Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paayileetii fi gargaaraan isaa dhuganii xiyyaara balaliisan balaa qaqqabsiisan
Naayijeeriyaatti xiyyaarri qubachuuf osoo yaaluu kallattiisaa geeddaratee karaarraa ce'e, balalaliinsaa isaa fi gargaaraan balaliisaa dhugaatii alkoolii dhuganii akka turan mirkanaa'eera.
Biiroon Qorannoo Nageenyaa Naayijeeriyaa taatee Adoolessa keessa buufata xiyyaaraa idiladdunyaa Poort Haarkoort jedhamutti mudate ilaalchisuun balaliisaa fi gargaaraa balaliisaa irratti qorannoo gaggeessaa ture.
Bu'aan qorannoo akka mul'isutti paayileetonni kunneen dhugaatii alkoolii dhuganii turan, akkasumas tuuti balaliistotaa kaanis qoricha sammuu namaa hadoochu- Kanaabiis fayyadamanii akka turan mirkanaa'eera.
Xiyyaara kan kubbaaniyyaa Air Peace ta'e, Booying 737 keessa namoota 103 ta'antu turan.
Air Peace akka jedhetti balaliinsaan umrii waggaa 64 qajeeltoowwan hordofuu dhabuudhaan hojiirraa kan hari'ame yoo ta'u, gargaaraan balaliisaa garuu hojiitti deebi'eera.
Ibsa Air Peace baase keessatti paayileetii gargaaraan erga Abbaa Taayitaa Siivil Aviyeeshiniitiin qorannoon sadarkaa jalqabaa taasifameefii akkasumas qorannoo fayyaa taasifameen sadarkaa gaariirra jiraachuunsaa erga mirkanaa'ee bilisa ba'e.
Haata'u malee akka qorannoo Biiroo Nageenyaa biyyattiitti paayileetii fi gargaaraan paayileetii xiyyaara balaliisuu eegaluusaanii dura yeroo dhihootti dhugaatii dhuganii akka turan ibse.
Akkasumas tuuti balalii xiyyaaraa kaan irratti qabiyyeen Kaanaabiis keessatti argamu kan sammuu namaa si'eessu- THC arguu ibseera.
Air Peace garuu ibsa isaa keessatti qorichi sammuu hadoochu kan Biiroon Nageenyaa ibse namoota kunneen keessatti argamuu kan agarsiisu gabaasi qorannoo dhiigaa fi qorannoowwan kaanis akka isa hin geenye eereera.
''Erga taateen kun mudatee ji'a tokkoo ol boodaa fi balaan kun osoo hin mudatin yeroo sa'atii tokkoo gadii gidduutti gareen balaliistotaa dhugaatii alkoolii dhuguu isaanii ilaalchisee Biiroo Qorannoo Nageenyaa irraa hanga ammaatti qorannoon ifa ta'e nu hin geenye,'' jedhe.
Paayileetiin xiyyaarichaa muuxannoo balalii sa'atii kuma 18 ol kan qabu yoo ta'u, gargaaraan paayileetii, namni umrii waggaa 28, ammoo muuxannoo balalii sa'atii 1200 qaba.
Biiroon Qorannoo Nageenyaa Naayijeeriyaa qorannoon ammallee gaggeeffamaa jiraachuu himeera.
Leenjiiwwan fi qajeeltoowwan bulchiinsa keessoo akka fooyya'uu qabanis gorseera.
Yeroo dheeraaf Naayijeeriyaa keessatti balaan xiyyaaraa mudate jiraachuu baatus yeroo qubatanitti garuu karaarraa ce'uu fi gommaan dhohuun deddeebi'ee ni mudata.
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii biyyattii torban dura giddugala odeeffannoo haaraa kan nageenyummaa balalii fooyyessuurratti xiyyeeffate eegalchiiseera.