Keeyeroon Darajjee barreessituun fiilmii badhaasa sadarkaa addunyaa injifate maal himti?

Madda suuraa, Keeyeroon Darajjee
Fiilmii Afaan Oromoo mata-dureen isaa 'Soolanee' jedhu tibbana badhaasa sadarkaa idil-addunyaa' Charlottes Black Film Festival' jedhu injifate.
Barreessituun fiilmichaa artist Keeyeroon Darajjee badhaasa meedaliyaa Ameerikaa magaalaa Chaarlotitti Waxabajjii 7, bara 2025 fudhatte.
'' Badhaasicha nan arga jedhee hin eegne ture'' jette.
''Injifachuutti baayyee gammadeen hanga bakka sanaa bahutti kolfaa ture,'' jetti Keeyeroon miira yeroo badhaasicha argattu keessa ture yeroo ibsitu.
Keeyeroon fiilmii Afaan Oromoo jaqaba badhaasa sadarkaa idil-addunyaa akkasiif qaqqabe ta'u himte.
Badhaasichi hojii fiilmiitti caalatti akka cichitu onnachiisuu BBCtti himte.
Keeyeroon akka jettutti, filmiiwwan 100 calalame agarsiisa dorgommichaaf dhiyaate keessaa ramaddii' narrative featuring' jedhuun tokkoffaa bahuun fiilmiin 'Soolanee' jedhu dorgommicha injifate jette.
Agarsiisa fiilmii sanarratti ramaddiin dokimentarii, fiilmii gaggabaaboo fi ramaddiin kaanis turaniiru.

Madda suuraa, Keeyeroon Darajjee
Fiilmoonni agarsiisaaf dhiyaatan barreeffama hiika Afaan Inglizii fiilmicha jalatti barreefamu(subtitle) qabaachuun dirqama ture jetti.
Mormii dargaggootaa Oromiyaa keessatti hammaatee ture hordofuun waggaa saddeet dura hidhaa jalaa miliquuf gara Awustiraaliyaatti baqattee turte.
Jijjirama Itoophiyaa dhufe hordofuun gara Itooophiyaatti deebitee fiilmii kana hojjachuu akka dandeessee dubbatti.
Keeyeroon duraanu taatummaatti hirmaachuu hawaa turu himte, amma hawwishee ganamaa dhugoomsiteetti.
Amma fiilmii barreesite kana biyyoota gargaaraatti imaltee agarsiisurratti argamti.
Yeroo hawaasatti agarsiifamu ''hawaasarraa deebii gaariin argadhe,'' jette.

Madda suuraa, Keeyeroon Darajjee
'Fiilmii kana keessaa seenaa dhugaan qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Solaaneen maqaa taatoo ijoo filmichaa keessa jirturra fudhame. Solanee jechuun ''intala qal'oo, miidhagduu'' jechuu ta'uu ibsiti.
Fiilmiichi qabsoo Oromoo fi dhimma maatii of keessaa qaba jette.
''Anuu fiilmii kana keessaa seenaa dhugaan qaba'' jette.
Hojii fiilmii kanarratti taatoota muuxannoo qabaniifi haaraa hirmaachisu eerte- Fiqaadu Daadhii daarektara fiilmiiti.
Fiilmii kana wayita hojjatan ispoonsara dhabuu akka rakkoo jabaaa isaan mudateetti eerte.
Fiilmii Oromoo dhaabbileen garaa garaa biyyattii keessatti argaman maallaqaan deeggaruurra akka of qusatan ibsite.
Fuuldurattis fiilmii sadarkaa fooyyee qaban hojjachuu ittifufna jette. Obbolota ishee waliin dhaabbata hojii fiilmiirrratti hojjatu hundeessuun sochiirra jiraachuu himteetti.
Keeyroon Darajjee Wallagga Lixaatti dhalatte- magaalaa Bishooftutti guddatte. Amma Awustiraaliyaa jiraatti.
Yeroo mormiin dargaggootaa Oromiyaa keessatti jabaatu barnoota yunvarsiitii addaan kuttee gara Awustiraaliyaatti baqatte.
Hojii fiilmii kanarratti maatiin ishee akka ishee tumsan ibsiteetti.












