Yeroo 100 opireeshinii godhameera, ammas hin dhiisu' - Sarjarii miidhaginaa Chaayinaatti akkaan dabale

Abbiy Wuu miidhaginaaf jecha waldhaansi baqaqsanii yaaluu (sarjarii) jalqabaa kan argatte wayita shamarree ganna 14 taate jirtudha.
Dhibee ishee mudatee tureef dawaan hoormoonii kenname ishee furdise. Qoricha kana fudhachuu booda ji'a lama keessatti kg 42 irraa gara kg 62tti guddate.
Barsiistuun diraamaa qaamnishee dabaluu barte, ittis hin gammadne.
''Barsiiftuun koo 'taatoo urjii turte amma garuu baayyee furdatte. Dafii ulfaatina kee hir'isi ykn dhiisii deemi''' ittiin jechuushee Abbiiy ni yaadatti.
Yeroo kana harmeenshee gidduu galte. Abbiy gara Liposuction (sarjarii kutaa qaamaa keessaa furdina hir'isu) geessite. Achiis garaafi miilarraa furdina ture hir'isan.
Abbiy wayita waldhaansa kanaaf qophooftee eegdu, waan harmeenshee ittiin jette yaadatti. ''Goota ta'ii seeni. Yeroo baatu miidhagdee baata.''
Waldhaansichi yeroo kennamu wanti akka of dagattu kennameef guutummaatti akka of dagattu isa godhu waan hin turreef ''qaama koo keessaa furdina hangamii akka baasaniifi dhiiga bahee nan arga ture'' jette.

Madda suuraa, Family handout
Abbiy amma gaheetti ganna 35ti. Hanga ammaa miidhaginaaf jecha sarjarii 100 ol hojjetatteetti. Doolaara walakkaa miiliyoonaa ta'us itti baafteetti.
Gidduugala magaalaa Beejing keessatti kilinika miidhaginaa waahillan waliin qabdi. Damee pilaastik sarjarii (waldhaansa miidhaginaaf godhamu) keessatti akka moodeelaatti ilaalamti.
Waldhaansichi garuu dhiibbaawwan cinaa qaamaa mataasaa qaba.
Abbiy kutaa appaartaamaashee keessatti ofilaalee dura dhaabattee fuulashee suuta waa dibdi. Dhiyoo kana fuulashee xiqeessuuf sarjarii gooteetti. Waldhaansa kana ji'a ji'aan gooti. Sababni ammoo fuullishee akka jabaatee foon qabaatee hin laafneefi. Kanumaafis mangaagaashee xiqqeessuuf sarjarii sadii gooteetti.
Ammoo waldhaansota goote kanaan gonkumaa gaabbitee akka hin beekne dubbatti. Waggoota 21 dura murteen harmeeshee sirrii akka ture amanti.
''Sarjarichi hojjeteera. Guyyaadhaa guyyaatti dubartii ofitti amantuufi gammadduu taate ta'eera. Harmeenkoo murtee sirrii dabarsite natti fakkaata.''

Madda suuraa, Abby Wu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Chaayinaa keessatti pilaastik sarjariin yeroo tokko akka safuutti ilaalamaa ture waggoota 20 darban akka raajiitti fudhatama argate. Guddinasaa keessatti ammoo miidiyaan hawaasaa gahee guddaa baheera.
Chaayinaa keessatti amma waggaa waggaan namootni miiliyoona 20 miidhaginaaf jecha sarjarii raawwatu.
Kanneen keessaa irra hedduun dubartoota. 80% dubartoota yoo ta'an, kana keessaa ammoo hedduun isaanii gidduugalaan umriinsaanii 25.
Aadaa Chaayinaa keessatti akki qaamni ofii itti jiru xiyyeeffannoo guddaa qaba. Keessumaa ammoo dubartootaarratti ilaalchi miidhaginaa baayyee jijjiiramaa deemeera.
Waaggoota darban keessa haalli fuulaa dubartootaa warra lixaatiin dhiibbaan waan irra gaheef dubartootni Chaayinaa fuunyaanfi mangaagaa teessuma ijaafi teessoo fuula isaanii jijjiiruuf yaalaa turan.
Amma ammoo wanti haaraan ta'aa jiru fuula xiqqaa qabaachuuf yaalii godhamuudha.
Sarjariin qola ijaa gara gadiirra godhamu animeeshiniiwwanirraa fudhatamuun ijji akka daa'ima aguddatee akka mula'tu gochuuf yaaliin godhamu dabalaa jira.
Iddoo funyaaniifi hidhii isa olii gidduu jiru gabaabsuun ijoollee ta'anii mul'achuuf waldhaansi godhamus dabaleera.
Haata'u malee wanti dhugaatti waldhaansa kana booda mula'tu, fuula akka gariitti nama hin faakkaanne, akkaa gaariittis fuula daa'imaa hin fakkaanne ta'aa jira.

Madda suuraa, Gao Liu
Fedhii akkaan dabalaa dhufe kana guutuuf Chaayinaa keessa kilinikni baname gara hin qabu. Ammoo hanqina ogeessa hojicha siriitti hojjetuu ni jira. Kilinikoonni gariinis hayyama malee hojjetu.
Akka ragaan iResearch kan daldalarratti hojjetuu agarsiisutti bara 2019tti kilinikoonni 80,000 ta'an hayyama osoo hin argatiin, 100,000 kan ta'an ammoo ogeeyyii gahumsa qaban osoo hin qabaatiin hojjetu.
Sababa kanaattis sarjariiwwan miidhaganiif godhamaniin guyyaa guyyaan balaawwan dhibbana lakkaa'aman ni mudatu.
Dr Yaang Luu ogeetti Pilaastiik Sarjarii hayyama qabuuti. Shaangihaay keessaa kilinika qabanitti lakkoofsi namoota sarjarii akka malee hojjetameef sirrreessuu dhufanii dabalaa jiraachuu dubbatan.

Yuuwi Yuuwi dubartii ganna 28 yoo taatu sarjariinshee jalaa babbadeera.
Bara 2020 lilmeedhaan waldhaansa fuula daa'ima akka qabaattu godhu argttee ture. Hiriyaatu kilinika hayyama hin qabne ishee geesse.
Booda gogaa fuulakoo jala simintoon waan afame natti fakkaata jette.
Rakkoo kanarra abaraaramuuf waldhaansa duraanii kan booda deebisu waldhaansa biraa barbaacha bakka biraa deemtus rakkinichi ittuu hammaate. Waan goga ajalatti kuufame baasuutti ribuu jalaa tuqan sunimmoo gagaashee shuntuuresse.
Achiis bakka biraatti gogaa isa shuntuure gurra jalatti sassabuuf waldhaansa biraa argatte. Innimmoo fuullishee akka dirmammuu qabaatuufi haala uumama hin fakkaanneen akka dhifamu godhe.
Amma eenyummaa koo dhabeera kan jettu dubartiin kun yaaliiwwan miidhaguuf goote hojiisheerratti dhiibbaa uumuu dubbatteetti. Miidhaguun natti haa hafu jetti.
''Ammaan booda miidhaguu hin barbaadu.''
Sarjariiwwan kan dura haalan turetti osoon deebi'eeyyuu baayyeen gammada'' jechuun dubbatti.












