Itoophiyaa dabalatee bareedduwwaan addunyaa wal dorgomaa jiraniin wal baraa

Bareedduwwan Adunyaa dorgomaa jiran

Madda suuraa, SM

Dorgommiin Baredduu Addunyaa bara 2025 (Miss World 2025) marsaa 72ffaa Indiyaa giddugala agarsiisaa HITEX Hayderabad, Telanganatti gaggeeffamaa jira.

Bareedduwwaan Addunyaa biyyoota adda addaa108 ta'an dorgomichaa irratti hirmaachuun bareedduu addunyaa bara darbee lammii Cheek Rippabiliik irraa goonfoo fudhachuuf wal dorgomaa jiru.

Dorgommiin xumuraa Caamsaa 31, 2025 kan taasifamu yoo ta'u, hanga yoonattis dorgomii torban tokkoo oliif tureen calalallii marsa adda addaa gaggeefamuun dorgomtoonni xumuraa 24 ifoomaniiru.

Isaan keesssaa bareeddun Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaatte Hasset Darajjee kanneen 24 kana keessatti filaman keessatti hammatamteetti.

Dorgommii miidhagina qaamaa qofa utuu hin taane,dandeettii addaa baay'ee cimaa ta'e gaafatuu fi karoora pirojeektii hawaasa keessatti jijjirama fiduu danda'u qabaachuu gaafatu kana keessatti dorgommi akkamii taasisaa akka jirtu Hasset Darajjee Jimaata darbe BBC' tti himtetti.

Dorgommii calallii marsaa itti aanuu kan bareedduwwan kudhan qofti xumuraaf ittiin darban keessa seenuufis qophii taasisaa akka jirtu turtii BBC waliin taasifteen dubbatteetti.

Baredduu Itoophiyaa bakka bu'uun bareeddu addunyaa 2025 dorgomaa jirtu

Madda suuraa, Hasset Dereje

Hasset Dereje shamarree ganna 19 yoo taatu, Yuniversitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinnetti, barattuu keemikaalaa injinariingiiti.

Dorgommii callallii bareedduu Addunyaa kan kanaan dura Afrikaa kibbatti taasifame ture injifachuun Itoophiyaa bakka buutee bareedduu addunyaa marsaa 72ffaa Hindii Hayidaaraabaaditti gaggeeffamu irratti hirmaate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaa ishee konkolaachisaa fi haadhashee miseensa poolisii ta'an irraa magaalaa Finfinneetti kan dhalatte Hasset, barnoota isheen alatti fedhii muuziqaa, moodeliingii fi tajaajila hawaasaa irratti qabdun carraa kanaaf ga'uu akka dandeesse himti.

Kanaanis yuuniversiitii fi dorgommii bareedinaa sadarkaa biyyaatti gaggeefaman keessatti hirmaachuu kan eegalte yoo ta'u, milkaa'inaa fi muuxannoo biyya keessatti argatteen aadaa fi eenyummaa Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti beeksisuuf doorgommii bareeddu addunya bara 2025 kanaaf carraa argateetti.

Dorgommii baredduu Addunyaa bara 2025 kana irratti Hasset dandeettii fi miidhagina ishee kan agarsiifte yoo ta'u, bareeddota addunyaa hanga 24 keessa galuu dandeesseeti.

Hasset dandeettii aartii fi kennaa addaa qabdu agarsiiftee marsaa itti aanutti darbuuf carraaqqii akka taasiftuus BBC'tti himteetti.

''Bareeddota guutuu addunyaa irraa dhufanii fi hawaasa isaanii keessatti dhiibbaa uumuu danda'an waliin dorgommii taasifamuudha. Dorgommii miidhaginaa haa jedhamu malee bifaa fi dhaabbi keetin qofa injifatta utuu hin taane hawaasa addunyaa keessatti dhiibbaa akkamii uumuun jijjirama fiduu akka dandeessun dorgomta.''

Kanaaf kun karoora guddaa qabaachuu, hawaasaaf fakkkeenya ta'uufi biyya ofii waltajji idil-addunyaatti beeksisuuf of kennanii hojjachuu gaafata jette.

Hasseet Darajjee

Madda suuraa, Haset Dereje

Aaadaa fi eenyummaa Itoophiyaa beeksissun alattis xiyyeeffannoon ishee barnoota shamarranii fi hojii tola ooltummaa akka ta'e ibsiti Hasset.

"Dhaabbilee deegartootaa adda addaa waliin ta'uun haadholii fi daa'immaan deeggarsaa barbaadan irratti hojjataan ture, yoon injifadhees injifachuu baadhus kana cimseetuman itti fufa. Shamarran carraa kana akka argatan akkasumas milkaa'uu akka danda'an humneessuu irratti hojjachuun barbaada'' jetti.

Ani as kaniin gahuu danda'e bareeddun anaa olii hin jirtu utuu hin taane, abdii kutuu dhabuudhani, kan jettuu shamarreen tun, waan tokko irratti dafanii abdii muruun akka hin barbaachifne hawaasa keessatti hubannoo uumuun jijjirama fiduu barbaada jetti.

Muuxannoo mataa ishee irraa ka'uun, shamarranii fi dargaggoota Itoophiyaa keessatti carraa barnootaa hin argannee akka argatan, kanneen deeggarsa barbaadan akka deeggaramanii fi shamarran ol ba'anii mul'achuun hawaasa isaanii keessatti jijiirama fiduu hawwaniif kaka'uumsa akka taatu himti.

Bareedduwwan Afrikaa

Bareedduuwwan Afriikaa

Madda suuraa, SM

Bara kana bareedduun Afrikaa hedduun dorgommii bareedduu addunyaa kana irratti hirmaataniiru. Kanneen hirmaatan keessaa muraasni kannen walakkaa xumuraaf darban kana keessatti argamu.

Dorgomtoonni kunneen miidhagina uuman qaban dabalataan agarsiisa aadaafi eenyummaa biyya isaanii akkasumaas danddetti addaa fi kennaa hojii aartii qabaniin wal dorgomu.

Biyyota akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Gaanaa Madagaaskar,Afrikaa KibbaaAngoolaa, Botosuwaanaa,Kaameeruun,Ayivoorii Koost, Ikuwaatooriyaal Giinii fi Naajeeriyaa dabalatee Afrikaa bakka bu'uun kanneen dorgomaa jiran keessati.

Dorgommii guyyaa muraasa giddutti taasifamuun baredduwwaan 10 qofti xumuraaf kan darban yoo ta'u Caamsa 31 ammoo guyyaa bareedduun addunyaa itti beekamuun gonfoo fudhatuudha.

Waltajjiin akkasii kun waltajjii dubartoonni dandeettii isaanii itti agarsiisaniifi mirga dubartootaa ittin leellisaniidha.

Dorgommii agarsiisa adaa fi eenyummaa akkasumallee pirojeektota rakkoo hawaasummaa keessumaa miidhaa dubartoota irra ga'u irratti hubanno uumuuf kaka'uumsa guddaa uumudha.

Bareedduwwaan biyyoota 109 Hinditti dorgomaa jiran

Madda suuraa, Miss World