata'u malee, shaakala 'riifeensa dhawachuun' eessayyuu waan deemu natti hin fakkaatu."












